Finfinnee: Labsii Yeroo Muddamaa akka guutuu biyyaatti labsame namni badii garaa garaatiin shakkame too’annaa jala oolee qoratamu kan heeyyamu ta’uu kan eeru bulchiinsi magaalichaa, hojiin yeroo ammaa magaalicha keessatti raawwatamaa jirus labsichuma bu’uura godhatee akka ta’e ibsa.
Kanaan walqabatee garuu namoota shakkii qabatamaatiin to’atamaniin alatti eenyummaa ykn sabummaa namaa bu’ura godhatamee hidhamaa jira oduun jedhu dhugarraa kan fagaate ta’uu Biiroon Kominikeeshiinii Bulchiinsa Magaalattii ibseera.
Hogganaan Biirichaa Obbo Yoonas Zawudee ibsa dhimmicharratti dheengadda kennaniin, yeroo ammaa hojiin qindaa’aan qaamolee nageenyaafi hawaasa magaalattiitiin hojjatamaa jiruun nageenyi magaalattii sadarkaa amansiisaa irra jiraachuu dubbatu.
Ummanni magaalattiifi dargaggoonni gurmaa’uudhaan naannawasaanii dammaqinaan egaa jiraachuu himanii, kanarraa kan ka’e nageenya magaalattii mirkaneessuu qofa osoo hintaane yakki hannaafi kanneen biroos hir’achaa jiraachuu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, sagantaan hiriira nagaa deggarsa raayyaa ittisa biyyaatiif torbee darbe magaalattii keessatti adeemsifame hawaasa addunyaatiif ergaa olaanaa kan dabarse ture. ummanni magaalattiifi guutuu biyyaa jiraatu weerara garee Shororkeessaa ABUTtiif harka kan hinkennanne ta’uus kan irratti mirkaneesse ture.
Sakatta’iinsa magaalattii keessatti taasifamaa jiruun meeshaalee waraanaa, maallaqoota biyya keessaafi alaa, dabtara baankii, waraqaa eenyummaa sobaafi wantootni yakka garaa garaatiif oolan hedduunis to’atamaa jiraachuus ni himu. Uffanni seeraa humna addaa naannoo Tigraay kuma 27 ta’uufi uffanni seeraa humna addaa naannoo Affaar hedduunis argamuun ibsameera.
Sochiin galii walitti qabu Raayyaa Ittisa Biyyaatiif torbee kana eegales guyyaa tokkoon qarshii biiliyoona 1.5 ta’u walitti qabuudhaan riikaardiidhaan qabamusaa kan himan Obbo Yoonaas, kunis cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014