Finfinnee: Hiriirri tibbanaa naannoo Oromiyaatti taasifame gocha badii murni Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABUT) kaayyeeffatee ka’e kan jalaa fashaleesse ta’uu Ittigaafatamaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa ibsan.
Ittigaafatamaan biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsa addatti Gaazeexaa Bariisaatiif keennaniin, Itoophiyaan wareegama qaalii abbootiin darban of kabachiiftee osoo hinkoloneffatamiin as ga’uushee kaasanii, ummanni gurraachaa mataa olqabatee akka deemuuf carraa uumuusaa kaasu.
Biyya ummanni biyya kanaa wareegama qaqqaalii kaffalaa as geessise kun salphaatti akka hindiigamneefi wareegama barbaachisu kanfaluuf qophii ta’uusaas hiriirichi akka agarsiisu ibsu.
Akkasumas, deggarsa raayyaa ittisa biyyaa, qeerroofi qarree addatti duulaniif kan itti agarsiise, gareewwan badii ABUTfi shanee ammoo kan ittiin balaaleeffate, miidiyaa alaa gabaasa sobaa gabaasaa jiran kan itti morme, diinoota alaafi keessaa kan naasise lammiilee biyyattiimmoo kan mataa ol qabachiise ta’uu kaasaniiru.
Akka Obbo Haayiluun jedhanitti, Itoophiyaan biyya dhaadannoowwan adda addaafi dhiibbaawwan garagaraatiin bittinooftu miti. Seenaan isheen qabduus kanuma kan mirkaneessudha. Diinoonni amma isheerratti ka’an kunneeniis harka isaanii biyya birmadummaa ishee kabachiisaa jirtu kanarraa akka kaasan hiriira akeekedha.
ABUT qofa osoo hintaane humnoota biyyatti diiguuf lojistikii, deggarsa meeshaalee garagaraafi midiyaadhaan biyyattii kuffisuuf yaaliin isaan godhan milkaawaafi akka hinjirreefi diinoonni biyyattii dhaabatanii lama akka yaadan kan isaan dirqamsiisu akka ta’es dubbataniiru.
Adeemsa imaammataafi tarsiimoo haarawaa biyyatiin biyyoota lixaarraa deeggarsa argattu hambisuu danda’u jalqabuun ishee biyyoota lixaaf kan hin liqimfamne ta’uu isaatirraan kan ka’e midiyaa isaanii fayyadamuun holola sobaa biyyoota addunyaa burjaajessuu danda’u nurraatti bananiiru kan jedhan itti gaafatamaan kun, waraana mul’atufi hin mul’anne nurratti baname kana injifachuu kan dandeenyudhas jedhaniiru.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Sadaasa 4/2014