Sababa bonni jabaateef bineensonni paarkii biyyaalessaa Booranaa midhamaa jiru

Finfinnee: Rakkoo hanqina nyaataa sababa hir’ina rooba gannaan godina Booranaa mudateen namaafi loon miidhama garagaraaf saaxilamuun cinaatti bineensonni daggalaas balaarra jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa ibsan.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Booru ibsa Gaazexaa Bariisaaf dheengadda kennaniin akka jedhanitti, sababa hanqina nyaataa godinicha mudateen bineensonni daggalaalle midhamaa jiru.

Bonni hammaachaa waan jiruuf fedhiin jirufi deeggarsii taasifamuu kan walhinsimanne ta’urraa kan ka’e deeggarsii bineeldoota manaarraa hafe bineensota daggalaaf ta’u akka hinjirre ibsu.

Keessumaa paarkii biyyaalessaa Boorana gama Yaa’a Bal’oon jiru keessatti kanneen akka saalaa, Gadamsaafi Harreedidoo du’aafi miidhamaaf saaxilamuurraa kan ka’e gara biyyaa ollaatti baqachaa jiraachuu himaniiru.

Sababa wiirtuun nyaataa paarkicha keessatti hinqophoofnefi deegarsi argamaa jiru baayina bineeldaa godiniichi qabuun walhinsimaneef xiyyeefannoon barbaachisuu kennuufi akka hindandeenyes dubbataniiru.

Miidhama bineensota kanaa daataan walitti qabuun hagana jechuun rakkisaa ta’uus kessuma Harreedidoo sababa kanaan loon waliin manatti galuunfi karaawwaanirratti du’anii argamuun agarsiistu ta’uu beeksiisaniiru.

Ummanni Boorana kunuunsaafi eegumsa bineensota daggalaarratti aadaafi muuxxannoo cimaa qabachuu eeranii,uummanni ofiif rakkoo bonaa keessa jiru bineensota bosonaa paarkii godinichaa baraaruuf waan danda’u gochaa jiras jedhaniiru.

Akka Bulchichi jedhanitti, paarkiin Biyyaalessa Booranaa bakka galiin gama turiziimiin irraa argamuu waan ta’eef haga danda’ame paarkicha keessatti wiirtuun nyaataa qopheessuun, akkuma jiraatootaafi loonii xiyyeefannoo olaanaan kennamuufi qaba.

Haala qabatamaa amma godinnichi jiruun bonni hammaachaa yoo dhufe bineensota daggalaa miti kanneen manaayyu dagachuun lubbu namaa oolchuuf waan adeemamuuf,jaalatoonni Oromoofi godina Booranaa kanneen biyya keessaafi ala jiran deggarsa akka taasiisan dhaamaniiru.

Sababa hongee godinichatti mudateen hanga ammaa loon kuma 36 ol du’anii, kanneen kuma 66 ta’an kan kaafama yoo ta’u lubbun namaa kan darbe akka hinjirre bulchichi dubbataniiru.

Paarkiin Biyyaalessa Booranaa bara 1979rraa jalqabee kan hundeffame yoo ta’u, bineensoota kanneen akka Guchii, Gadamsa, Saalaafi Harreen didoo bal’inaan keessa jiraatan ta’u, bakka qorannoon ogeesootaan bineensota garagaraatti gaggeefamuufi madda turiizimii biyyattiti.

 Sinqinash Alamuutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You