“Meeshaaleen bu’uuraa qaraxaan ala seenan furmaata qaala’ina gatiif hatattamaa hinfidan” – Doktar Guutuu Teessoo

Finfinnee: Mootummaan meeshaalee bu’uuraa qaraxaan ala akka galan eeyyame turuu waan danda’aniif qaala’iinsa gatiif furmaata hatattamaa akka hinfidne hayyuun dinagdee dubbatan.

Hayyuun dinagdee, Doktar Guutuun addatti dhaabbata pireesii Itoophiyaaf yaada kennaniin, qaala’insa gatii Itoophiyaa keessatti muudate furuuf tarkaanfiin mootummaan fudhachaa jiru dhimma jajjabeeffamudha jedhaniiru. Hayyuun kun qaala’insa gatii kanaaf sharafni alaa waggoota lamaafi sadi dura jirurraa dachaan dabaluu isaa akka sababa ijootti kaa’u.

Meeshaaleen bu’uuraa alaraa galan sharafa alaa kan barbaadanifi kanaafiis biyyattiitti sharafnii alaa hir’inni jiraachuun isaa abbootii qabeenyaa damicharratti bobba’anifi mootummaan sadarkaa barbaadamuun gara biyya keessaatti galchuuf akka isaan rakkisuu danda’u ibsaniiru.

Gama birootiin sababa hanqina sharafa alaafi kanneen birootiin meeshaaleen qaraxaan ala gara biyya keessaatti seenan geejibamani gara biyya keessaatti kan gahan ji’oota afuri hanga jahatti waan itti fudhatuuf lammileef dafanii dhaqqabuu dhiisuu akka danda’an dubbataniiru.

Furmaanni fudhatame gahaa kan ta’efi kophaa isaa furmaata fida jedhamee fudhatamuu hinqabu kan jedhan Doktar Guutuun, murton mootummaan fudhate gahee mataa isaa kan qabu ta’uu himaniiru.

Meeshaaleen bu’uuraa yeroo amman kana gabaarra jiran kanaan dura kan qaraxaan seenan waan ta’aniif murtoon murtaawe dafee furmaata fida jechuuf akka nama rakkisu eeraniiru.

Gama birootiin qaala’insi gatii biyyattii keessatti muudate maddisaa tokkofi lama qofa osoo hintaane gariin isaa ijaarama dinagdee biyyattiin kanaan dura aadeeffachaa dhufterraa kan madde ta’uus ibsaniiru.

Keessattuu kanaan dura aangoo mootummaara kan bu’e shororkeessaan ABUT dinagdee biyyattii hedduu qaamolee garichaaf dhiheenya qabaniin kan dhunfatame ta’uusaatiin namni kamiyyuu gara daldalaatti seenee akka hinhirmaanne taasifamuu isaanitiin fedhii lammilee giddugaleessa godhachuun meeshaaleen bu’uuraa akka hindhihaanne godhamaa turu isaaniis akka gufuu dinagdee ijoottii kaasu.

Akka ibsa hayyuu dinagdee kanaatti, abbootin qabeenyaa dhunfaa haala barbaadamuun dinagdee biyyatti keessatti hirmaachuu dhabuunsaanii, qaamolee motummaatti dhiheenya qaban hirmaachuunsaanii qofa osoo hintaane yeroo mootummaam jijjiramu waliin baduu isaanii waliin wal qabatee rakkoo uumamudha. Kunis dinagdee biyyattii gaaffii keessa galchuun gabaan akka hintasgabboofne taasisuu danda’a.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You