‘’ Hawaasin murna shororkeessaa ABUT barbadeessuuf kan durii caalaa tokkummaan ka’eera ’’ -Obbo Haayiluu Addunyaa

Finfinnee : Hawaasni murna shororkeessaa ABUT Onkoloolessa 24 bara 2013 Raayyaa Ittisa Biyyaarratti gocha gara jabinaa hamaa raawwate barbadeessuuf yeroo kamiyyuu caalaa tokkummaasaa cimsachuun ka’uusaa mootummaa naannoo Oromiyaa beekisise.

Gochi gara jabinaa murnichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Iizii Kaabaarratti raawwate bara baraana kan balaaleffatamuufi yaadatamu ta’uu Hogganaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsaniiru.

Obbo Haayiluun yaadannoo haleellaa diinummaa murni shororkeessaa ABUT Raayyaa Ittisa Biyyaarratti raawwate waggaa tokkoffaa ilaalchisuun ibsa Gaazexaa Bariisaaf Kibxata darbe kennaniin akka jedhanitti, hawaasin kan duraanii caalaatti xiiqeffachuun tokkummaasaa cimsatee murna badiisaa kana barbadeessuuf ka’eera.

Shororkeessaan birmadummaafi tokkummaa biyyaa gama siyaasaafi diingideetiin diiguuf ammas gochoota badii gara garaa raawwachaa jira. Murnichi yeroo aangoorra tures sabaafi sablammoota biyyattii garaagarummaa xixiqqoon qoodee walnyaachisaa tureera. Raayyaa Ittisa Biyyaa akka ergamasaa raawwachuuf tolutti hundeessee ture jedhu.

Gareen shororkeessaa kun yeroo aangoorra ture doolaara biliyoona 30 saamuun biyyattiin kufaatii diingidee keessaa akka hinbaane taasisuusaa ragaan dhaabbata faayinaasii biyyoolessaarraa argame wabeeffachuun dubbataniiru. Kana qofa osoo hintaane manneen hidhaa biyyattii keessa jiran afaan Oromoo hamma dubbatanitti ilaamn Oromoo hidhuu, ajjeesuu, ajjeesisuun diinummaasaa agarsiiseera ammas agarsiisaa jira jedhu Obbo Haayiluun.

Murni kun giddugala siyaasa biyyattiiti erga buqqa’ee booda ani biyya bulchu malee biyyi nidiigamti ergama jedhu galamaan ga’achuuf gocha suukanneessaa gara jabinaan guutameen Raayyaa Ittisa Biyyaa waraanuun diina Itiyoophiyaa ta’uusaa agrsiiseera jedhu.

Ummatin Oromoo, sabaafi sablammoonni naannicha keessaa jiraatan mata duree “lukkuu haga lubbbuutti wareegama kaffaluu’’ jedhuun biramadummaafi tokkummaa biyyaa kabachiisuuf kan duraanii caalaa tokkummaan ka’eera. Qeerroofi qarreen Oromoo kaleessa dhagaafi uleen shororkeessaa falamaa turan hara’a meeshaa waraanaa ammayyaa hidhachuun Raayyaa Itti Biyyaa faana hiriiruun shororkeessaa barbadeessuuf wareegama qaalii kaffalaa jiraachuus himaniiru.

Hawaasnis walijaaree tokkummaan naannaawaasaa eeggachuun ijoolleensaas Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin ta’uun diina biyya diiguuf ka’e akka barbadeessaaniif tumsi taasifamaa jiru itti fufuu akka qabus eeraniiru.

Dhalooti amma jiru diina keessaafi alaan Itiyoophiyaa diiguuf ka’e kana barbadeessuuf gootummaa abbootiisaaniirraa dhaalan bu’uura godhachuun birmadummaa, tokkummaafi badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf wareegama isaanirraa eegamu kaffaluuf akka of qopheessan waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You