“Gootummaa Abbootii keenyaa dabaluun humna shororkeessaa barbadeessu qabna” -Addee Adaanach Abeebee

“ Lammiileen hundi Humna Itoophiyaa diiguuf ka’e irree gamtoomeen ofirraa qolachuu qabu” -Letanaal Jeneraal Baacaa Dabalee

Finfinnee: Gootummaa Abbootii irra deebi’uun humna shororkeessaa barbadeessuun dhaloota ammaarraa akka eegamu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ibsan.

Kantiibaan magaalattii Aadde Adaanach Abeebee, sagantaa yaadannoo waggaa tokkoffaa guyyaa ajjeechaa shoroorkeessaan ABUT gooticha Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) ajajaa Kaabaarratti, Onkolooleessa 24,2013 raawwate yaadachuuf qophaa’erratti argamuun akka jedhanitti, RIB birmadummaa, tokkummaafi gootummaa Itoophiyaanotaa tiksuun har’arra geessiserratti ajjeechaa sukkanneessaa gareen finxaaleyyii ABUT irratti dhaqqabsiisan yoomiyyuu kan dagatamu miti. Gantummaan kun seenaa biyyattii keessattii godaannisa gurraacha ta’uun barabaraan yaadatama.

Lammileen Itoophiyaa har’aas gootummaa abbootiin isaaniif dabarsuun biyya birmadummaashee eegde laataniif kana tursuuf gantumma gareen shoroorkeessaa raawwate ofirraa qolachuun barbaachisaa ta’uu kaasanii, dargaggoonni magaalaa Finfinneefi lammileen hundi RIB cinaa dhaabbachuu akka qaban dhaamaniiru.

Saganticharratti kan argaman Qindeessaa Olaanaa Ijaarsa Raayyaa Letanaal Jeneraal Baacaa Dabalee gama isaanitiin gantummaan onkolooleessa 24 bara 2013 RIBrratti raawwatame seenaa keessatti takkaa mul’atee kan hin beeknefi gara fuula duraattiis kan irra hindeebi’amne gochaan gara jabinaa ta’uu dubbataniiru.

Waraana eegalame dirqamaan kan itti seename ta’uu eeranii, lammiileen biyyattii marti humna shoroorkeessaa kana irree gamtoomefi toftaa qabsoo garagaraan ofirraa qolachuu akkasumas boolla ofii qotateetti awwaala isaa raawwachuu akka qaban dhaaaniiru.

Qabsoon kun gara ummataatti waan deebi’eef lammiin humni isaa danda’ufi shororkeessaan ABUT deebi’ee lammiilee akka hincunqursine barbaadu hundi raayyaa biyyattii ta’ee garee weeraraa kana ofirraa qolachuun injifannoo goonfachuu akka qabus ergaa dabarsaniiru.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014

Recommended For You