Finfinnee: Abukaatoon seeraa Obbo Gizawu Kabbadaa labsiin yeroo hatattamaa kan manni marii Bakka Bu’oota Uummataa dheengadda mirkaneesse balaa biyya Itoophiyaarratti biyya keessas ta’e biyya alaarraa irratti akeekame qolachuuf iddoo olaanaa qaba jedhan.
Obbo Gizawu gaafdeebii dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, biyya diigamarraa oolchuf tarkaanfii mootummaan labsii kana labsuun fudhachaa jiru haguuggaa seeraa kan qabuufi mirga nama dhuunfaas ta’e kan garee eeguufi eegsisuuf kan mijatuudha. Labsichi kan ba’e heera mootummaa biyyattii keeyyata 93 bu’uura godhachuun ta’uus ibsaniiru.
Humna dhaabbilee nageenya hunda iddoo tokkotti qindeessun bifa qindaa’een hojjechuudhaan nageenyaafi tasgabbii biyya kan humna shororkeessaa ABUTn rakkoo keessa gale deebisnee akka argannuf labsichi gahee oolaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Humnoonni shororkeessitootaa kan lammiilee miidhuuf sosocho’an bakka tokkoo gara bakka biraatti lo’anii seenuudhaan waan ta’eef labsiin kun sosochii qaamolee kanaa to’achuuf ni kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Akka Obbo Gizawu jedhanitti, labsichi mirgaafi dirqama kan mootummaa, kan lammileefi kan humnoota nageenyaa ifatti kan lafa kaa’edha malee humnoonni nageenya akka fedhasaaniitti waan fedhan akka raawwatan, namaafi qabeenya namaatirratti tarkaanfii barbaadan akka fudhatan kan eyyamu miti.
Dhiittaan mirga namoomaafi manca’iinsi qabeenyaa garee garee shororkeessitootaatiin lammillee biyyattiirratti raawwatamaa jiraachuu himanii, rakkoolee kana hunderraa furuuf labsii kana labsuun furmaata sirriidha. Labsichi miidhaa gareen shororkeessitootaa bakkeewwan hedduutti lammiileerraan gahaa jiran furuuf kan gargaaru ta’uus himaniiru.
Labsichi seeraan akka hojiirra ooluuf namni hundi mirgaafi dirqamasaa adda baafachuun qaba kan jedhan Obbo Gizawu, mootummaanis gama isaatiin hojii hubannoo cimsuu bifa leenjiitiinis ta’u karaa miidiyaa hawaasni labisicharratti hubannoo gahaa akka qabaatu taasisuu akka qabus eeraniiru.
Keessumaa qaamoleen labsicha raawwachiisan qaamoleen nageenya waan ta’aniif akkataa itti labsicha raawaachiisan irratti hubannoo gahaa qabaachuu qabu kan jedhan abukaatoon kun, yoo kun ta’e sababa labsichaatiin namni seeraan ala reebbamu, du’uufi qabeenyisaa irraa fudhatamu hijiraatu jedhu.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 27 Bara 2014