Rippoortara gaazexichaatiin
Finfinnee: Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti qopheessaa olaanaa kan ture Gaazexeessaa Alaazaar Shifarraawu kaleessa ganama addunyaa kanarraa du’aan boqote.
Gaazexeessaa Alaazaar, Mudde 1 bara 2002 irraa eegalee hanga addunyaa kanarraa du’aan boqotetti, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti sadarkaalee hojii adda addaatiin lammiifi biyyasaa tajaajilaa tureera.
Maatiinsaa turtii bilbilaan Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin kaleessa ganama taasisaniin, Gaazexeessaa Alaazaar kaleessa ganama tasa addunyaa kanarraa boqochuu himaniiru.
Sirni awwaalchaa Gaazexeessaa Alaazaar har’a Waldaa Madihaani’aalam Kaarraatti akka gaggeeffamu ta’u beekameera.
Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa maatiifi hiriyoota Gaazexeessaa Alaazaariif jajjabina hawwa.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014