“Mootummaan waliigaltee biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhurratti hirmaachuu malee hogganuu hinqabu”- Jaal Leencoo Lataa

“Mariin biyyaaleessaa adeemsifamuuf jedhu ummattoota kallattiitokko qabsiisuuf taanaan bareedaadha” – Jaal Toleeraa Adabaa

 Natsaannat Taaddasaafi Saamraawiit Girmaatiin

Finfinnee: “Mootummaan waliigaltee biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhurratti hirmaachuu malee hogganuu hinqabu. Mootummaan waliigaltecha kan hoogganu taanaan rakkoon uumamuu danda’a” jedhu hayyuun Siyaasaa Jaal Leencoo Lataa.

Jaal Leencoon ibsa kaleessa Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, waliigalteen biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu qaamolee siyaasaafi mootummaa qofa osoo hintaane hojjettoota, abbootiin qabeenyaa, abbootiin amantii, abbootii Gadaa akkasumas humnoota hidhatanii socho’aniifi miseensota paartiilee siyaasaa mana hidhaa jiran hirmaachisuu qaba. Qaamoleen kunneen haalaafi sadarkaa kamiin waliigaltecharratti akka hirmaatan adda baasuun hojii dursee irratti hojjetamuu qabu akka ta’es himaniiru.

Waliigalteen biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu kun dhimmoota bu’uuraarraatti waliigaltee uumuu qaba kan jedhan hayyuun siyaasaa kun, akkasumas walhubannoo saboota Itoophiyaa hunda waltaasisu uumuu qaba. Waliigaltechi bu’aa barbaachisu akka argamsiisuuf dursanii irratti hojjechuufi gad taa’anii sirriitti irratti mari’atanii waliigaluun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Waliigaltecharratti dhimmoonni bu’uuraa kanneen afaan kamiin hojjetamuu akka qabu, alaabaafi seenaa biyyattii saboonni biyyattii marti irratti walii hingalle ka’anii waliigalteerra ga’amuu qabu kan jedhan Jaal Leencoon, dhimmoota bu’uuraa kunneenirratti waltaanu malee akka biyyaatti waliin turuun hedduu sodaachisaa ta’a jedhu.

Waliigalteen biyyaalessaa kun yoo sirriitti hojiirra oole biyya haaraa saboonni Itoophiyaa hundi irratti walta’an hundeessa kan jedhan Jaal Leencoon, akkasumas sirni dimokiraasii biyyattii keessatti akka hojiirra ooluuf karaa saaqa jedheen amana jedhu.

Dubbi Himaan ABO Jaal Toleeraa Adabaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, mariin biyyaaleessaa adeemsifamuuf jedhu ummattoota kallattii tokko qabsiisuudhaaf deemama yoo ta’e bareedaadha. “Garuu wantoota seeraafi sirnaan deemamurratti haasa’ama taanaan rakkooodha. Namoonni kaan akkaataan itti ilaalaa jiran waan uume qaba. Kanneen “mootummaa kana keessatti hirmaachuu qabna” isa jedhurratti mari’atama taanaan ni deemsisa jedhee hin yaadu. Sababnisaa filmaanni adeemsifamee, ummanni nama na bulcha jedhu bakka buufatee, mootummaan ijaaramee raawwateera. Utuu kun seerawaa ta’ee jiruu gama morkattootaatiin ilaalcha jedhameen deemu taanaan bu’aa qaba jennee hin yaadnu” jedhu.

Biyya kana keessa garaagarummaafi waldhabdeewwan furmaata gurguddaa  barbaadan hedduun jiraachuu kan eeran Jaal Toleeraan, kanaaf maalirratti waltaana, Itoophiyaa akkamii ijaarra, akkamittimmoo waltaanee ijaaruu dandeenya isa jedhurratti mar’iachuun gaarii ta’uu dubbatu.

“Kanaachi inni kaan walga’iidhuma kanaan heera biyyattii achumatti ciree deemuu yaada, kaan immoo waa itti dabaluu ykn irraa hir’isuu kan yaadu jira. Kan akkuma jirutti haa taa’uu jedhuus jira. Kanaaf deemama taanaan keessaayyuu hinba’amu. Sababnisaa, mirga sanaa kan qabu ummata qofa waan ta’eef. Kunis kan ta’u paarlaamaadhaani” jedhu.

Kanaaf marichi hundeen Itoophiyaa maalirratti ijaaramuu qaba isa jedhurratti yoo xiyyeeffate malee, fedhii paartii ykn jaarmiyaa tokkoo guutuuf adeemsifama yoo ta’e sirrii akka hintaane dubbatu.

 Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You