Mariin biyyaalessaa aadaa kennanii fudhachuu giddugaleeffachuun gaggeeffamuu akka qabu ibsame

Gammachuu Kadiriin

Finfinnee: Mariin biyyaalessaa baatii Sadaasaa keessa gaggeeffamuu garaagarummaa ilaalchotaa gama seenaafi siyaasaan yeroo dheeraaf biyyattii keessa turanii gara waliigaluutti fiduuf aadaa kennanii fudhachuu giddugaleeffachuun geggeessuu akka qaban hayyoonni ibsan.

Yunvarsiitii Ambootti, Barsiisaan Saayinsii Siyaasaa Salamoon Tafarraa, dhimma marii biyyaalessaa ilaalchisuun gaazexaa Bariisaaf dheengadda akka ibsanitti, marichi garaagarummaa jiru dhiphisuun dhiibbaa biyya alaafi keessoo jiru dhabamsiisuun tokkummaa biyyaa cimsuu keessatti shoora olaanaa waan taphatuuf aadaa kennanii fudhachuu giddugaleeffachuu akka qabu ibsan.

Waraanni kaaba biyyattii gaggeffamaa jiru tokkummaa ummataa cimsuun dafee akka xumuramu taasisuun wantota adeemsa mariicha gufachiisan aadaa siyaasaa boodatti hafaa hambisuu, qajeelfama kennanii fudhachuufi haalduree kaa’amu hordofuu milkaa’aa taasisuu akka qabu ibsu.

Marichi dhiibbaa humnoota alaan akka hinbutamneef fedhaafi kaayyoon humnoota alaa keessumaa kan Ameerikaa maal akka ta’e mootummaan sirriitti adda baafatee beekuun akka irra jiru kaasanii, Ameerikaan haala yeroo Itoophiyaafi Sudaan maqaa gargaarsa namoomaatiin gidduseentummaa ishee qabatamaatti agarsiisaa jiraachuu eeru. Mootummaafi qaamoleen dhimmichi ilaalllatu mariin biyyaalessaa akka milkaa’uuf xiyyeeffannaan hojjechuu qabus jedhu.

Maricharratti eenyutu hirmaataa, ajanadaa dhiyaatuufi hindhiyaanne adda ba’uun haala duree qopheessuun yoo itti seename adeemsa marichaa milkaa’aa akka taasisu dubbataniiru.

Murnooti siyaasaa mana maree bakka bu’oota ummataan shororkeessaa jedhamuun moggaafaman ajandaa ijaaru qabatanii waan hindhiyaanneef hirmaachuun isaanii bu’aa akka walqabsisuun himaniiru. Mirga  namoomaa, mirga sabaafi sablammootaa,tokkummaa biyyaa dhimmota ajandaa marii biyyaalessaaf dhiyaachuu hinqabne keessaa ta’u ibsanii jiru.

Gama biraatiin, Yunvarsitii Finfinneetti, Qorataan Aadaa Siyasaa Doktar Taaddasaa Jaallataa, mariin biyyaalessaa rakkoo biyyi keessaafi alaa keessa jirtu keessaa ba’uuf qooda fudhattoonni marichaa qajeelfama kennanii fudhachuun yaada biyya ijaaru fiduuf karaa filannoo hinqabne jechuun dubbataniiru. Marichi fedhiifi bu’aa waliin sabaafi sablammootaa, garaagarummaa ilaachaa seenaa darbeefi siyaasa jiru irratti xiyyeeffatamuu akka qabu kaasu.

Mariin geggeffamu paartilee siyaasaa qofaan kan geggeeffamu yoo ta’e, biyyi kan paartilee siyaasaa waan fakkeessuun anatu siif beekaa fudhadhu gara jedhutti geessa waan ta’ee qooda fudhattooti dhimmichaa hundumatuu micha geggessuu qabu.

Waraana, waldhaga’uu dhabuu, aadaa kennanii fudhachuu dhabuufi giddu seentummaa qaama alaa gufuu maricha ta’uun hubatamee of eeggannoo cimaan akka ittlaatamu jechuun Doktar Taaddasaan dhaamaniiru.

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You