Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Guddina dinagdee amansiisaa mirkaneessuufi sirna qusannaa ammayyaawaa diriirsuun humna faayinaasii qonnaan bultootaafi horsiifatee bultootaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa beeekise.
Pirezdaantii Ittaanaafi Hogganaan Faayinaansiifi Faasilitii baankichaa Obbo Gaaddisaa Maammoo sagantaa badhaasa qonnaan bultoota baankichatti qusatanii marsaa tokkoffaa Kibxata geggeeffamerratti argamuun haasawaa taasisaniin akka jedhanitti, qonnaan bultoota sirna olkaa’annaa ammayyawaatti madaqsuun humna faayinaansiisaanii cimsachuun guddina dinagdee baankiin deggerame mirkaneessuuf baankichaan hojjetamaa jira. Qusachuun humna faayinaasii qonnaan bultoota cimsuuf seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif hojiirra oolchuun yeroo gabaabaa keessatti maamila baay’ee horachuun akka danda’ame ibsaniiru.
Kaayyoon badhaasichaa baankichatti qusachuun gama biraanis abbaa carraa akka taasisu ergaa jedhu dabarsuu yaadamee ta’uu kaasanii, baankichi guddinni dinagdee biyyaa akka baankiin deggeramu taasisuufi qonnaan bultootaafi horsiise bulaa manaa manatti qaqqabuuf hojii hojjeteen maamiloota kuma 161 fi 878 horachuun qarshii biiliyoona tokko akka qusatan ta’uusaa ibsaniiru.
Sirni qusannaa baankichaa dinagdee baadiyyaa cimsuurratti xiyyeeffachuu, hammi dhalaa argamuu tajaajila dhalaa kanneen biroorra caalmaa qabaachuufi sirna qusannaa dhala malee hammatee tajaajilaaf ooluunsaa adda taasisa jechuun ibsaniiru.
Qonnaan bultootni dhiyeessii faayinaansii argatanittii fayyadamuun humni faayinaansii isaanii cimsachuun calla guddistuuf, teknolojii qonnaa ammaayawaa, xaa’oo bitachuuf olkaa’achuun barbaachisaadha. Haaluma kanaan qonnaan bultoota olkaa’achuun sadarkaa olaanaarra ga’an carraa adda baasuun meeshaalee qonnaa ammaaayaawaa tiraaktara, doqdoqqeefi mobaayilii ammayyaawaa carraan akka badhaafaman taasifameera.
Qonnaan bulaa badhaafamaa tokkoffaan Godina Iluu Abbaabooraa, aanaa Mattuu ganda Tullubbee, Obbo Isheetuu Kabbadaa gamasaaniin sirna qusannaa baankichaatti fayyadamaa olaanaa ta’uun Tiraakitara biraadii ‘Johndeer’ jedhamu akk badhaafaman ibsanii jiru.
Qusachuun humni faayinaansii isaanii waan cimeef yeroo fedhanitti galtee calla guddistuu xaa’oo, sanyii filatamaa isaan barbaachisan akka bitatan akka taasise dubbatu. Sababa kana irraa ka’een jijjiirama jireenya isaanii keessaatti mul’aterra darbee badhaafamaa baankichaa akka taasise dubbatu. Guyyaa badhaasa kana fudhataniirraa kaasee mala aadaan qotuu irraa gara tiraakiteraan qootuutti akka ce’an eeruun qonnaan bultooti biroon akka fayyadaman qusachuu akka aadeeffatan ergaa dabarsu.
Gullallee Gabreelii irraa badhaafamtuu sadarkaa lammaffaa kan ta’an Aadde Tsahaay Kabbadaa Baankii hojii Gamtaa Oromiyaatti qusachuun tiraaktara badhaafamusaaniif gammachuu guddaa itti dhaga’ame ibsaniiru. Gara fuulduraatti qusannaa cimsuun qonna ammayaa bal’isanii qotuufi qophii akka ta’an eeruun qonnaan bultoota akka isaaniif deggersa akka taasisan ibsaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014