GEGGEESSAA JIJJIIRAMAA

Seenaa geggeessitoota hedduu yeroo ilaallu baay’een isaanii bakka jiranitti fayyadamanii yeroo biyyaafi dhaloota ijaaran kaan ammoo aboo qabanitti fayyadamanii biyyaafi dhaloota diiganii darban. Tokko tokko waan haaraa yeroo hojjetan kaan ammoo isa moofaa diiganii haraa utuu hinijaarin darban. Baay’een isaanii hojii eegalanitti milkaa’oo yeroo ta’an muraasni ammoo yaalanii lafa aggaaman utuu hinga’in darban.

Baay’een isaanii dhaabbataafi biyya kufetti lubbuu gochuun, hordoftoota isaaniif fakkeenya gaarii ta’anii, hordoftootasaanii irraa kan barbaadan duraan dursanii ofiif fakkeenya ta’uun agarsiisuun namoota hojii qofaaf utuu hinta’in namoota jijjiiramaaf hojjetaniidha. Geggeessaan tokko waan ofiif hinta’in namni kan biraa akka ta’uu irraa eeguun gowwummaadha.

Addumaan bara keessa jirru kanatti sadarkaa kamitti iyyuu rakkoon geggeessummaa nimul’ata. Inni kun akka biyya Afrikaa qofaatti utuu hinta’in akka addunyaatti rakkoo mul’atuudha. Kanaaf dhaabbileen garagaraas ta’e biyyi geggeessitoota jijjiiramaaf dhamaa’an nibarbaadu. Geggeessitootni jijjiirama fidanis biyya lafaa jijjiirama cimaa keessa jirtu kanaaf daran barbaachisoodha. Geggeessitootni jijjiirama fidan caasaalee kanaan dura turan kan sirriitti hojii hinhojjechiisneef jijjiiramaaf of kennoo hintaane jijjiiruun, hojjettoota irraan dhiibbaa gaarii kan geessisaniifi mul’ata jiru keessatti akka hirmaatan gochuun itti gaafatamummaa haaraa fudhatanii jijjiiramaaf akka qophaa’an kan taasisaniidha.

Geggeessitoota jijjiirama fidan aboo qabanitti fayyadamuun hojjettoota kakaasuun fakkeenyummaa gaarii ofii qaban akka duukaa bu’aniifi akka isaan amananii fakkeenyummaasaanii hordofan gochuu danda’uudha. Namoonni jijjiiramaaf hojjetan dhiibbaa gaarii dhaabbata tokkorratti fiduu kan dandaa’aniidha. Xiyyeeffannoon isaanii inni cimaan hojjettoota dhaabbata keessaa hojjetan jijjiirama itti fufiinsa qabu irraa kan barataniifi kan keessatti guddachuu dandaa’an uumuudha.

Geggeessitootni jijjiirama fidan dhaabbata kam keessatti illee nibarbaadamu. Kan nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate geggeessitoota jijjiirama fidan argachuun salphaa miti. Akkuma dhagaa bakka kami iyyuu yoo argatan warqeen salphaatti hinargamne geggeessaa salphaatti argachuun yoo dandaa’ame illee geggeessitoota jijjiirama fidan salphaatti argachuun hindandaa’amu. Geggeessitootni jijjiirama fidan haala kam keessatti illee dhiibbaa gaarii geessisuu kan dandaa’aniidha.

Haa ta’uyyuu malee miidhaan gama kanaan nidhufa jedhamee namoota hedduun sodaatamu nijiraata. Geggeessitoota jijjiiramaaf hojjetan kan fakkaatan garuu dhugummaa kan of keessaa hinqabne warra geggeessan irraatti miidhaa hamaa geessisuu nidanda’u. Isa kana keessatti akka geggeessitootni kun hojjettoota irratti miidhaa hamaa hinfidneef daangaa hojii isaaniif kennamee keessatti akka eegaman gochuun barbaachisaadha.

Geggeessaan cimaafi jijjiirama fidu kan ofii waan cima hojjetu qofa utuu hinta’in kan namoota waan cimaa hojjechiisu ta’uu qaba. Sababiin isaa geggeessaan namoota kakaasuun ofii cimaa ta’uu isaa mul’isuuf kan yaalu utuu hinta’in namoota aangessee akka isaan cimanii dhaabatan kan taasisuudha. Hojiin geggeessummaa namoonni akka isaan fedha isaaniitiin waan hojjechuu qaban hojjechuu dandaa’an taasisu malee geggeessummaan maqaa qofa ykn taayitaa qofa miti. Isa kana gochuu kan dandaa’an geggeessitoota miiraan geggeessan utuu hinta’in gadi fageenyaan yaaduun, beekumsa irratti hundaa’uun hubannaafi bilchinaan kan geggeessaniidha.

Geggeessitoota jijjiirama fidan ilaalchisee qorannoowwan garaa garaa yeroo addaa addaatti godhamaniiru. Isaan kana keessaa tokko tokko geggeessitoota jijjiiramaa wajjin hojjettootni hojjetan, fayyaan isaanii akka eegamu, jireenyi dhiphinaa heddumminaan akka irratti hinmul’atne, hojii irraa ooluun akka xiqqaatu yeroo ibsan ogeeyyii biyya Arabaan kan geggeeffame tokko garuu hojjettoonni geggeessitoota jijjiiramaaf hojjetanii wajjin oolan akka miidhaman dubbatu. Sababiin isaa hojjettoonni akka jabaatanii hojjetaniif sababa dhiibbaa irraan ga’aniif fayyaasaanii irratti miidhaa niqabaata jedhu.

Haa ta’u iyyuu malee geggeessaan jijjiiramaaf hojjetu jireenya namootaa jijjiiruu irratti xiyyeeffachuu qaba. Wanta moofaa ta’e tokko keessaa waan haaraa baasuu, tarsiimoo siyaasaa, aadaafi barmaatilee hojii nama hinhojjechiifne jijjiiruu danda’uudha. Geggeessummaa akkasii keessatti isa bayeessa hojjete badhaasanii isa dadhabaa immoo adabuu of keessaa hinqabu. Haa ta’u iyyuu malee geggeessitootni hojjettootaa wajjin ta’uudhaan harka walqabatanii walii isaanii keessatti hamilee uumuudhaan kan waldadammaqsuun hojjetaniidha.

Hojjettoonni akka jijjiiramaaf of kennaniifi akka geggeessitoota jiranii wajjin hojjechuu danda’an gochuun barbaachisaadha. Geggeessuu qofa utuu hinta’in fedha hojjettootaa qorachuun, fedhasaanii guutuufi hojjettootaaf ilaalcha sirrii qabaachuun bu’aa guddaa niqabaata. Sababiin isaa namni kam iyyuu bakka jirutti jijjiirama fiduu, ilaalcha gaarii argachuu, waan gaarii hojjeteef beekamtii argachuufi kkf nibarbaada. Geggeessaan geggeessummaasaa irratti, barataan barumsa isaatti, daldalaan gama daldala isaatiin, atileetonni gama irratti bobbaa’aniin jijjiirama fiduu nibarbaadu. Garuu karaatu isaan barbaachisa; kallattii irra fiiganii milkaa’an sirrii itti agarsiisuun hedduu barbaachisa.

Kana irraa kan ka’e namoonni geggeessummaa ilaalchisee gaaffii hedduus niqabaatu. Gaaffiiwwan isaanii keessaa muraasni jijjiiramaafi dhiibbaa gaarii akkaataa itti fiduun dandaa’amu, dhoksaa geggeessitoota addunyaa kana irratti dhiibbaa gaarii fidanii, bakka jiranittis ta’e fuula duratti jijjiirama fiduuf ulaagaalee hordofuu malan, kan jedhuufi kkf qabaachuu nidanda’u. Sababiin isaa namni kam iyyuu bakka jirutti jijjiiramaafi dhiibbaa gaarii fiduu kan hinbarbaanne hinjiru. Geggeessitoonnis jijjiiramaaf akka hojjechuu barbaadan, kaayyoon isaanii jijjiirama fiduu akka ta’e yeroo isaan dubbatan nidhageenya.

Sababiin isaa namni kam iyyuu geggeessummaaf yeroo barbaadamu jijjiirama akka fiduuf, bara jiraatu keessatti waan tokko ida’uu akka danda’uuf malee isa kanaan duraa akka itti fufsiisuuf miti. Namni hunduu akeeka adda ta’eef uumame. Yeroo uumamne bara jiraannu keessatti jijjiirama akka fidnuuf malee lafa kana irraa bakka qabachuun, addunyaan kan isheen kennitu soorachuufi waggaa lakkaa’achuun biyya lafaa irraa godaanuuf miti. Ykn ammoo akka namoota hedduu addunyaa kanarratti bakka geggeessummaa qabachuun balleessaa seenaan hindaganne dalaganii darbanii akka taanuufis miti. Jijjiirama fiduu irra, dhaloota waan gaariif qopheessuu irra hamminaan sammuusaanii guutuun badiisaafi dhumiisa dhalootatti kan fidan hedduudha. Isa kana bal’inaan waggoottan hedduuf biyya keenya keessatti agarreerra.

Naapooliyoon namni jedhamu ajajaan loltootaa biyya Xaaliyaanii waa’ee geggeessitootaa yeroo dubbatu, “Hoomaan hilleettii leencaan geggeeffamu hoomaa leencaa hilleettiin geggeeffamu irraa harka hedduu caala” jedha. Geggeessummaan ga’ee guddaa taphata. Egereen dhaabbata tokkoo geggeessitoota irratti hundaa’a. Egereen biyya tokkoos geggeessitoota irratti hundaa’a. Kuffisuus ta’e kaasuun harka geggeessitootaa keessa jira. Isa kanaaf ammoo geggeessitootni yeroo hundumaa qophaa’oo ta’uu qabu.

Haa ta’u iyyuu malee geggeessaa jijjiirama fidu attamitti ta’uun dandaa’ama? Man-kuusaa Amaazon jedhamu qofa keessa kitaabota geggeessummaarratti barreeffaman mata duree addaa addaa kuma afurtamaa oltu jira. Isaan kunneen hundi akkaataa itti namoonni geggeessaa cimaa ta’an ilaalchisee waan hedduu dubbatu. Geggeessitootni jijjiirama fidan seenaatti bifa kan godhan, addunyaa kallattii kan qabachiisan jijjiiramaaf kan dhalataniidha. Addunyaa kanarratti nama hunda keessatti isa kana arguu yoo dadhabne illee geggeessitoota muraasa keessatti arguu dandeenyeerra. Geggeessummaaf kan uumaman kan fakkaatan, wal’aansoo cimaafi abdii kutachiisaa kan injifatan, dukkanaafi abdii kutannaa kan mo’atan, warra geggeessaniif humna mul’ataa kan fidan, dhaloonni ija isaanii waan darbe irraa kaasanii fagootti ilaaluu akka dandaa’an kan jajjabeessan, duuka buutota isaaniif jabina kan ta’an, kallattii kan argisiisan jireenya fakkeenyummaa hordofamuufi irraa baratamu kan qaban turaniiru.

Kanneen keessaa seenaan kan hindaganne kan akka Abrahaam Linkoolin, Maahaatamaa Gaandii, Nelson Maandeellaa, Maartiin Luuter Kiingifi kan isaan fakkaatan maqaa dha’uun nidandaa’ama. Isaan kun geggeessummaa bilchina qabuun kan geggeessan, hojiin kan argisiisan, jijjiirama dhufuu qabu irra ija isaanii kan keewwatan, wanta hindandaa’amne fakkaatu akka dandaa’amu kan argisiisaniidha. Seenaa namoota hedduu yoo qorannu adeemsa geggeessummaasaanii keessatti daandii deemuu qaban rakkinaan yoo guute illee shakkiifi sodaa malee jijjiiramaaf kan hojjetaniidha. Geggeessummaa isaaniitti wanti foolii gaarii godhu adda biraan ijaa ba’uuf jecha isa darbe qofa leellisuun yeroo hindabarsine.

Walumaa galatti, amala geggeessaa cimaan qabu agarsiisan-obsa, dhiifama, ilaalcha gaarii, abbaa mul’ataa fagootti argu, waan guddaa yaaduufi ilaalu, ofii isaanii irra kaayyoofi ergama isaanii irratti xiyyeeffachuu, jibba irraa of eeggachuun abdiin guutamuu…waa hedduu jechuun nidandaa’ama. Isaan kun walitti idaa’amuun waan namni kan biraan hindandeenye akka dandaa’aniifi wantoota namoonni biroon hojjetanii darban irra deebi’uu utuu hinta’in namoota kalaqan akka ta’an isaan taasiseera. Akka hamminni lafa qabatee gaarummaa hindhiibbanne wal’aansoo qabanii, injifatanii waan gaarii dhalootatti dabarsaniiru.

“Geggeessaan geggeessummaa isaa irratti, barataan barumsa isaatti, daldalaan gama daldala isaatiin, atileetonni gama irratti bobbaa’aniin jijjiirama fiduu nibarbaadu. Garuu karaatu isaan barbaachisa; kallattii irra fiiganii milkaa’an sirrii itti agarsiisuun daran barbaachisa.”

Bariisaa  Onkoloolessa 20 / 2014

Recommended For You