Fiqaaduu Dheeressaatiin
Finfinnee: Garaagarummaa qaamolee lama gidduu jiru mariidhaan hiikuun amala namoota ammayyuummaa qabanii akka ta’e Yunivarsitii Wallootti Barsiisaan Seenaa Daanyaachew Tolasaa dubbatan.
Barsiisaa Daanyaachew ibsa addatti Gaazeexaa Bariisaatiif kennaniin, seenaa keessatti qabsoon hidhannoo jaarraawwan hedduuf hojirra kan oolaa ture motummoota abbaa irree fonqolchuu kan itti tajaajilamaa turaniifi biyyoonni kanneen akka Afrikaa immoo warra Awuroppaanotaa jalaa bahuuf kan aadeeffatameefi barmaata turedha jedhaniiru.
Haa ta’u malee ilaalchi addunyaa jijjjiramaafi qaroomaa deemee sirni dimookiraasiis babal’achaa dhufee gara angoo nagaan waliif dabarsuutti ce’amuu isaa yaadachiisanii, kanaaf immo akka fakkeenya guddaatti kan fudhataman Nelsen Maandeellaafi Mahatama Gaandii ta’uu isaanii eeraniiru.
Biyya keenyattiis motooleen durii Itophiyaa kan gara angootti dhufan qabsoo hidhannoo fi abbaa irraa gara ilmaatti dabarsuun kan amaleeffamaa ture, amma garuu aangoo qabsoo hidhannootiin qabachuun hafee gara filannootti erga deebi’ee bubbuluu isaa himaniiru.
Qabsoo hidhannootiin aangoo qabachuun midhaa guddaa kan qabu fi biyyattiillee gara hiyyuummaatti kan geessu, hawaasa biyattii dararama hedduuf kan saaxilu dha.
Jaarraa 21ffaa kana keessatti hidhannoodhaan aango qabachuun kan irra darbe fi qaamni meeshaa waraanaatiin fedhii ummataa malee angao qabachuun kan bira darbe ta’uu isaa kaasaniiru.
Yeroo ammaa sochiin hidhannoo addunyaarra jiru karaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu isaa biyyoota kanneen akka Sudaan fudhachuun ilaaluun ni danda’ama kan jedhan obbo Daanyaachaw, Hawaasni ilaalchi kanaan dura qabuufi amma qabu garaagarummaa guddaa waan qabuuf hawaasni gama kanaaan mootummaa hundaawe fudhachuu hin danda’u jedhaniiru.
Akka ibsa obbo Daanyachewitti, qaamni aangoo mootummaa qabatee biyya bulchuu barbaadu karaa dimokiraatawaa ta’een filatamuun ykn filannoo keessatti hirmaachuun hawaasa waliin mari’achuu isa barbaachisaa. Kun immoo ammayyuummaafi amala nama qaroomedha.
Gareewwan yeroo ammaa hidhannoo qabatanii waraanaan injifachuun aangoo qabachuuf yaalii taasisan jaarraa amma keessa jirruun kan fudhatama hin qabnefi ummanni Itoophiyaas kan hin fudhanne ta’uu isaa beekuun isaanirra jiraata jechuun yaada isaanii keennaniiru.
Mootummaan yeroo ammaa kana garaagartee hawaasa giduu jiru hiikuudhaaf marii biyyooleessaa qopheese kan jajjabeeffamuu qabu ta’uu eeruun, waltajjii dimokiraatawaa fi hunda galeessa ta’e akkasumas marii gar-tokkee hin taane ta’uu isaa mirkaneessuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Waltajjii marii qopheessuun sadarkaa garagaraan marii gadi fageenyaa ummaattoota Itoophiyaa waliif galchu fi gara tokkuummaatti fidu qophaawe kun, faayidaawwan dinagdeefi nageenya fiduuf gaheen inni taphatu olaanaa ta’uus beeksisaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 20 / 2014