Fiqaaduu Dheeressaatiin
Finfinnee: Mootummaan hawaasaaf ragaa waytaawaa kennuun olola shororkeessitootaa fashaleessuu qaba jechuun Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaan seeraa Obbo Charinnat Hordofaa dubbatan.
Obbo Charinnat ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin, mootummaan haala nageenyaafi birmadummaa biyyattii hintuqneen hawaasaaf ragaa quufsaa kennuu qaba jedhaniiru.
Haala waytaawaafi dhugaa jiru hawaasa biyyattiifi addunyaaf ibsuun olola shororkeessaa ABUT fayyadamu fashaleessuun barbaachisaa akka ta’e himaniiru.
Gareen badii ABUT kun qaawwawwan mootummaan gama odeeffanoo kennuutiin qabu akka carraa gaariitti fayyadamuun ummata biyyattiifi hawaasa addunyaa amansifachuuf ogaa carraaqu akka mul’atu eeraniiru.
Waraanichi dafee akka hinxumuramneef gufuuwwan danqaa itti ta’an haala iccitii waraanaa eegeen ifatti hawaasaaf ibsuun rakkinichaaf fala barbaachuun barbaachisaadhas jedhan.
Gareen shororkeessichi olola addaa badii hawaasarraan ga’aa jiru dhoksuuf ittifayyadamaa jira kan jedhan hayyuun seeraa kun, odeeffannoo sobaa garichi gadilakksu saaxiluun dhugaa jiru hatattamaan hawaasaaf ifa gochuun barbaachisaadha jechuun yaadasaanii kennaniiru.
Humna waraanaa shororkeessaa ABUT naannoo Amaaraa keessaa baasuun naannoo Tigraay keessatti haala itti to’atamu mijeessuun barbaachisaa akka ta’e kan eeran Obbo Charinnat, lammiilee nagaarratti balaan akka hindhaqqabne mootummaan haaraa hundaa’e ittigaafatamummaasaa bahachuun ejjannoo ifaa ta’e qabachuu qaba jechuun himaniiru.
Akka ibsasaaniitti biyyoonni lixaa fedhii dhuunfaasaanii eegsisuuf kan carraaqan akka ta’eefi mootummaa Itoophiyaa laafaa ijaaruun mootummaa ergamtuu ijaaruuf kaayyoo qabatan akka ta’e hubachuun barbaachisaadha. Kanaafiis akka tolutti garee akka ABUT deggaruun angoorra akka turu taasisuuf dhagaan isaan hinfonqolchine hinjiru.
Gama birootiin haala qabatama amma jiruun ejjannoo mootumaan Itoophiyaa qabate biyyoota lixaa hedduuf kan hinliqinfamnedha kan jedhan hayyuun kun, kanaafis mootummaan amma jiru biyyoota lixaaf karaa kamiinuu ‘ergamtuu hinta’u’ kan jedhe waan ta’eefi faayidaa ummata biyyattii qofaaf kan dhaabbate ta’uunsaa akka agarsiiftuu tokkootti ilaalama jedhaniiru.
Gareen shororkeessichaa dararama Maayikaadiraarraa jalqabee hanga haaleellaa meeshaa waraanaa guguddootiin Wucaaleetti geessisaa ture ilaalanii kan callisaa turan gareen kun faayidaa kiyya naaf egsisa jedhanii waan amananiif akka ta’e eeraniiru.
Badii gareen kun geessisaa turefi jiru kanammoo haala qabatamaa ta’een hawaasaaf ragaa kennuun gocha gara jabinaa kana hawaasa addunyaatiif saaxiluu akka qabu himaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014