Rippoortara gaazexichaatiin
Finfnnee: Mariin waliigaltee biyyaalessaa Sadaasa 15 bara 2014 irraa kaasee adeemsifamu miira waldhiibuu, walyakkuufi walsakaaluu dhabamsiisuun waloofi tokkummaan biyyattii ijaaruun jijjiirama fiduuf haala mijataa kan uumu ta’uu Walittiqabduun Mana Marii Waloo Paartiilee Siyaasaa Itoophiyaa ibsan.
Walittiqabdittiin Doktar Raaheel Baafee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kaleessa kenniin akka jedhanitti walakkeessa Sadaasa Itoophiyaarraa kaasee haala mijeessummaa dhaaba Zamaayindi Itoophiyaa jedhanuun mariin waliigaltee biyyaalessaa ni eegalama.
Marichi rakkoo biyyattii mudachaa jiru ilaalchisuun miirri waldhiibuu, walyakkuufi walskaaluu hafee qaamonni dhimmisaa ilaallatu wlagargaaruufi waloon waliin jiraachuu akka dandahaniif gargaara.
Marii waliigaltee kanaatiif waggoota lamaaf qophiin taasifamaa tureera kan jedhan Doktar Raaheel, Sadaasa 15/2014 irra kaasee haalduree jiru ummatni akka beeku gochuun ala qaamoleen marti hojii waliigalatee biyyaalessaaf bu’aa buusu hojjechuu akka qaban ni taasifamu jedhan. Qophiin hanga ammaatti jirus gaarii ta’uu ibsaniiru.
Marii jalqabaarratti bakka buutonni kutaalee hawaasaa akka hirmaatan kan taaasifaman yoo ta’u, kana hordofuun marichi itti fufiinsaan sadarkaa naannoorraa hanga aanoleetti akka gadi bu’u taasifama jedhaniiru.
Maayindi Itoophiyaanis qaama kamirraayyuu bilisa ta’ee akeeknisaa qabxiilee mariifi waltajjii waliigalatee sadarkaa sadarkaan uumuudha jedhanii, hawaasnis ta’e paartiileen siyaasaa dhimmicha fudhatanii hojiirra oolmaasaaf kutannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Adeesmichi eenyuyyuu eenyu gatee akka darbuuf kan akeeke miti jedhanii, biyyattii badiisarraa baraaruuf kan kaayyeffate waan ta’eef boqonnaa miira waldhabdee kanaan dura jiru cufuun dhiifamaafi walgargaaruun akaksuams walkabajuun waliin cehuuf kan gargaaru ta’uu addeessaniiru.
Marichi Itoophiyaanotaan kan gaggeeffamuufi gidduseenummaa kamuurraayyuu bilsa ta’uus eranii, marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf hawaasni gara waltajjichaa dhufee yaadasaa kennuu akka qabullee gorsaniiru.
Manni Marii Waloo Paartiilee Siyaasaa Itoophiyaas hariiroo paartiilee gidduu jiru cimsuun milkaa’ina marichaatiif gaheesaa bahachuuf kutannoon akka hojjetu Doktar Raaheel ibsaniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014