“Jiraattota godinichaa hanqina nyaataatiin miidhaman deeggarsi dhaqqabaa jira’’ Bulchaa Godina Booranaa

Sinqinash Alamuutiin

Finfinnee: Jiraattonni Godina Booranaa sababa dhabamuu rooba gannaatiin hanqina nyaataatiif saaxilaman deeggaramaa jiraachuu Bulchaan Godina Booranaa Obbo Jaarsoo Boruu ibsan.

Bulchichi ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, jiruufi jireenyi horsiise bulaa loonirratti kan hirkate waan ta’eef, wayita roobni dhabamee beeyiladoonni miidhaman kanatti horsiise bulaan beeyilada gabaa baasuu hindanda’u; baasullee hinguguraman; yoo gurguramanis gatiin baasaaniifi nyaataa walhinmadaalu.

Horsiise bultoonni sababa dhabamuu rooba gannaatiin hanqina nyaataatiif saaxilaman godinicha keessa jiraachuu eeranii, gareen taaskii foorsii sadarkaa aanaatti ijaarame namoota rakkoo hamaa keessa jiran adda baasee deeggarsi nyaata namaafi beeyiladaa, qoricha, bishaanii dabalatee taasifamaa jira jedhaniiru.

Akka Obbo Jaarsoon jedhanitti, sababa hanqina nyaataatiin namni lubbuun darbe jiraachuu baatus yoo roobni hinroobne deeggarsa qofaan rakkoo furamu akka hintaaneefi sodaachisaadha jedhanii, hanga ammaatti rakkoo mudatee kanaan loon kuma 14 du’uufi kanneen kuma 24 ol ta’an rakkoo hamaa keessa jiraachuu ibsaniiru.

Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Oromiyaa Obbo Abaadir Abdaa gamasaaniin akka jedhanitti, godinichi namoota hanqina nyaataaf saaxilaman adda baasuun akka gargaaraman gaafateen deeggarsi taasifamaafi gamasitti geejibsifamaa jira.

Jiraattonni godinichaa idileen deeggaramaa turan dabalatee kanneen sababa hanqina rooba gannaan hanqina nyaataaf saaxilaman yemmuu walitti ida’aman jiraattota waliigalaa godinichaa keessaa dhibbantaa jahatama deeggaramaa taasiseera jedhu.

Deeggarsi taasifamaa jiru miidhaan nyaataan ala nyaata dabalataa hawwootaafi daa’immaniif ooluu kuntaalli kuma 1,757 gamasitti geejibsiifamee raabsamaa jiraachuu eeranii, deeggarsii lakkoofsa herreggaa maqaa namoota dhuunfaan banamuun walitti qabamaa jiru amanamummaansaa gadaanaa waan ta’eef namoonni ummata Booranaaf deeggarsa taasisuu barbaadan gama mootummaan deeggaruu akka qaban dhaamaniiru.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You