Hawaasni malaammaltummaa hinbalaaleffanne maasii saamchiaa ta’a

Malaammaltummaa ilaalchisee kuusaan jechootaa ‘Oxford’ jedhamu yeroo hiiku “Matta’aa fudhachuu, aangawoonni aboo itti kennametti amanamummaa dhabuu, amala saamtuu yookaan soba (fraud) calaqqisiisuu” jedha, Jechi malaammaltummaa (corruption) jedhu kun afaan Laatiinii “Curruptus” jedhamu irraa kan dhufe yeroo ta’u hiikkaan isaa “matta’aa, balleessuu, barbadeessuu, golgoleessuu…” jedhamee hiikamuu danda’a.

Karaa kan biraas jechi kun bakka amanamummaan namatti kenname tokkotti gar-malee fayyadamuu, fakkeenyaaf caasaa siyaasaa tokko keessatti namoota geggeessanis ta’e namootni aangoo qaban bakka amanamanii kaa’aman tokko seeraa alatti itti fayyadamuu, ofiifis ta’e nama kan biraaf seerri kan hinkennineef seeraan alatti fayyaduuf yaaluudha.

Hojiin hamaan dinagdee biyyaafi hawaasa golgoleessu kun umuriin isaa dheeraadha.

Gabaabaatti seenaa malaammmaltummaa yeroo qorannu kan kaleessa eegale utuu hinta’in, akkuma umurii dhala namaa bara dheeraa kan lakkoofsifate ta’uun isaa beekamaadha.

Akka qorannoon garaa garaa addeessutti dhaloota Kiristoos dura jaarraa 13fa (kudha sadaffaa) bara qaroomina mootummaa Asoor keessa akka tureefi barreeffama gabateewwan garaa garaa irratti barreeffaman irraa eegalee qorattootni seenaa durii (archaeology) akka ibsanitti matta’aa attamitti akka kennaniifi eenyu ammoo akka fudhatu ragaan jiru niibsa.

Gara bara qaroomina warra Roomaatti (Roman civilization) yeroo ceenu malaammaltummaan nama aboo qabu tokkoof faayidaa addaa addaa kennuu, fudhachuu, yookaan hojii tokko namaaf raawwachuuf matta’aa gaafachuudha. Egaa bara kana keessa biyya Roomaatti malaammaltummaan sababa babal’ataa adeemeef seerri biyyattii akka cimu taasisanii turan.

Isa kana keessaa tokko namni matta’aa fudhate tokko nama irraa fudhateef yookaan akka matta’aa kennuuf nama gaafate tokkoof akka beenyaan dachaan kanfaluuf kan dirqisiisu, namni matta’aa fudhatee argame tokkos mirga namootni kan biraa qaban kan akka mirga siyaasaa akka dhaban seera taasisu ture.

Kanaaf namni matta’aa fudhatu gatii cimaa baasa jechuudha. Gama tokkoon beenyaa cimaa kanfalchiisa; karaa biraas ammoo mirga inni akka lammii tokkootti qabu kan irraa mulqisiisu taasisa.

Haa ta’u iyyuu malee inni kun sirriitti hojii irraa ooluu hindandeenye. Sababbiin isaa malaammaltummaa keessatti kan hirmaachaa turan namoota seera kana hojii irra oolchan namoota aboo qaban waan turaniif. Wanti hedduu nama dhibu amantaan hedduun bara sana turan kan malaammaltummaan morman yoo ta’e illee booda keessa garuu amantootnis isa kana keessaa walaba hinturre.

Dhaabatanii ittiin mormuun yoo irraa eegame ille akka maqaa isaanii ta’uu hindandeenye. Rakkoon gama addaa addaan haa jiraatu iyyuu malee malaammaltummaan salphaattis kan ilaalamu hinturre. Dhuma irratti abbootiin mana murtii yoo malammaltummaa fudhatan hanga du’aatti akka adabaman murtaa’e.. Bara ‘Spanish Inquisition’ yookaan bara dhaabbatni barsiisa sirrii amantaa biyya Spaayin eegsisu dhaabate keessa malaammaltummaan biyya Speen keessatti nifooyya’a jennaan isa duraa irra iyyuu kan itti caaleefi namni balleessaa isaa irraa ka’e murtoon itti murtaa’e tokko horiin sirreeffachuu sadarkaa danda’utti dhufe.

Inni kun malaammaltummaan addummaan namoota seeraa gidduutti daraan babal’ise jechuun nidandaa’ama. Itti fufuun gara dhaloota Kiristoos duraa bara 3100-2700tti kan ture bara mootummaa Misiri (Egypt Dynasty) seera haqaa isaanii keessatti waa’een malaammaltuummaa akka maqaa dhahame agarra. Isa kana qofa utuu hinta’in biyyoota akka Chaayinaa keessa malaammaltummaan akka ture qorattootni garaa garaa nimirkaneessu.

Akka himtee (mythology) warra Chaaynaatti maatiin hundumtuu waaqa amala maatii isaanii hordofu alwaadaa yookaan gola (kitchen) keessaa akka qaban dubbatu. Waaqni kunis waggaan haaraa warra Chaayinaa torbee tokkotti yeroo galu gara Samii dhaqee gabaasa waa’ee amala namootaa mana keessatti argaa ture bulchaa Samii isa ta’e “Jadi” kan jedhamutti dhiyeessa jedhamee amanama. Carraan maatii sana gabaasa kana irratti hunda’a.

Yoo gabaasni Waaqa gola keessa turee kanaa gaarii ta’e maatiin sun badhaasa argatu; yoo gabaasni isaa bayeessa miti ta’e niadabamu jedhamee yaadama. Haa ta’u iyyuu malee waaqni golaa kun akka gabaasa gaarii Waaqa samiitti dhiyeessu suura isaa gola keessatti sukkaaraafi dammaa irraa keekii hojjetanii suura isaatti dibu. Isa booda suura kana yeroo guban ol ba’ee mootii “Jadi” jedhamutti gabaasa gaarii dhiyeessa jedhanii yaadu. Waan gaaarii sababa waaqa kanaaf kennaniif yoo amalli isaanii gaarii ta’uudhaabaate illee Waaqa isa samii keessa jirutti hamaa hingabaasu jedhanii yaadu. Sababiin isaa yoo isaan hamaa hojjetan illee gabbarsuun afaan qabasiisaniiru jechuudha. Waa’ee isaaniif gabaasni hamaan hindhiyaatu.

Itti fufuun akkaataa itti malaammaltummaan biyyoottan akka Giriikiitti hidda godhataa dhufe barreessaan seenaa biyya Girikii Heroodootes namni jedhamu yeroo barreessu bara durii durii, Dhaloota Kiristoos dura bara 1400 keessa maatiin Alkemeeniid jedhaman humnoota hinmul’atne keessa tokko kan ta’eef luboota Deelfii jedhanii warra waamaniif akka matta’aa kennaa turan dubbata.

Darbees namootni biyya Giriikii gaaffii garaa garaa qaban gaaffii isaanii fudhatanii gara angafa lubaa Appooloo kan ta’e gara Paatiyaa (Pythia) nidhufu turan. Kanaaf maatiin sooressi biyya Giriikii keessa turan maatiin Alkemeeniid bakka waaqeffannaa Appooloo yeroo kirkirri lafaa barbadeesse dhagaa gati jabeessaan deebi’anii ijaaran. Sababa isaan mana sagadaa Appooloo ijaaraniif angafa lubootaa kan taate Paatiyaan maatiin kun Ateensiin akka bulchaniif Spaartaa amansiiste. Kana irraa kan ka’e Aristootil yeroo barreessu waaqoliin iyyuu mattaa’aa fudhatu ture jedha.

Sadarkaa kana irraa ka’uun har’a addunyaa kana irratti yoo xiqqate qabeenyi hanga doolara tiriiliyoona 1.5 ol kan ta’u namootaan nisaamama. Namootni hedduun akka dubbatanitti ammo yeroo ammaa sadarkaa malaammaltummaan irra jiru sirriitti beekuun nama rakkisa jedhanii amanu. Haa ta’u iyyuu malee yeroo ammaa gargaarsa biyya lafaatiif kennamutti si’a kudhanii ol kan ta’u qabeenyi nisaamama. Malaammaltummaan geggeessitoota sadarkaa gadiitii eegalee hanga warra biyya bulchanitti qabeenyi guddaan nisaamama. Dhaabbatni ‘Transparency International’ jedhamu akka addeessetti geggeessitootni biyyaa addaa addaa akka hawaasa isaan filee keewwate gara laafina malee saaminiifi dararsan ibsa. Namoota dhaabbanni kun maqaa dha’u keessaa muraasa isaanii yoo ilaalle, Pirezidentiin Indooneezyiyaa inni duraa Suhaartoon doolara biliyoona 15-35 kan ta’u biyya geggeessaa ture jalaa akka saame addeessa. Akkasumas geggeessaan biyya Filiippiinsi Ferdinaandi Maarkoos, kan biyya Zaayer Moobuutuu Seeseekkoo, kan biyya Naayijeeriyaa Saanii Abaachaafi kkf yoo xiqqaate doolara biiliyoona shan shan akka biyya isaanii saaman ibsa.

Malaammaltummaan biyyoota hedduu keessatti kan namni tokko qofti raawwatu utuu hinta’in hedduun isaanii saphaphuu (web) cimaan kan wal-qabateefi gadi fageenyaan kan ilaaalamuu qabuufi irratti hojjetamuu maluudha. Sababiin isaa malaammaltummaan yeroo ammaa yaada namoota hedduu kan harkisaa jiru gochaa hamaadha.

Bakka heddutti ammaa aadaa ta’eera. Gaaffiin inni guddaan garuu malaammaltummaan yaada namoota hedduu kan harkisu sababa namootni hubannoo isaa sirriitti argatan utuu hinta’in rakkoon isaa babal’ataa jiraachuu isaa kan agarsiisuudha. Malaammaltummaan umurii dheeraa kan qabu yoo ta’e illee waggoottan darban digdama keessatti yeroo kam caalaa babal’achaa akka dhufe arguun nama hinrakkisu. Malaammaltummaan bocaafi dhiibbaa garaa garaa dinagdeefi hawaasa biyya tokkoo irratti qabaachuun isaa beekamaadha. Sababa malaammaltummaaf kanneen ta’an keessaa muraasni haala siyaasa biyya tokkoo, kanfaltii hojjetaaf kanfalamu xiqqachuu, safuu hawaasni tokko qabu, naamusa hojii, amala yookaan bartee/ barmaata, aadaa, qubsuma lafaafi kkf., yeroo ta’u malaammaltummaan fooyya’insaa dinagdee, guddina hawaasaafi sochii daldalaa quucarsuun akka biyyi tokko lafa yaadde hingeenye kan taasisu dhukkuba hawaasa bal’aa dhoru dhibee hamaadha. Kan daraan nama dhibu yoo jiraate malaammaltummaan dinagdee biyyaa qofa kan qummunsu utuu hinta’in akka namootni seeraafi heera biyya tokkootti amantaa hinqabaanne kan taasisu, gama barnootaanis ta’e gama misoomaan miidhaa hamaa kan qaqqabsiisu gochaa hamaadha.

Bakka malaammaltummaan itti dagaagetti dhalootni hojjetee fooyya’uu hindanda’u. Namni barnoota qabuun qacaramee hojjechuu hindanda’u. Inni horiifi nama qabu yoo dandeettii hinqabu ta’e illee bakka hindhabu. Namni dandeettii qabaatee horiifi nama hinqabne garuu bakka hinqabu. Namni misooma biyyaa keessatti qulqullinaan hirmaatee, qulqullinaan hojjetee buluu hindanda’u. Sababiin isaa misoomaa garaa garaaf caal baasi ba’an kan injifatu nama harki isaa malaammaltummaan xuraa’e malee namni of eeggatee hojjechuu barbaadu carraa hinargatu.

Waajjira keessatti dhuunfaas ta’e kan mootummaa keessa namni seenu nama waa kennuu danda’u ta’uu qaba. Inni kun namoota hojjechuu hindandeenyeefi bakka jiranitti bu’aa buusuu hindandeenye kan walitti qabuufi namni hojii sirriitti hojjetee biyya geeddaruu danda’u akka alatti hafu taasisuun biyyas ta’e hawaasa kallattii hedduun miidha.

Malaammaltummaan utuu ilaalanii kan ija namaa jaamsu, dubbiin sirriin akka hindubbatamne kan nama cancaalu gochaa hamaadha. Wanta hundumaa irra kan nama gaddisiisu yoo jiraate baay’inaan matta’aa akka kennaniif kan dirqisiifaman hiyyeessota ta’u isaati.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You