“Hawaasaafi mootummaa gidduutti riqicha taanee tajaajiluuf qophiidha” Doktar Laggasaa Tulluu

Fiqaaduu Dheeressaatiin

Finfinnee: Hawaasaafi mootummaa gidduutti riqicha taanee tajaajiluuf qophiidha jechuun Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Doktar Laggasaa Tulluu ibsan.

Ministirichi qophaa’ummaafi kutattummaa kallattii hojii mootummaa haaraan kaa’e milkeessuuf qaban ilaalchisee ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatiif kennaniin waajjirrisaanii gaaffiiwwan hawaasni kaasu mootummaaf dhihaatanii deebii quufsaa akka argataniif akkasumas mootummaarraa karoorawwaniifi odeeffannoowwan gama mootummaatiin jiran gara hawaasaatti dhiheessuun hawaasaafi mootummaa gidduutti riqicha ta’ee tajaajilu ta’uun hundaa’eera jedhan.

Keessumaa jaalala biyyaafi tokkummaarratti akkasumas, ijaarsa sirna dimokiraasii hammataa ijaaruun dhimmoota misoomaa, nageenyaafi bulchiinsaa ilaallatan gara hawaasaatti geessisuun kaayyoo isa hangafaa akka ta’es himaniiru.

Kanaan alattiis hojmaatawwan kominikeeshinii mootummaa walxaxoo ta’an sirreessuun akka qindaawan gochuun adeemsa boqqonnaa haaraatti ce’uuf miidiyaan biyyattii gaheesaanii akka bahatan ni taasifamas jedhan.

Waajjirri dhimmoota kominikeeshinii mootummaa kanaan dura ture ilaalcha sabdaneessummaa keessumeesuurra ilaalchi tokko qofti hojiirra akka oolu gochuun yaadonni baay’inummaa akka hinkeessumeeffamne waan godhamaa tureef ilaalchi paartii tokkoo akka dhagahamu godhamaa turuu ibsaniiru. Sababa kanaan tajaajilamtoonnis ta’e qaamoleen gahee qabeessa ta’an tajaajila barbaachisu akka hinaragannee godhamaa turaniiru jedhan.

Hogganaan boqqonnaa haaraa kanatti dhufe yaadota garagaraa kan keessumeessu, yaadota hawaasarraas ta’e qaamolee gahee qabeessa ta’anirraa dhufu barbaachisoodha jedhee kan amanu, ilaalchawwan danuu ijaarsa biyyaaf barbaachisoo akka ta’aniif akeeke waan ta’eef ijaarsi kominikeeshiniisaaniis kana giddugaleeffatee kan socho’u ta’uu mirkaneessaniiru.

Akka ibsa ministirichaatti, Itoophiyaan gama garagaraan biyya dhiibbaa uumtu akka taatuuf dandeettiifi gahumsa miidiyaa cimsuun baay’inummaa miidiyaa bakkeewwan biyyattii hundatti babal’isuuf deegarsa walirraa hincinne  gochuun barbaachisaadha. Kanaafiis immoo hojmaataalee qunnamtii tarsiimawaa ta’an hojiirra oolchuun raawwii kominikeeshinii bifa haaraan hundaa’edha.

Ajandaawwan mootummaa kanneen hawaasaaf barbaachisoo ta’aniif karoorawwan yeroo dheeraafi gabaabaa baasuun gara hawaasaatti dhaqqabsiisuun hawaasichi akka irraa tajaajilamu gochuu, hawaasarraa immoo yaadawwan gabbatoo gara qaama dhimmi ilaallatuutti geessuun deebii hatattamaa akka argatan gochuun kallattii hordofamu ta’uus Doktar Laggasaan eeraniiru.

Qaawwawwan gama odeeffannoo kennuutiin jiran ammoo waajirri haaraa hundaa’e qamolee garagaraa waliin akka hojjechuuf qophaa’e eeranii, waajjiraalee ministeerotaa 22 keessatti ogeessota dandeettiifi gahumsa qaban ramaduun akka hojjetamu ibsaniiru. Hawaasnis odeeffanoo waytaawaa argachuusaa yeroo yeroon qorachuun kan itti adeemamu ta’uu himaniiru.

Naannoleettis waajjiraalee kominikeeshinii mootummaa sirnaan qindeessuun odeeffannoowwan gama mootummoota naannoleefi federaalaan jiran gidduu akka qindaa’u gochuuf yaaliin ni taasifamas jechuun ibsaniiru.

Walitti bu’iinsawwan yeroo adda addaatti mudataniif odeeffannoowwan gama mootummaatiin of eeggannoo guddaadhaan hawaasaaf kennuuf qophiin akka taasifame kan dubbatan Doktar Laggasaan, keessattuu miidiyaa hawaasaatiin odeeffannoowwan sobaa tamsaafamaniifi ololawwan shororkeessaa ABUTn tamsaafaman akkasumas miidiyaa alaatiin gabaasawwan dharaa mootummaan karaa qoratameefi karoorfameen yeroo barbaachisaa ta’etti hawaasaaf ni dhiyeessa jedhaniiru.

Bariisaa  Onkoloolessa 13/2014

Recommended For You