Sinqinash Alamuufi Bayyanaa Ibraahimiin
Finfinnee: Haleellaa saayibarii qolachuuf nama dhuunfaa hanga dhaabbilee gurguddootti eeggannoo barbaachisu taasisuun barbaachisaa akka ta’e Ogeessi Sarvarii Obbo Faaris Mahammad ibsan.
Obbo Faaris ibsa dheengaddaa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhaniitti, namoonni ykn dhaabbileen marsariitiiwwan haleellaa saayibariif saaxilamoo ta’an fayyadaman sooftiweerii hin beekamne buusuurraa ofqusachuufi yeroo mara toora fayyadaman “Update” taasisuun hanga danda’ame eeggannoo taasisuu nidandanda’u.
Marsariitiiwwan wayita kalaqaman ykn haaraa umaman ulaagaa guutuu qaban keessaa tokko, nageenyummaansaanii mirkanaa’aa akka ta’e beekuu ta’uu eeranii, kun ta’uu baannaan gareen haleellaa saayibarii raawwatan qaawwaa umametti fayyadamanii seenuun abbaa kalaqarraa fuudhanii ofii abbaa itti ta’uun waan fedhan irratti maxxansuu jedhaniiru.
Gareen haleellaa raawwatan kunneen maxxansaalee xiinsammuu namaarratti dhiibbaa fidan maxxansuun alatti maallaqa saamuufi fedhii dhokataa gama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdeen qaban ittin galmaan gahachuuf akka fayyadaman ibsaniiru.
Dhiyeenya wayita hundeeffamni mootummaa Itoophiyaa gaggeefamaa jirutti, fuulli feesbuukii Dhaabbata Birodkaastiingii Itoophiyaa daqiiqaawwan muraasaaf buutamuun fedhii dhokataa gama siyaasaan qaban ittin galma gahachuuf akka hinoolle dubbataniiru.
Yaaliiwwan haleellaa saayibarii yeroo garagaraatti taasifaman osoo fashalaa’u baatanii, dameewwan maallaqaafi qunnamtirra miidhaa guddaan gahuu nidanda’a jedhu Obbo Faaris.
Qaamoleen haleellaa qaqqabsiisan kunneen kaampaanota sooreyyiifi beekamoo addunyaa, dhaabbilee qunnaamtii, miidiyaaleefi dhaabbilee maallaqaarratti kan xiyyeeffatan ta’uu eeranii, dhaabbilee kunneen kan filataniif iccitii argachuufi saamichaaf ta’uu himaniiru.
Balaan haleellichi qaqqabsiisu akka biyyaattis ta’u akka nama dhuunfaatti baay’ee hamaadha kan jedhan ogeesichi, fakkeenyaaf marsariitiin dhaabbata tokko osoo butamee namoonni dhaabbaticharratti amantaa akka hinhoranne taasisuun ala madda haleellichaa baruun sirreessuuf rakkisaafi kan yeroo fudhatu ta’uu ibsaniiru.
Miidhaa haleellaa saayibarii keessaa kan biroon yaaddoo fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa kan ta’e odeffannoon sobaa akka tamsa’u taasisuufi badiin dhaqabu baay’ee hamaa waan ta’eef, qaamni hojii kalaqa marsariitii hojjetu dhimma nageenyummaasaa mirkaneessuu akka qabu hubachiisaniiru.
Miidhaa haleellichaan gahu hambisuuf ykn qolachuuf tokko tokkoon namaa marsaaritiwwan garagaraa fayyadamu antiivaayirasii meeshaa teknolojii fayyadamuurratti fe’uun, sooftiweerii hinbeekamne buusuu dhiisuufi yeroo yeroon toora marsariitii fayyadamuu “Update” taasisuun miidhamarraa of eeguu akka qabu dhaamaniiru.
Oduudhuma walqabateen yerorraa yerotti dabalaa kan dhufe haleellaa saayibarii too’achuun yoo hin danda’amne miidhaan inni qaqqabsiisu caalatti cimuu kan danda’u ta’uu Ejensiin Nageenya Marsariitii Odeeffannoo beeksise.
Daarikterri ittaanaan jensichaa Doktar Antenah Tasfaayee Leenjii dhimmicharratti Ogeeyyota miidiyaa, ‘ICT’fi dhimmichi ilaaluuf kennanirratti haasawa taasisaniin, yeroo ammaa rakkoon nageenya marsariitii odeeffannoo biyya keenya qofatti osoo hintaane, akkuma Addunyaattuu hammaachaa dhufuu dubbatu.
Akka ibsasaaniitti; haleellaa saayibarii bara 2020 qofaan Addunyaan doolaara Ameerikaa tiriliyoona 2.5 kasaaruu dandeesseerti. Kun immoo rakkoon kun hangam ulfaataa akka dhufe kan agarsiisu waan ta’eef kana caalaa osoo hinhammaatin haala itti dursanii too’achuun danda’amurratti hojjatamaa jira.
Miidiyaaleen jiruufi jireenya dhala namaa keessatti iddoo olaanaa waan qabaniif haleellaa saayibariitiifis hedduu saaxilamoodha. Waan ta’eefis leenjiin akkanaa kun immoo rakkoon akkasii osoo hinuumamne dursanii ittisuuf kan nama gargaaruudha.
Jiini nageenya marsariitii odeeffannoo akka Addunyaatti yeroo 18faf, akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2faf kabajamaa jira.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014