Riippoortara gaazexichaatiin
Haleellaa nurratti baname qolachuuf furmaanni gurmaa’uudha jedhe Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa.
Torban darberraa kaasee gareen shororkeessaa ABUT humna qabu hundatti fayyadamuun naannolee Amaaraafi Affaarirratti haleellaa raawwachuun ibsameera.
Haleellaa kanaanis lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu, qabeenya saamuufi sochiin hawaasummaafi dinagdee akka dhaabbatu gochuu ereera.
Lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’aniif deeggarsi namummaa akka hin qaqqabne taasisuufi odeeffannoo sobaa akka meeshaa ijootti fayyadamaa jiraachuu ibsameera.
Raayyaan Ittisa Biyyaa, humni addaa Amaaraafi Affaar ummata waliin ta’uun haala boonsaa ta’een qolachaa kan jiran ta’uunis eerameera.
Keessumaa Wucaalee, Tahuladaree, Warra Baabboo, Dalaantaafi Cifraatti garichi waraana banuufi qaamni nageenyaa ummata waliin ta’uun garee weeraraafi loote seentota gootummaan qolachaa jiraachuun eerameera.
Sochii garee shororkeessaa kana qolachuuf ummanni Walloo Kibbaafi Affaar keessumaa dargaggoonni sochii taasisaa jiran kan dinqisiifatamu ta’uu ibsameera.
Humna nageenyaaf gaachana ta’uurraa kaasee lootee seentota bakkeewwan garagaraatti qabuun qabsoo seenaan hin daganne taasisaa jiraachuu ibsameera.
Diinni injifannoo ummataa kana cilee dibuun akka waan to’annaa jala oolcheetti porooppagaandaa sobaa afarsaa jiraachuu eerameera.
Ummanni pirooppagaandaa sobaa kanaan akka hin jeeqamneefi qabsoo biyya ceesisuu eegale haala gurmaa’eeniifi naannoosaa dammaqinaan eeguu qaba jedhame.
Hawaasni naannoo waraanaan ala jiru hanga ammaatti taasisaa ture duula seena qabeessa Ameerikaa tiriliyoona 2.5 kasaaruu dandeesseerti. Kun immoo rakkoon kun hangam ulfaataa akka dhufe kan agarsiisu waan ta’eef kana caalaa osoo hinhammaatin haala itti dursanii too’achuun danda’amurratti hojjatamaa jira.
Miidiyaaleen jiruufi jireenya dhala namaa keessatti iddoo olaanaa waan qabaniif haleellaa saayibariitiifis hedduu saaxilamoodha. Waan ta’eefis leenjiin akkanaa kun immoo rakkoon akkasii osoo hinuumamne dursanii ittisuuf kan nama gargaaruudha.
Jiini nageenya marsariitii odeeffannoo akka Addunyaatti yeroo 18faf, akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2faf kabajamaa jira.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014