Saamraawiit Girmatiin
Vaayirasiin pooliyoo daa’imman waggaa shanii gadii hubuun kan laamsheessuufi omishtummaasaaniitti gufuu kan ta’udha. Dhibeen kun waggoota dheeraaf mata dhukkubbii biyyootaafi mootummaata addunyaa ta’ee turuus hojii bal’aa hojjetameen biyyoota hedduu keessaa baduu danda’eera.
Akka ragaan damichaa mul’isutti wayita ammaa akaakuun pooliyoo tokkoffaafi lammaffaan guutuutti kan bade yoo ta’u, inni sadaffaafi ‘wild polio’ jedhamuun beekamu garuu Paakistaaniifi Afgaanistaan keessa ni jira. Itoophiyaanis ALA bara 2001 irraa kaasee hanga bara 2019tti biyya pooliyoorraa bilisa jedhamtee waraqaa ragaa argattee turuusheeti jechuun Hogganaa Ittaanaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa waltajjii dhimmicha ilaalchisuun Roobii darbe abbootii dhimmaa wajjiin Adaamaatti gaggeeffamerratti kan ibsan.
Hogganaa ittaanaa biirichaa kan ta’an obbo Darajjee Abdannaa akka ibsanitti, biyyattiitti waggoota dheeraaf pooliyoon badee turuus dhuma bara 2019tti garuu vaayirasichi mul’achuun gabaafamuu kaasu. Wayita ammaas akka biyyaatti daa’imman 61 dhibichaaf kan saaxilaman yoo ta’u kannee keessaa 42 (%68) Oromiyaa keessatti kan argaman ta’uu kaasu.
Kanaafuu guutuu biyyaatti duula talaallii pooliyoo kennuu barbaachisuu eeranii, duulli kunis isa dhumaa akka ta’uuf hunduu tumsuu akka qabu gaafatu. Duula talaallii marsaa tokkoffaa kaleessa eegalee hanga Wiixatti itti fufu kanaanis maatiifi guddistoonni daa’imman waggaa shanii gadii talaalchisuun ittigaafatamummaasaanii akka ba’atan gaafatu.
Talaallichi manaa manattiifi mana barnootaatti kan kennamu ta’uu kan ibsan Obbo Darajjen kunis haala ittisa koviid-19 ilaalcha keessa galcheen ta’uu akka qabu dubbatu.
Biirichatti Daarektarri Daarektoreetii Barnoota Eegumsa Fayyaafi Kominikeeshinii Sistar Sa’aadaa Ahmad gamasaaniin maatiifi guddiftoonni hundi daa’imman waggaa shanii gadii hunda talaalchisuun Pooliyoo balleessuu keessatti ga’eesaanii ba’achuu akka qaban eeranii, kanaaf ammoo miidiyaan idileefi hawaasummaa, akkasumas raadiyoon hawaasaafi barnootaa ajandaa taasifatanii barsiisuu qabu jedhu.
Duulli kun guutuu biyyaatti kan eegale yoo ta’u marsaa lammaffaan ammoo ji’a tokko booda kan kennamu ta’uu sagantaan jiru ni ibsa.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014