Gammachuu Kadiriin
Finfinnee: Afrikaanoti aadaa, aartiifi hambaaleesaanii waliin ta’uun gara bizinasiitti jijjiiruun dinagdeesaanii cimsachuun gidduseenummaa alaa ittisuuf gumaacha qaba jechuun Komiishiniin Tuzirimiifi investimantii Oromiyaa sagantaa Selebireetii Afrikaarratti beeksise.
Komishinichatti dursaan garee turizimii investimantiifi michoominaa Obbo Hiiksan Dabalee saganataa agarsiisa aadaa, aartiifi hambaalee ALA bara 2021 Roobii darbe geggeeffamerratti akka jedhanitti, Afrikaanoti walta’uun qabeenya aadaa bal’aa qaban adda addaa gara bizinasiitti jijjiiruun dinagdeesaanii cimsuun gidduseenummaa alaa ittisuuf gumaacha qaba.
Saganticharratti inveestaroonni ciccicmoon sadarkaa biyyoolessaatti beekaman 30 ta’an waan hirmaataniif komishinichi aadaa, aartiifi meeshaalee hambaa Oromiyaa keessaa gara bizinasiitti jijjiiiruufi investaroota gara naannichaatti hawachuufi gabaa umuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Akka ibsa Obbo Hiiksanitti, gabaa uumuufi qabeenya jiru gara bizinasiitti jijjiiruurra darbee bu’aan sagantaa kanarraa argamu guddaadha. Obbolummaa biyyoota Afrikaa cimsuu, damee turizimiifi investimantiirratti muuxannoo biyyootaa fudhachuu, investaroota ciccimoo gara Oromiyaatti fiduun duudhaa aadaa sirbaa nyaataa, aartii beekisuu bu’aa dabalataan eegamuudha.
Biyyootin Afrikaa naannoo bahaa, dhihaa, giddugaleessaa, kaabaafi kibbaa duraa duubaan agarsiisa duudhaa aadaa nyaataa, sirbaa, uffannaa, aartiifi hambaalee isaan qabatanii dhiyaatan agarsiisuun muuxannoo walii hiruun miira obbolummaa Afrikaanotaa akka guddisu dubbataniiru.
Mootummoota gamtaa Afrikaatti garee dhaabbilee hundeessitoota sagantichaa Selebireetii Afrikaa duraaniirraa gamtaa Afrikaa bakka bu’uun kan argaman Piroofeersar Viiseenshaa Shulee gamasaaniin sagantichi tokkummaa Afrikaanotaa cimcuurra darbee duudhaa aadaa, aartiifi meeshaalee hambaalee qaban waliif hiruun gara bizinasiitti jijjiiruun Afrikaanoti waan fedhan akka raawwatan kan taasisuudha jedhan.
Ummattoonni Afrikaa carraa odeeffannoo argatanitti fayyadamuun sadarkaa Afrikaafi biyyoolessaatti balbala gabaa garagaraa keessatti akka hirmaatan taasisuun industirii faashinii gara sadaraa ittaanuutti ceesissu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus eeran.
Akka Piroofesar Viiseenshaatti, sagantichi erga eegalamee wagga shan guutuusaa eeranii adeemsa keessa tokkummaa Afrikaanotaa cimsaa manii kaa’aame rukutaa jira. Ummattoonni biyyoota Arfrikaa carraa argametti fayyadamuun hojii uummatanii guddina dinagdee biyyasaanii keessatti gahee irraa eegamu akka bahaniif irratti hojjetamaa jira.
Qabeenya bal’aa Afrikaan qabdu gara bizinasiitti jijjiiru akka si’eessituutti fayyadamuun riqicha ce’umsa indastirii faashinii fuula duraa ta’uun sadarkaa biyyoolessaatti Afrikaa dinagdeedhaan badhaateefi qalbii hawaasa addunyaa faashiniin hawattuu taasisuuf sagantaan Selebireetii Afrikaa gumaacha olaanaa qaba jechuun dubbataniiru.
Ittigaafatamtuun Waldaa raabsaa nyaataa aadaa Keenboon dhaabbata dhuunfaa Aadde Raphisan Asaffaa Komishinii Turizimiifi investimantii Oromiyaa waliin ta’anii nyaataa aadaa Oromoo ammayyeessuun hawaasa addunyaatti beeksisuun gara bizinasiitti akka jijjiiramuuf sagantaa Selebireetii Afrikaarratti omishasaanii beeksisaa akka jiran ibsaniiru.
Sagantichi dinagdee Afrikaanotaa qonnaan bulaa omisha gabaatti dhiyeessurraa eegalee hojii uumuun dinagdee Afrikaanota cimsee walitti fiduun dhiibbaa dinagdee alaa ittisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Oromoon sirna nyaata qopheessuu yeroo dheeraaf tursuu danda’u waan qabuuf beekumsa Oromoo beeksisuufis waldaansaanii gaheesaa taphachaa jiraachuu eeraniiru.
Bariisaa Onkoloolessa 13/2014