Maniin anga’oota muudamanii tajaajiluu malee tajaajilamuu ta’uu hinqabu

Finfinnee: Maniin anga’oota muudamanii hawaasa tajaajiluu malee hawaasarraa tajaajilamuu ta’uu hinqabu jechuun hayyuun hoggansaa Doktar Zarihuun Gabree dubbatan.

Doktar Zarihuun ibsa addatti dheengadda Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin seenaawwan rakkoo gaggeessummaa ardii Afrikaa darbanii yeroo ilaallu aanga’oonni muudaman hedduun akka hawaasni isaan tajaajilu malee isaan hawaasa akka tajaajilaniif waan muudaman fakkaatan jedhan.

Kun immoo hoggansa Afrikaanota si’anaatiif danqaa guddaafi kiyyoo ta’ee kan mul’achaa jirudha. Miira ummata tajaajiluu osoo hinta’in maniin angoo qabachuu qondaaltota Afrikaa tajaajilamuufi of tajaajiluu akka ta’e kan mul’isudha jedhani, amma garuu akka seera hoggansaatti faallaa kanaan ummata tajaajiluu akka ta’e ibsaniiru.

Ministirri Muummeen Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad haasaa leenjii ministiroota haaraa muudamaniif kennamaa jirurratti taasisan bu’uureffachuun Doktar Zarihun, xiyyeeffanoon leenjichaa ummata tajaajiluuf anga’oonni muudaman kutatoo ta’uufi aangoo kennameefitti seeraan akka fayyadamaniif kallatti kan agarsiisuudha jedhan. Muudamtoonni hawaasa amanee isaan filateef amanamoo ta’uun tajaajiluu qabus jedhan.

Akka ibsasaaniitti, dhimmi xiyyeeffannoo barbaadu hattummaafi malaammaltummadha. Hawaasa tajaajiluuf muudaman saamuufi matta’aa gaafachuu yaaluun ofumasaaniif balaa guddaa qaba waan ta’eef gocha badaa akkanaarraa cimsanii of qusachuu qabu.

“Yeroo baay’ee anga’ootarraa ummatatu na filateefa hojjedha jechuurra ummata na filate kanarraan tajaajilama jechuun heddu mul’ata. Carraa ummanni kenneefitti fayyadamuun biyya waliinii keenya kanaaf itti dhimmamanii hojjechuu qabu” jechuun dubbataniiru.

Gama birootiin dhimmoonni sanyummaa wajjin walqabatanii ka’an abbootii angoorraa mul’achuu hinqaban jedhanii, daangaa Itoophiyaa keessaa bakka barbaadee haa dhufuu ykn haa jiraatuu namni nama ta’usaatiin qofa tajaajila argachuu qabu hunda akka argatuuf xiyyeeffannaan of kennanii harka qulqulluudhaan tajaajiluu barbaachisaadha kan jedhan hayyuun hoggansaa kun; ta’uu baannaan deemee deemee sirnuma hundaa’e sana cabsu danda’a waan ta’eef of eeggachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Biyyattiin kadhaa qamadiifi hirkatuummaa dinadgee alaa jalaa akka baatuufis anga’oonni muudaman kunneen hawaasa of maddii hiriirsanii yoo hojjetan jijjiiramuun akka danda’amu hubachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Biyyi keenya qabeenya hedduun badhaatuu waan taateef qabeenya kanneenitti fayyadamuun hawaasa jireenya gadadoo keessaa baasuun akka danda’amu amanuun barbaachisaadha jedhan Doktar Zarihun.

Dargaggoonni abdii boruu biyya kanaa ta’an akka karaa seeraan alaa biyyaa hinbaane gochuun dhimma filmaata hinqabne ta’uu kaasanii, biyyoota lixaa ammaan tana nurratti roorrisaa jiran ofirraa qolachuun yoo barbaadame duroomuu, harkasaanii ilaaluu dhiisuu, hoggansa gaarii kennuun hattoota of keessaa balleessuun namoota aadaa hojii gaarii qaban qindeessanii hojjechuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Hawaasnis gaggeessitootasa ofumasaatii filatee aangoo kenneef duukaa bu’uun gargaaruu, obsaafi ogummaan akka utubuu; akkasumas hattummaa balleessuuf barsiifata waa kennanii tajaajilamuurraa of qusachuu qaba jedhanii, anga’oota waan gaarii hojjetan wajjin of keknnanii hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You