Jiraattonni Kiiramuu nageenyi keenya eegamuu qaba jedhu

Finfinnee: Fulbaana 30 bara 2014 Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Kiiramuu, Ganda Haarootti miidhaa lubbuu namaafi qabeenyarra gaheen ilaalchisee qoondaalonni mootummaa, dhalattoonni naannawichaafi sababa kanaan kanneen buqqa’an yaada qaban ibsu.

Aanichatti jiraataan ganda Qoqqoffee maqaansaanii akka caqasamu hinbarbaanne yaada kennanii, Kiiramuu keessatti rakkoon kan si’anaa kanaan walfakkaatu ji’a darbe raawwatameen maatiiwwan shan dhabuu eeranii, maatiiwwan lamaan wasiillan kanneen hafan ammoo obbolaasaanii ta’uu himaniiru. Lubbuu namoota nagaa qe’umasaaniitti galaafatamuu dubbatanii, nageenyi jiraattotaas eegamuufi mirkanaa’uu qaba jedhu.

Jiraatumti gandichaa biraan maqaansaanii akka hincaqasamne barbaadan akka jedhanitti, rakkoo nageenyaa aanicha keessatti uumameen uumanni buqqa’aa looniifi ilmaansaa waliin rakkachaa waan jiruuf mootummaan saffisaan rakkoo kanaaf furmaata kennuu qaba.

Wayita rakkoon kun mudatu humnoonni nageenyaa aanaarra waan jiraniif miidhaan dhaqqabee hammaataa ta’uufi hanga Jimaata kaleessaa oduun qindaa’etti rakkinichi ittifufuu dubbataniiru.

Jiraataan magaalaa Haaroo saba Amaaraa maqaansaanii akka caqasamu hinbarbaanne gamasaaniin, humnoonni nageenyaa naannawichatti waan hinargamneef, sochiin rakkoo uumame to’achuuf taasifame gadaanaa ta’uu eeranii, ammas ummanni sodaa keessa jiraachuufi mootummaan kana hubatee saffisaan humnoota nageenyaan nagaa buusuufi kanneen buqqa’anis qe’eesaaniitti akka deebi’an waamicha dhiyeessaniiru.

Gorsaan Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu kalessa Gaazexaa Bariisaatii kennaniin akka jedhanitti, Kan ummatoota Oromoofi Amaaraa waliitti buusaa jiru Shaneefi juuntaa waan ta’eef akkuma waggoota sadan darbanii Amaara fakkaatanii Oromoo rukutu; Oromoos fakkaatanii Amaara rukutu.

Rakkinicha kan uume shiftoota Afaan Amaaraa dubbatan kanneen jedhan akka jiran eeranii, kana jechuun eessa, akkamitti galanii miidhaa qaqqaabsiisan kan jedhu beekamuu qaba jedhaniiru.

Ummanni deeggarsa gaafatee wayita deebiin hinkennamnef hinjiru waan ta’eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa namni tokkollee akka rukutamu yookiin akka miidhamu waan hinbarbaannef yeroo garagaraatti humni addaafi poolisiin idilee lubbuun wareegamaa jiraachuu ibsaniiru.

Riippoortara gaazexichaatiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You