“Godinnichatti sochiin shanee sadarkaa yaaddessaarra hinjiru’’ -Bulchiinsa Godina Gujii Lixaa

Finfinne: Haala qabatamaa amma jiruun tarkaanfii qindaa’aa ummataafi humnoota nageenyaatiin fudhatamaa jiruun sochiin gareen shororkeessaa shanee godina Gujii Lixaa keessatti taasiisaa jiru sadarkaa yaaddeessaarra akka hin jirre Bulchaan Godinichaa Obbo Jambaree Abbabaa ibsan.

Obbo Jambareen ibsa dheengaddaa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, ummanni wayita garagaraatti garichaan miidhaan waan irra gahaa tureef humnoota nageenyaa godinicha keessatti argamaniif eeruu kennuun miseensonni garichaa hawaasa naannichaa waliin walfakkaachuun midhaa qaqqabsiisuuf karoorsan hambisuun danda’ameera.

Garichi kanaan dura haleellaa namoota nagaarrattii raawwachuun lubbuu galaafachuufi godaansa Abbootii Gadaa, sochii daldaltoonniifi horsiise bultoonni godinicha keessatti taasisan sadarkaa daangessurra gahuu eeranii, ummanni gocha kana balaalefachuun tokkummaan waan itti duleef humna dhabaa jiraachuus ibsaniiru.

Mootummaan aangoorra jiru nagaaf dursa waan kennuuf miseensota garicha keessatti argamaniif abbootii gadaafi jaarsolii biyyaan waamichi nageenyaa taasifamaa turuu yaadachisanii, ammas humnoonni garichi walta’insa garee shoroorkessaa Adda Bilisa Baasaa ummata Tigraay (ABUT) waliin taasise morman akka nagaan abbooti gadaatti harka kennatan tattaafiin taasifamaa jiraachuu beeksiisaniiru.

Gareen shoroorkessaa shanee “Saba Oromoof nan qabsaa’a” ofiin jechaa ture, diina Oromoo waliin walta’insa taasisuu wayita iftoomseetti ummanni waan irratti qabsaa’eef rifaatuu keessa galuufi tooftaa sochiisaa jijjiiruus humna ummataafi mootummaa ol akka hintaane bulchichi dubbataniiru.

Walta’iinsi gareewwaan shoroorkessaa ABUTfi Shanee waliin taasisan, shaneen akka saba Oromoof qabsaa’a hinturre yookin hinjirree ifatti akka Oromoon hubatu kan dandeesiise waan ta’eef, ummanni godinichaas eenyummaa jara kanaa akka salphummatti hubatee tarkaanffii irratti akka fudhatu carraa baneera jedhaniiru.

Kanaanis haalli qabatamaa godinicha keessa jiru nagaadha kan jedhan Obbo Jambareen, sochiin hawaas-dinagdee haala amansiisaan gaggeefamaa jiraachuus ibsaniiru.

Tarkaanfii humnoonni nageenyaa garee shoroorkessaa shaneerratti fudhaataa jiran gandaafi aanaalee garagaraa keessatti ummataan daran deeggaramaa jiraachuu ibsanii, ummanni biyyaaf qe’eesaa badiirraa oolchuuf akkuma kaleessaa ciminaan akka humnoota nageenyaa waliin hojjetu miidhaan akka irra hindhaqabneefis eeggannaa barbaachisu akka taasiisu dhaamaniiru.

Godina Gujiitti waamicha mootummaafi Abbootiin Gadaa taasisanirratti hundaa’uun hidhattoonni garee shoroorkessaa Shanee 26 ji’a lamaa asitti karaa nagaan harka kennachuunsaanii ni yaadatama.

Sinqinash Alamuutiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You