Daaw’annaa misoomaa qonnaa; handhuura qonna biyyattiitti

Finfinnee: Qamadii kilaastaraa Heexoosaa hanga mana barnoota bultii Addaa Dodolaatti, omisha boloqqee Shaashamannee hanga paappaayyaa Maqiitti godinalee Arsii, Arsii Lixaafi Shwaa Bahaa guyyoota sadeen darbanitti keessummoota guguddoon daaw’atamaniiru.

Daaw’annaan ministira Muummeen Doktar Abiyyi Ahmadiin hoogganameefi pirezdaantota naannolee hundaafi kantiibota magaalota lamaanii hammate kun hojiilee misoomaa qonnaa gara garaa daaw’achuun naannolee birootiif muuxannoo akka argatan kan gargaaruudha.

Naannoon Oromiyaa qofti humna qabu hundatti fayyadamee omishnaan Oromiyarra darbee biyyattii guutuu sooruu kan danda’u ta’uu daaw’annicharratti kan himan Ministirri Muummeen Abiyyi, biyyattii sooruu bira darbees omisha gabaa alaatiif ta’u omishuudhaan rakkoo dinagdee biyyattiitiif furmaata ta’uu akka danda’u dubbataniiru.

Kaayyoon daaw’anichaas iddoo kamitti bu’uurri misoomaa gahaan akka jiruufi eessatti immoo akka hanqinni jiru adda baasuudhaan korooraawwan kanaan booda gama kanaan qabamaniif galtee taasifachuu akka ta’es ibsaniiru.

Qabeenya bishaanii naannichi qabutti fayyadamuuf tattaaffiin hanga ammaatti tures jajjabeessaa waan ta’eef gara fuula duraattis cimee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru.

Hojiilee misoomaa daaw’ataman keessaa sanyiiwwan kilaastaraan facaafaman tokko yemmuu ta’u, bara kana oomisha waliigalaa keessaa dhibbantaan 74 ol kilaastaraan kan misoome ta’uu Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa himaniiru.

Barana akka Oromiyaatti lafa kana dura hinmisoomne gara omishaatti galchuun danda’amuusaatiinis bu’aa gaariin argamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jiraattonni naannawqa sulula qiinxamaa deeggarsa seeftineetiin jiraataa turan amma garuu gara omishaatti erga seenanii ofirra darbuun gabaa biyyaalessaaf qamadii dhiheessaa jiraachuu qonnaan bultoonni godinichaa ibsabiiru.

Hektaara 1 irraas callaa kuntaala 70 hanga 80 argataa jiraachuu qonnaan bultoonni kunneen himaniiru.

Bara omishaa 2013/14 akka Oromiyaatti callaa kuntaalli miiliyoonni dhibbi tokkoofi miiliyoonni 95 ol kan eegamu ta’uunis ibsameera.

Akka Godina Arsiitti lafa hektaara kuma dhibba jahaafi kuma saddeet qotame keessaa lafti hektaarri kumni 388 kilaastaraan kan misoome ta’uun himameera.

Bayyanaa Ibraahimiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 6 Bara 2014

Recommended For You