“Siyaasarraa moggaatti of dhiibuurra gara wiirtuutti hiiquutu furmaata” – Jaal Qajeelaa Mardaasaa

Finfinnee: Siyaasas ta’e dhimma biyyaarraa moggaatti of dhiibuurra gara wiirtuutti hiiquun egeree biyyattiif furmaata waaraadha amantaa jedhu akka qaban Hayyuu Duree Ittaanaan ABOfi Ministirri Aadaafi Ispoortii Jaal Qajeelaa Mardaasaa dubbatan.

Jaal Qajeelaan ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, raafama siyaasaafi dinagdee biyyattii furuufis ta’e gaaffii hawaasaa qixa sirriin deebisuuf falli waaraan moggaa dhaabbatanii ilaaluu osoo hintaanee keessa seenanii hojjechuudha.

Sirna Siyaasaa hammataafi hirmaachisaa paartiin biyya bulchuu diriirse paartiinsaanii yaadichi sirrii ta’uusaa amanee fudhachuu ibsanii, kaleessas gaaffiin qabatanii qabsoo hidhannootti seenan fedhii ummataa tajaajiluu waan ta’eef qaawwaa argame kanaan ummatasaanii tajaajiluuf kutannoon kan hojjetan ta’uus dubbatu.

Waliin hojjechuu yommuu jedhamuu wanti hundi mijateera, gaaffiin hunduu deebi’eera jechuu akka hin taane kan kaasan ministirichi, dhimmoota waloorratti hojjechaa garaagarummaafi hanqinoota jiran ammoo waliin mariin dhawaataan furuuf carraaquun adeemsa siyaasa qaroome ta’uu eeru.

Sirni dimokraasii amansiisaa kan galgala tokkotti tolfamu osoo hintaane adeemsaan dhaabbileen dimokraasii, seerotaafi qajeelfamoota garagaraa akka sabaafi biyyaaf tolutti tolchuu kan gaafatuufi yeroo fudhatanii waliin dubbachuu barbaadudha tan kan hima Jaal Qajeelaan, kanuma bu’uura godhachuun walummatti dhufanii waan egeree boocuun matumittisaa boqonnaa haaraa ta’uu ibsaniiru.

Sirna dimokraasii keessatti yaada dhiyaate qeequun, ijaarsa malee abaarsa ta’uu baatus waggoottan 27 darban keessatti miseensotni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa kan miseensa paartii biyya bulchuu ta’an mirga waa falmuufi mormuu akka hinqabne namuu beeka jedhanii, tibbana garuu haala kanaan dura hinbaratamneen miseesotni paartii biyya bulchuu ta’anii wayita falmaniifi morman arguun kan nama jajjabeessuufi jalqabbii dimokraasii gaarii ta’uus dubbataniiru.

“Paarlaamaa jechuudhumti mataansaa bakka waliin mari’ataniifi yaadaan walfalmanidha. Kana jechuun faallaa dantaa sabaafi biyyaa dhaabbatanii yaada diigumsaa dhiyeessuu osoo hintaane ijoon falmiifi mormii fedhii saba giddu galeeffachuun ta’uu qaba. Ifaan ifatti akkasiin giddu galeessatti dhufuun waliin mari’achuufi walfalmuun faayidaa inni biyyaaf qabu olaanaadha” jedhu.

Imaanaa biyyaafi sabaa baachuun ulfaataa ta’uu kan eeran jaal Qajeelaan, sabaafi biyya kaleessa alaalatti ilaalaa turan tajaajiluun carra argatanitti gammaduun muuxannoofi beekumsa qaban hundaan imaanaa ummata qixa sirriin galmaan ga’uuf qophii ta’uus hubachiisaniiru.

Ministira Barnootaa ta’anii kan muudaman hogganaan ‘IZEMA’ Pirofesar Birhaanuu Naggaas Doktar Abiyyi Ahmad waadaa kanaan dura morkattoota hirmaachisuuf galan kabajuusaaniitti gammaduu eeanii, Itoophiyaan kana booda nagaa niargatti jedheen amana jechuunis dubbataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduu

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You