“Rakkoon Sudaan kibbaa mudate Itoophiyaa mudachuu hinqabu” – Salvaakiira Mayardiiti

Wixata darbe sirna simannaa mootummaa haaraa jiraatota Finfinneefi naannawashii akkasumas pirezidaantota biyyoota ollaafi ardii Afrikaa hirmaachise haala ho’aadhaa Adababa’ii Masqalaatti adeemsifameera

Sirnicharratti anga’oonni biyyoota Afrikaa hawwii Itoophiyaafi ummatashiitiif qaban haala daran hawataa ta’een ibsaniiru. Nutis kanneen keessaa kan muraasasaanii akka ittaanutti isin dubbisiisna.

Pirezedaantii Sudaan Kibbaa Mr. Saalvaakiir Mayardiit erga dabarsaniin, rakkoon Sudaan Kibbaa mudate Itoophiyaa mudachuu akka hinqabne hubachiisan. Itoophiyaan of bira dabartee nageenya ollaashii mirkaneessuuf durii kaastee hojjetaa turuus kaasan.

Amma biyyi ollaaf birmachaa turte nageenyishii boora’uun sirrii akka hintaanes eeruun waldhabdee ishee mudate mariidhaan furachuu akka qabdu pirezidaantichi dubbataniiru.

Itoophiyaan nagaa dhabuun ollaafis gaarii waan hintaaneef imala badhaadhinaa eegalame milkeessuuf mariin ilaa fi ilaamee barbaachisaadha.

Pirezdaantiin Jibuutii Mr. Ismaa’el Omar Geelee gamasaaniin Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin baga gammaddan erga jedhaniin booda Itoophiyaan bakka hundeeffama tokkummaa Gamtaa Afrikaati yaada kabajni ni malaa jedhu kaasaniiru.

“Afrikaanotaaf fakkeenya nageenyaa taatee kan mul’attu Itoophiyaan hudhaa amma ishee mudate mariin furattee misoomashii ittifufuu qabdi. Nutis waan qabnuun ishee bira dhaabanna” kan jedhan pirezidaantichi, caalaa tokkumamashiirratti hojjechuu qabdi ergaa jedhu dabarsaniiru.

Pirezidaantiin Keeniyaa Uhuuruu Keeniyaataa gamasaaniin sirna kanarratti argamuun haasaa taasisaniin Itoophiyaan haadha Afrikaanotaati jedhan.

Akka ibsasaaniitti biyyattiin biyya sirna koloneeffattootaaf hinjilbeeffanne waan taateef Afrikaanotaaf madda bilisummaati. Haadha Afrikaanotaa ta’uushiirraa kan ka’e dhukkubsachuunshee biyyoota Afrikaaf maatiisheefis dhukkuba.

Kanaaf rakkoo keessooshii kana nagaanfi mariin furattee badhaadhinashii mirkaneeffachuu akka qabdu kaasaniiru.

Waasihun Takileetiin

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You