“Oromiyatti manneen barnootaa bu’uura borii 1,038 hojiif qophaa’an” -Biiroo Barnoota Oromiyaa

  • Barnootni Onkoloolessa 3 eegalama”

Finfinnee: Guyyaan galmeessa bara barnootaa baranaa kan xumuramu Onkololeessa lama 2 bara 2014 ta’uufi hojiin baruu barsiisuu immoo Onkololeessa 3 kan eegalamu ta’uu Hoogganaa Ittaanaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efrem  Tasammaa   ibsan.

Barnootni baranaa akkuma kan bardheengaddaa pirotokolii kovidii hojirra oolchuun ta’uu  dheengadda Gaazexaa Bariisaatti kan himan Obbo Efreem, mooraawwan barnootaa hojii baruufi barsiisuutiif hawatoo akka ta’aniif biqiltuuwwan garaa garaatiin miidhagsuunis dursee raawwatamuu dubbatu.

Akka ibsasaaniitti, bara barnootaa 2014f barattoota miiliyoona 11.7 barsiisuuf qophiin taasifameera. Hanga ammaatti kan galmaa’an garuu baay’ina barattootaa eeggamu keessaa dhibbantaa 74 qofa. Kun immoo  guyyoota hafe waliin yemmuu walbira qabamee ilaalamu xiqqaa waan ta’eef yeroo hafe keessatti dafanii galmaa’uu qabu.

Barana hirmaannaa abbootii qabeenyaafi hawaasaatiin manneen barnootaa bu’ura boruu 3,000 ta’an ijaaramuu kan himan Obbo Efreem, isaan keessaa 1,038 kan ta’an gara hojiitti akka galaniif meeshaaleen gara garaa guutamaafii jiraachuu dubbatu.

Maatiin barattootaa yeroo galmeessaa gabaabaa hafe kana keessatti ijoolleesaanii galmeessisuu akka qabanis dhaamaniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Sanbataa Fulbaana 29/2014

Recommended For You