“Namni darara kaleessaa hinbeekne jijjiirama har’aa hinhubatu” -Ustaaz Kaamiil Shamsuu

Finfinnee: Gaaffii mirgaa kaasaaniif mana hidhaa Maa’ikalaawiitti darara guddaa isaanirra ga’een dhibee diiskiif saaxilamanis, haalli kaleessaa sun har’a jijjiiramuusaatti kan gammadan ta’uu miseensi Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Ustaaz Kaamiil Shamsuu ibsan.

Ustaaz Kaamiil yaada Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda kennaniin akka jedhanitti, bara 2004 mirgi ummata musliimaa akka kabajamuuf sochii taasisaniif yakka tokko malee mootummaa Wayyaaneetiin ukkaamsamuu hanga of wallaalanitti lafarra harkifamanii reebamaa mana hidhaatti darbaman.

Reebicha hamaa sanaan osoo du’aafi jireenya gidduu jiranii qaamotni nageenyaa gara laafumma tokko malee mana hidhaa Maa’ikalaawiitti harkaafi miilasaanii walitti hidhuun yeroo dheeraaf kutaa dukkanaa keessa isaan tursiisuu kan yaadachiisan Ustaaz Kaamiil, ajajaan qaama nageenyaa tokko shugguxii addasaaniitti aggaamee “Gocha kee kanarraa hindeebitu taanaan asumattan si hanbisa” jechuuniisaas ni dubbatu.

Darara isaanirra gaherraa kan ka’e dugugguruun dugdaa miidhamuun dhibee diiskiif saaxilamuu kan eeran Ustaaz, ergasii as dhukkubichi itti hammaataa dhufuun biyya keessatti wal’aanamuuf jijjiirama dhabuun Turkii deemuun wal’aansa baqaqsanii yaaluutiin sibiilli pilaatiniyemii jedhamu kan sochiif isaan gargaaru gara baasii baasii olaanaadhaan qaamasaanii keessa galuufii ibsaniiru.

Akka Ustaaz Kaamiil jedhanitti, dararaafi doorsisni isaanirra gahaa ture isaanirra darbee maatiisaanii dhibee xiinsammuutiif saaxileera. Sodaan bara sana ture hanga har’aatti maatii keessaa hincabne. Isaanis rakkoon xiinsammuu akka jirutti ta’ee miidhaan qaamaa isaanirra ga’e kun hojii dhuunfaas ta’e kan hawaasummaarratti daran isaan danqaa jira.

“Yommuun namoota gaaffii mirgaaf mana hidhaatti, daandii gubbaatti lubbuu dhaban akkasumas miidhaa qaamaa olaanaaf saaxilaman yaadadhu kan koo homaattuu hinlakkaa’u. Reebbicha gaafan qabame narratti raawwatameen yeroo dheeraaf wayitan of wallaale lubbuun nan jiraadha jedhee hinbeeku. Rabbi carraa lamata jiraachuu naa kenne guddaan galateeffadha,” jedhu Ustaaz Kaamiil.

“Namni miidhaa kaleessaa hinbeekne jijjirama har’aa hinhubatu, kan qalbii hinqabnes miixuu kaleessaa dagachuun waan tasayyuu walitti hindhufne har’aafi kaleessa waliin madaaluu yaala,” jechuun kaleessiifi har’i garaagarummaa guddaa qabaachuus eeranii, dhugaan jiru garuu waan biyyi jijjjiiramarra jirtuuf deebii gaaffii hundaa argachuun rakkisaa ta’us akka kaleessaa ukkaamsaan qaamaafi yaadaa akka hinjirre hubachiisaniiru.

“Namni ibiddaan gubatee argeefi ibidda maqaan beeku addaa adda. Keessumaa, Oromoo ta’ee namni waan kaleessaa irraanfatu ykn teellaatti deebi’ee hawwu nama dhibee sammuu ykn raakkoo ilaalchaa qabu malee sababa biraatiin ibsuun hindanda’amu” jechuun addeessu.

 Waaqshuum Fiqaaduu

Gaazexaa Bariisaa SANBATAA Fulbaana 29/2014

Recommended For You