“Biyya kana ceesisuu keessatti diyaaspooraan ga’eesaa ba’achuu qaba” -Diyaaspooraa Oromoo keessaa

Finfinnee: Doktar Jamaal Hasan Ameerikaa Omaahaa, Nebraskaadhaa (Omaha, Nebraska) sirna hundeeffama mootummaa haaraa Itoophiyaarratti akka argamaniif affeeramanii dhufan.

Isaanis waa’ee mootummaa haaraa hundeeffameefi dhimma waliigalaarratti yaada kaleessa Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, addunyaa kanarratti mootummaan hanqina hinqabne hinjiru. Mootummaan Ameerikaa umurii 245f demokraasiidhaan walbulchaa jirtullee rakkoo hedduu qabdi. Garuu mootummaan kun kan sirni shororkeessaa ABUT waggoota 27f biyya kana saamaa, sabaafi saba walnyaachisaa, ummata amantiidhaan qoodaafi dararaa olaanaa geesisaa ture irraa buqqaasuudhaan wanti waggoota sadii keessatti hojjete kan nama ajaa’ibuudha.

“Akka fakkeenyaatti, torban kan keessa gara Godina Baalee,  Aanaa Dodolaa deemee omisha qamadii, boqqolloo, garbuu, xaafii, avokaadoofi paappaayyaa haala ammayyaatiin qotamaa jiru daawwadheera. Lafti heektaara 700 ta’u Wayyaaneen Sudaaniif kennitee isheentumti omishasaa gara Saa’udi Arabiyaafi Turkitti fe’uun galii irraa argataa turtee. Lafichi qonnaan bulaa Oromootiif deebi’ee waggaatti si’a sadii qotuun omishni bareedaan irraa argamaa jira” jedhu.

“Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa bultii addaa Oromiyaatti ijaaramaa jiran torba keessaa kan Dodolaatti ijaaramaa jirus daaw’adheera. Ijaarsi mana barumsichaa erga eegalamee ji’oota 10 ta’es amma xumurarra qaqqabeera.

Mana barnootaa sadarkaasaa eeggateefi haalli ijaarsasaa yunvarsiitii biyya Ameerikaa keessa jiruun kan walfakkaatuudha. Manni barumsichaa kutaa 9fa hanga 12fa kan barsiisu yoo ta’u, Afaan Oromoofi Amaariffa dabalatee Ingiliffaa, Arabiffa, Fireenchiifi Chaayiniffa akaakuwwan barnootaa birootti dabaluun barsiisa” jechuun ibsu.

Kunneen isaanif akka Oromoo tokkotti darbees, lammii Itoophiyaa tokkotti waan daran gammachiisu ta’uu kaasanii, wantoonni saffisaan hojjetamaa jiran kunneen kan hamilee namatti horaniifi haala kanaan ittifufnaan waggoota shanan dhufanitti akkuma Pirezdaantiin Oromiyaa jedhanitti, hojiin waggoota 25 kan hojjetaman ta’uu kan agarsiisu ta’uu ibsu.

Yommuu hojiileen hojjetaman garuu rakkooleen hinmudatan jechuu akka hintaane kan himan Doktar Jamaal, biyya akka Itoophiyaa sabaafi sablammoota afaanota garagaraa 80 ol dubbatan mitiitii maatiin mana tokko keessa jiraatuyyuu waan waldhabuuf fagootti walbaqachuurra waa hunda taa’inii mariidhaan furachuun  akka danda’amu dubbatu.

“Diyaaspooraanis fagoodhumatti waan hojjetamu qeequufi komachuurra waan danda’een mootummaa kana deggaree biyyattii ceesisuu qaba. Namni dhugumaan biyya kanaafi sabasaa jaalatu akkasumas, sabaafi sablammiisaaf yaadu dhufee biyyasaa guddisuuf hojjechuu qaba.

Rakkoo jirus mootummaa waliin gaditaa’atee sirreessuu danda’a. Kanarratti Doktar Abiyyis ta’u Obbo Shimallis of kennoofi namoota mariitti amanan waan ta’aniif isaan mariisisuuf qophiidha. Kanarra darbee ala taa’anii odeessuun Itoophiyaa kuffisuun hindanda’amu. Biyyittiin duras hinkufne, ammas hinkufne, fuuldurattis hinkuftu ” jedhu.

Diyaaspooraa Ameerikaa Ohaayoorraa dhufan biroofi yaada nuu kennan ammoo Korsoo Kojii jedhamu. Isaanis sirna hundeeffama mootummaarratti akka hirmaatan affeerraan taasifameefi kan dhufan yoo ta’u, mootummaan ijaarame kun ummata Oromoof darbees Itoophiyaatiif abdii guddaa kan ta’uudha; ummannillee isa abdachuu agarsiisuusaa himu. Seenaa Itoophiyaa keessatti mootummaan akkanaan ummataan filatamee aangootti dhufe hinjiru jedhu.

Karoorri qabames qabatamaadhaan rakkoo ummataa akka hiikuuf yaadamee itti qophaa’uu eeranii, kun garuu waraqaarraa bu’ee hojiitti hiikamuu akka qabu hubachiisu. Akkuma mootummoota darbanii karooruma qopheeffatee taa’uu osoo hintaane kallattumaan hojiitti seenee keessumaa rakkoo dinagdee ummataa furuu akka qabu ibsu.

“Diyaaspooraanis biyya kana dhufee ilaaluun hanqina jiru mootummaatti himee qajeelchuu qaba malee fagoo taa’ee qeequun ummataaf faayidaa tokkollee hinqabu. Dubbiin akka miidiyaa hawaasaarratti haasa’amuu waan hintaaneef ijaan ilaalanii qajeelfachuu wayya.

Mootummaan kun gaaffii ummata Oromoo hunda deebiseera jechuun hindanda’amu. Garuu akka inni deebisu kan taasisu nu’i. Bira dhaabannee hanqinasaa itti agarsiifannee qajeelfachuu qabna malee fagootti mormanii dhagaa darbisiisuun ammas waggaa 150 boodatti nu harkisa jedheen amana” jedhu.

“Wanti hubatamuu qabu biyyi kun yoomiyyuu hindiigamtu. Ummanni biyyattii utuma rakkina keessa jiruu, oduuwwan garagaraa irratti odeeffamaniiyyuu abdii keessa jira. Kanaaf hundi keenya walbira dhaabannee jireenya ummata keenyaafi biyyaa jijjiiruu qabna” jechuun dhaamu.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Sanbataa Fulbaana 29/2014

Recommended For You