Yaada muudamtootaafi miseensota Caffeefi Mana Marii Finfinnee

Oromiyaa

 “Bakka kanatti muudamuukoof gammachuufi kabaja guddaatu natti dhaga’ama. Ittigaafatama naa kennameenis ummatakoo tajaajiluuf akkasumas jijjiirama qabatamaa jireenya ummataarratti fiduuf humnaafi dandeettiin qabuun halkanii guyyaa boqonnaa malee hojjechuuf qophaa’eera.

Hundaa ol amaanaafi ittigaafatamummaan ummanni nutti kenne baroota ittaananitti hojii waggoota 25 hojjetmu waggaa shan keessatti raawwachuuf nan hojjedha. Hunda ol badhaadhinni ummataa sadarkaa hundarra jiru akka jijjiiramuuf kutannoofi xiiqii olaanaafi sabboonummaa gochaan mul’atuun hojjechuuf qophaa’eera. Waa hundaa calaa gaaffiifi roorroon ummata keenyaa karaa hundaan jijjiiruun dirqama hunda keenyaa ta’uu qaba.

Namni ittigaafatama fudhate hundi humnasaa guutuun ummata qindeessee hojjechuun yoo  danda’e badhaadhinni biyyattii fagoo hinta’u. akkasumas ciminni hoggantoota sadarkaa sadarkaarra jiranii isa fedheraalaafis bu’uura waan ta’eef haala kanaan kan hojjechuun urraa eegama.

  • Obbo Abdulkariim Muluu (Sadarkaa Pirezdaantii Ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa)

Muudama kanatti daran Gammadeera. Kan naa kenname ittigaafatama olaanaadha. Caffeen anatti amanee ittigaafatama guddaa kana natti kennuusaatiifis galateeffachuun barbaada.

Pirojektiiwwan daandii gurguddoo hawaasa keenya fayyadaman hojjetmaa kan jiran  ta’us ammayyuu bakka hunda hingeenye. Kanaaf ummanni tajaajila daandii mijataa akka argatuuf ummatuma waliin qindoofnee hojjechuuf qophii guddaan qaba.

Caffee dura kaniin beeku miidiyaarratti qofa ture. Hara’a garuu qaamaan seeneen ittigaafatama olaanaa kana fudhe. Haalonni akkanaa baratamuu qabu. Namni ogummaa qabuunis ummata akka tajaajiluuf carraan kennamuufii qaba. Yoo kana ta’e biyya yaadne ijaaruu dandeenya. Ani kanin baradhe ‘Water Resource and Irrigation Engineering’ yoo ta’u, beekumsaafi ogummaakootiin ummatakoo kanin tajaajilu ta’a.

  • Injinar Heleen Taammiruu (Hoggantuu Biiroo Daandiiwwaniifi Lojistikii)

Finfinnee

 “Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef Kutaa Magaalaa Addis Katamaarraa filatameen seene. Manni marichaa qaama olaanaa magaalichaafi raawwachiisaa ittiin to’atudha. Kanaaf boqonnaa haaraa amma eegalame kana kan fiixaan baasu mana maree isa amma hundaa’e kanadha jechuudha. Kanaafuu ummanni mana maree kanarraa kan eegu adeemsi badhaadhinaa eegalame cimee akka ittifufuudha.

Ummanni Oromoos magaalittiirraa faayidaa argachuu qabu akka argatuuf hojiin eegalame caalaatti cimsuuf waa’illan koo waliin nan hojjedha. Kana dura Finfinneen Oromoo sababa misoomaan ofirraa dhiibaafi buqqisaa turte. Amma garuu magaalattiifi magaalonni Oromiyaa naannawaashee jiran waliin misoomuuf waliigaltee uumaniiru.

Anis akka dhuunfaakootti waliigalteem kun akka jedhameetti hojiitti akka hiikamuuf hojjechuuf qophiidha. Waliigala magaalittiin faayidaafi dantaa ummata Oromoo akka eegsiftuuf waan narraa eegamu hunda nan ba’adha. MAgaalittiin akkamiin madda dinagdee Oromoo taati inni jedhu deebii akka argatuuf akkasumas faayidaan Oromoo abbummaa Finfinnee ta’uu qofarra akka darbuuf of kenneen hojjedha.

  • Doktar Tashoomaa Addunyaa

 “Filannoo marsaa ja’affaatiin sagalee argadhee Mana Maree Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee keessatti barcuma kanin argadhe yoo ta’u, sagalee ummatakoo gama hundaan dhageesisuun biyyiifi ummannikoo akka fayyadaman nan hojjedha. Ummanni gaafa sagalee nuuf kenne ittigaafatamaafi imaanaa guddaa akka nutti kenne nan amana.

Animmoo akka nama dhuunfaatti nama amaanaa nyaatu ta’uu hinfedhe. Keessumaa dhaladhee kanin guddadhe Magaalaa Finfinnee waan ta’ef rakkoon hawaas dinagdee magaalattii akka hiikkatuuf ummatakoof sagalee ta’een hojjedha. Hojiin hojjetamu namni dhuunfaan qofaasaatti ba’aachuu wana hindandeenyeef ummannis nu cinaa hiriiree akkuma barame akka nu deggaruun gaafadha.”

  • Aadde Tsiwaay Mulunah

Saamraawit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You