“Mootummaan haaraa hundeeffamu nageenyaafi dinagdee biyyaarratti fuulleeffachuun hojjechuu qaba” – Obbo Geetaanah Wuddinah

Finfinnee: Mootummaa haaraan hundeeffamu nageenyaafi dinagdee biyyaarratti fuulleeffachuun hojjechuu qaba jedhan hayyuun siyaasaa Obbo Geetaanah Wuddinah.

Hayyichi ibsa addatti torban darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin Itoophiyaatti mootummaa iftaan hundeeffamu dhimmoota guguddoo biyyaarratti fuulleeffate hojjechuu qaba jedhan.

Mootummaa haaraan yeroo biyyattiin rakkoolee guguddoo nageenyaafi qormaata dinagdee keessa jirtutti kan hundaa’u waan ta’eef boqqoonnaa murteessaadha jedhaniiru.

Mootummaan nageenya waaraa fiduuf hangam qophii akka ta’e kan itti agarsiisuufi nageenya fiduun dinagdeefi badhaadhina biyyattii mirkaneessuun kan addaan fo’aman akka hintaanes kaasaniiru. Keessattuu nageenya waaraa fiduun dursa kan itti kennamuu qabu ta’uus eeranii, kana dhugoomsuufis mootummaan fageenya dheeraa deemuu akka qabu eeru.

Dargaggoonni dinagdee keessatti hirmaannaa dammaqina qabu akka taasisan gochuunis dhimmi xiyyeeffannaa argachu qabuudha jedhanii, qonnaan bultoonnis dinagdee biyyaaf gaheen taphatan olaanaa ta’uu osoo hindagatiin mootummaan haaraa hundeeffamu deemu kun qonna biyyattiirraa dinagdee argamuu danda’u daran cimsuu qaba jechuun kaasaniiru.

Damee invastimantii jajjabeessuufi qaala’insa gatii madaalawaa gochuuf rakkoo biyyattiin keesa jirtu hubannoo keessa galchuun meeshaalee bu’uraa ta’an gibira irraa bilisa gochuun dinagdee biyyaa waraanaan laamsha’e deeggaruu irratti hojjechuu qaba jedhaniiru. Kanaan alattiis qaamoolee dinagdichi akka hin tasgabboofne godhan irratti hordooffiifi tarkaanfiin irra hin deebi’amne fudhatamaa deemuu qaba jedhaniiru.

Gaheefi ittigaafatamuummaa qaamolee dinagdeerratti shoora qaban ifatti adda baasuun hojmaata ifaafi bilisa ta’e diriirsuun barbaachisaadhas jedhan. Kanaanis dinagdee biyyaa waraanichi nyaate sirreessuun hojmanee ijoo mootummaa haaraa ta’uu beeksisaniru.

Waligaltee biyyoolesssaarratti bal’inaan hojeetamuun immoo dhimma akka laayyootti ilaalamu qabu akka hintanee himanii, waliigaltichi nageenya hidhamiinsa guddaa qabaachuu hayyichi dubbataniiru.Kanaafis hayyuuwwaniifi qaamolee hawaasaa waliin sirnaan mari’achuun murteessaa ta’uu ibsaniiru.

 Fiqaaduu Dheeressaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You