Hawaasaa: Mootummaa haaraa kaleessa Naannoo Sidaamaatti hundaa’een yeroo 2faf pirezdaantii naannichaa ta’uun kan muudaman Obbo Dastaa Lendaamoo, Aadde Faantaayee Kabbadee immoo Afyaa’ii Mana maree ta’uun muudamaniiru.
Miseensota Kaabinee 16 ta’an filachuun hojii yeroo ittaanu hojjatamuufis qophaa’aniiru. Obbo Dastaan sirnicharratti haasawa taasisaniin, ummata isaan filate kutannoodhaan tajaajiluuf qophii ta’uu himanii, hirmaannaafi fayyadamummaa ummatichaa mirkaneessuufis kan hojjatan ta’uu dubbataniiru.
Dhimmoota nageenya, misoomaafi dimokraasiitiif dursa kennanii kan hojjatan ta’uus himanii, kanaafis ummata waliin qindoomina cimaa uumuun murteessaa ta’uu ibsu.
“Erga nageenya amansiisaa naannichaafi ollootasaatti erga mirkaneessinee booda hojii ijoon nu eeggatu dhimma omishaafi omishtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuudha” jedhan.
Kana gochuun immoo galii qonnaan bulaa dabaluu qofa osoo hintaane, sochii akka biyyaatti midhaan nyaataatiin of danda’uuf taasifamuufis tumsa guddaadha jedhan.
Rakkoolee nageenyaa yeroo ammaa akka biyyaatti mul’achaa jiran furmaata waaraa akka argataniif naannichi ga’eesaa sirnaan bahachuuf qophii ta’uus Obbo Dastaan himaniiru.
Affaar
Oduudhuma walqabateen manni Maree Naannoo Affaar Yaa’ii jalqabaa waggaa 1fa gaggeesseen Obbo Awwal Arbaa Pirezdaantii naannichaa, Aadde Asiyaa Kamaal Afyaa’ii Mana marichaa taasisuun filateera. Aadde Mayriimaa Mahaammad ammoo afyaa’ii ittaantuu taasisuun muudeera.
Gaambeellaa
Obbo Umaad Ujuluu Pirezdaantii naannoo Gaambeellaa ta’uun filataman. Manni maree naannichaa yaa’ii jalqabaa waggaa 1fa gaggeesseen nama bara 2011 irraa eegalanii naannicha bulchaa turan deebisee muudeera.
Amaaraa
Manni Marii Amaaraa pirezidaantii haaraa Doktar Yiliqaal Kaffala jedhaman muudeera. Akkasumas Aadde Faantuu Tasfaayee afyaa’ii, Obbo Amaaree Saxxee immoo afyaa’ii ittaanaa taasisuun filateera.
Dirre Dhawaa
Manni marii Dirre Dhawaa Aadde Fatiyaa Adam afyaa’ii, Aadde Kariimaa Alii Roobaa ammoo ittaantuu gochuun yoo filatu, Obbo Kadir Juhaar Kantiibaa Dirre Dhawaa ta’uun muudamaniiru.
Manneen marii kunniin miseensota kaabineesaanii filachuun sadarkaa biyyaatti ammoo Mootummaa Federaalaa iftaan Fulbaana 24 bara 2014 hundeessuuf qophiirra jiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014