“Ayyaanni Irreechaa nagaan akka kabajamuuf Qeerroon ga’ee dursummaa fudhachuu qaba” -Eebbifamtoota Yunvarsiitii Jimmaa

Jimmaa: Haalli kabaja ayyaana irreechaa bara darbee komiifi hamii hedduu keessummeessee akka ture namuu waan dagatuu miti. Ayyaanni waaqaa bacaqii gannaa keessaa baasee gara birraatti nama dabarseef kabajniifi galateeffannaan itti kennamu kun nama fedhii qabu hundaaf banaa ta’uu dhabee namoota baajiin kennameef muraasa qofaan akka kabajamu taasifamuunsaa immoo sababoota ayyaanicha darberratti komii kaasan keessaa isa guddaadha.

Wareerri dhibee koronaa biyyattii keessa galuunsaafi saffisaan daddarbaa turuun baay’ina ummataa murteessuuf kan isa dirqisiise ta’uusaa immoo mootummaan ibsaa tureera. Barana garuu koronaanis baduu baatu hanga tokko ummanni dhibichaan wal baruusaarraa kan ka’e baay’ina namootaa osoo hin daangeessine akka kabajamuuf murtaa’uu gumiin abbootii gadaa dhiheenya mirkaneesseera.

Ayyaanni irreechaa baranaa laakkofsa namootaa osoo hin murteessin duudhaasaa eegee kabajamuun waan nama gammachiisu ta’uu kan himan dargaggoonni Yuunversiitii Jimmaa, ayyaana ummata laakkofsisaa hin beekkamneen kabajamu waan ta’eef garuu nageenyisaa sirritti eeggamuu akka qabu himu.

Nageenya ayyaanichaa mirkaneessuun qooda hirmaattota hundaa ta’uu kan himu eebbifamaa Yuunversiitii Jimmaa dargaggoo Muluu Dajanee, qoodni Qeerroon nagaa ayyaanichaa mirkaneessuu keessatti bahachuu qabu olaanaa akka ta’e ibsa.

Foolleen akkuma kanaan dura baratametti gurmaa’uudhaan ayyaanni irreechaa baranaa bifa midhagaafi rakkoo nageenyaa tokko malee akka kabajamuuf hojii gaarii kanaan dura barame sana akka raawwatuufis amantaa kan qabu ta’uu dubbata.

Ayyaanni Irreechaa inni baranaa yeroo biyyattiin rakkoolee gara garaa keessa jirtutti kan kabajamu ta’uun kan himu immoo dargaggoo Ahmaddiin Xahaa, rakkoolee biyyattii muudachaa jiru keessaa inni guddaan dhimma nageenyaa waan ta’eef kabaja ayyaana irreecha baranaatiif eeggumsi cimaan taasifamuu akka qabu gaafata.

Akka ibsasaatti; ayyaanichi duudhaasaa osoo hin lakkisne nagaan kabajamee akka xumuramuuf eeggumsi gama mootummaatiin taasifamuuf qofti gahaa miti. Qaamoleen nageenya tumsa ummataatiin alatti nageenya amansiisaa ta’e mirkaneessuuf waan rakkataniif hirmaattotni ayyaanichaa hundi dammaqinaan nageenya naannawasaanii hordofuu qabu.

Yeroo Oromoon gammachuudhaan walitti bahee ayyaanasaa gaggeeffatu qaamotni ijjisaanii dhiigu akka jiranis dagatamuu akka hin qabne dargaggoo Ahmaddiin ni dubbata.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 22 Bara 2014

Recommended For You