Baatuu: Kilaastarri boqqolloo galteewwan qonnaa hunda fayyadamuun Godina Shawaa Bahaa, Aanaa Booraa, Ganda Tuqaa Laangaanoo torban darbe garee gaazexeessitootaa, hoggantoota hojiifi ogeessota qonnaatiin daaw’atameera.
Kilaastaraan qotuun, galteewwan qonnaafi farra aramaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan qonnaan bultoonni aanichaa, barana qoricha farra aramaa haaraa ‘Surestart SE’ jedhamu kan akaakuuwwan aramaa hunda balleessu kan dhaabbanni ‘CHEMTEX’ isaaniif dhiyeessetti waan fayyadamaniif keessumaa boqqolloorraa omisha olaanaa kan eeggatan ta’uu dubbatu.
Aanichatti qonnaan bulaa ganda Tuqaa Laangaanoo Obbo Bulaa Tiksee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, bara 2009 irraa eegalanii qonnaan bultoota naannawasaanii waliin ta’uun kilaastqraan qotaa jiru. Ogeessonni qonnaa aanichaas lafa qopheessuurraa eegalee hanga midhaan sassaabamutti deggersa barbaachisu taasisaafii jiraachuu eeraniiru.
Kilaastqraan qotuufi galteewwan qonnaa fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu kan himan qonnaan bulaan kun, barana ammoo qoricha farra aramaa ‘Surestart SE’ jedhamu kan akakauu aramaa hunda balleessu waan fayyadamneef callaa boqqolloo kan baroota darbaniirra caalu ni arganna jennee abdanna jedhu.
Kilaastaraan gurmoofnee galteewwan qonnaatti fayyadamuun qotuu erga jalqabnee as omisha qonnaa gaarii argachaa jirra kan jedhan qonnaan bulaan kun, deggersa ogeessonni qonnaa aanichaa taasisaafiif galateeffachuun gara fuulduraatti mootummaan hanqina sanyii falatamaarratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Duraan lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala ja’a argachaa turuu kan himan qonnaan bulaan kun, erga kilaastaraan qotuufi galteewwan qonnaa fayyadamuu jalqabanii as garuu lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 80 hanga 100tti argachuufi qonnaan bultoonni kilaastaraan gurmaa’anii hinjirre kilaastaraan gurmaa’uufi galteewwan qonnaatti fayyadamuu akka qaban gorsaniiru.
Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanaa Booraatti, Ogeessi Eegumsa Midhaanii Obbo Waarii Badhoo akka jedhanitti, aanichatti hojiin kilaastara boqqolloo, qamadiifi xaafii babal’achaa dhufeera. Qonnaan bultoonni kilaasteraan gurmaa’an lafa qopheessuurraa jalqabee hanga midhaan sassaabamutti teknolojii qonnaafi galteewwan qonnaa walfakkaatu waan fayyadamaniif hojiin kun omishaafi omishtummaa qonnaa gudisuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu eeru.
Waajjirichis qonnnaan bultoonni kilaastaraan gurmaa’anii akka qotaniif qophii lafaarraa kaasee hanga midhaan faca’e ga’ee sassaabamutti deggersa barbaachisu taasisaafii jiraachuu himanii, barana ammoo farra aramaa boqqolloo ‘Surestart SE’ jedhamu kan gosa aramaa hunda balleessu kan dhaabbanni ‘CHEMTEX’ dhiyyeesseefitti waan fayyadamaniif omisha gaarii kan argatan ta’uu dubbatu.
Farri aramaa boqqolloo kun sanyiin boqqolloo faca’ee guyyaa sadaffaa booda ykn utuu boqqolloon hinbiqilin maasiirratti kan biifamu ta’uu kan himan Obbo Waariin, maasii farri aramichaa kun itti biifameefi itti hinbiifamne gidduu garaagarummaa guddaan jiraachuufi farra aramaa kana fayyadamuun hojii salphisuurra darbee omishaafi omishtummaa boqqolloo guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Aanichatti aramaa margaa dabalatee gosoonni aramaa biroon baay’inaan waan biqilaniif omishaafi omishtummaa qonnaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu himanii, farri aramaa akaakuwwan aramaa hunda balleessu kana fayyadamuun omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gumaacha olaanaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Ittigaafatamaa Waajjira Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Aanichaa Obbo Fittilaa Goobanaa akka jedhanitti, aanichatti hojiin kilaastaraan qotuufi galteewwan qonnaa fayyadamuu daran babal’achaa jira. Lafa qonnaa aanichaa heektaara kuma 32fi 439 keessaa %65 kilaastaraan qotameera. Hojiin kilaastara qonnaa aanichatti babal’achaa jiraachuufi barana lafti heektaara 200 ol kilaastara boqqolloofi heektaarri kuma 11 ol ammoo kilaastara qamadiitiin misoomuufi kan xaafiis bal’inaan kan adeemsifame ta’uu himaniiru.
Qorichi farra aramaa ‘Surestart SE’ jedhamu kan dhaabbatni ‘CHEMTEX’ barana qonnaan bultootaaf dhiyeesse kun akaakuuwwan aramaa hunda bal’eessuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuu keessatti gahee olaanaa qaba kan jedhan ittiggaafatamichi, barana kilaastera boqqolloo lafa heektaara tokkorraa boqqolloo kuntaala 100 ol kan eegamu ta’uufi akaakuuwwan midhaanii biroorraas omisha olaanaa ni arganna jennee abdanna jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014