Naqamtee/Dabrabirihaan: Dhaabbanni Itiyoo Telekoom umriisaa waggaa 127 keessatti teknolojii dijitaalaa babal’isuun addunyaa waliin tarkaanfachuuf sochii taasisaa kan tureen sadarkaa jajjabeessaarra ga’eera.
Yeroo ammaas rakkoo addaan ciccituu sagaleefi harkifannaa intarneetii furuuf teknolojii dijitaalaa babal’isuuf tajaajila intarneetii saffisaa ‘4G Lte Advanced’ riijinii lixaa (Asoosaan) ala riijinoota maratti hojiirra oolcheera.
Sirna jalqabsiisa teknolojichaarratti torbanum Riijinii Lixaa (Naqamatee) fi Riijinii Giddugala Kaabaa (Dabrabirihaanitti) eegalsiifamerratti argamuun haasaa kan taasisan Gaggeessituun Hojii Dhaabbatichaa Dubree Firehiwoot Taammiruu akka ibsanitti, tajaajilli dijitaalaa gabaa addunyaatti akka makamuuf gargaara. Riijinicha jalatti magaalonni Laga Xaafoo, Sandaafaa, Shanoo, Fiichee, Sulultaa, Gabra Gurraacha, tajaajilicha aragatniiru.
Kun akka ta’uufis, Itiyoo Telekoom humna guutuun hojjetaa turuusaa kaasanii, rakkoo qulqullina sagalee, saffisa interneetiifi bittaa gurgurtaa hannarraa bilisa ta’e babal’isuun murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Yeroo ammaattis tajaajilli intarneetii saffisaa ‘4G Lte Advanced’ kun sadarkaa waliin gahuurra ga’aa jiraachuus himaniiru.
Itiyoo Telekoom tajaajila teknolojii dijitaalaa akka biyyaatti babal’isaa jiru cinaatti tajaajila lammummaanis hojii boonsaa hojjetaa akka jiru kaasaniiru.
Keessumaa bara barnootaa 2014 barattoota harka qal’eeyyii akka biyyaatti jiran kuma 50 ta’aniif dabtara kuma 600 bituun raabsaa jira. Raabsaan dabtaraa kunis manneen barnootaa sadarkaa1fa 666 akka biyyaatti jiran keessatti kan raawwachaa jiru yoo ta’u, sochichi barattootatti abdii horuuf kan akeeke ta’uu Gaggeessituun Hojii tun ibsaniiru.
Riijinii Dhihaa (Naqamteetti) tajaajila intarneetii saffisaa ‘4G Lte Advanced’ tibbana jalqabsiifame cinatti barattoota kuma afuriifi 807 harka qalleeyyii ta’aniif dabtara kuma 57fi 684 raabsameera.
Magaalonni riijinicha jala jiran Godinaaleen Wallaggaa afraniifi Baakkoon tajaajila intarneetii saffisaa ‘4G Lte Advanced’fi deggarsa dabataraa kana fayyadamoo ta’u.
Riijinii Giddugala Kaabaa (Dabrabirihaanittis) teknolojii dijitaalaa eegalsiisuun booda barattoota riijinicha jala jiran kuma afuriifi 288 ta’aniif deggarsa taasiseera.
Waasihun Takileetiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014