Finfinnee: Adeemsa dippiloomaasii ammayyeessuun gidduseentummaa biyyootaa qolachuun kan danda’amu ta’uu hayyuun siyaasaa ibsan.
Hayyuun siyaasaa Obbo Geetaanah Wuddinah ibsa torban darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin Itoophiyaan waraana ishee mudaterratti duulaa jiraachuufi jiraachuu dhabuurratti taasistuun sirni dippiloomaasii isheen fayyadamaa jirtuun yoo hinmilkoofne adeemsashee ammayyeessuun gidduu seenummaa biyyootaarraa of baraaruu akka dandeessu himaniiru.
Siyaasa addunyaa walxaxaa waliin walqabatee haala Itoophiyaan keessa darbaa jirtuun biyyattiin biyyoota dinagdeen badhaadhan wajjin akka walhinfaalleessine hayyoonni damichaafi dippiloomaatonni waraana yaadaarratti injifatanii bahuufi sirnaan hojjechuu akka qaban himaniiru.
Rakkoon kun sadarkaa kanarra qaqqabuu kan danda’e gaheen dippiloomaatota biyyattii xiqqaa ta’uurra darbee, hojiileen dippiloomaasii sirnaan hojjetamuu kan himan hayyichi, gidduseentummaan ifaan mul’atu birmadummaa biyyattii kan balaarra buusuufi sarbu ta’uu mul’isa jedhu.
Waltajjiiwwan guguddoorratti dhimmoota kanneen wajjin walqabatanirratti falmiifi ejjennoo fudhachuu dhabuun akkasumas, himannaawwan kijibaa sirnaan ibsuu dhabuurraa kan ka’e dhiibbaawwan alaa baay’achuu ibsu.
Kanaan alattis waltajjiwwan biyyoolessaarratti dhimmoota amansiisoo qabatanii adeemsa dippiloomaasii biyyattiin hordofaa turte ammayyeessuun dhimmoota siyaas dinagdee wayitaawoo kaasuun dhiibbaa uumuun barbaachisaa ta’uu kaasu.
Akka Obbo Geetaanah jedhanitti, gama labsii mirga namoomaa idil addunyaatiin oggaa ilaalamu sababoota garagaraatiin mirgoonni namoomaa mulqamu danda’u jedhamee yeroo amanamu hawaasni addunyaa bakka kamittuu haalliifi akkaataan ittigidduu seenamu jiraachuu kan ibsan hayyuun kun, sababa kanaan gidduseentummaa alaa dhorkuun akka hindanda’amne eeraniiru.
Waan ABUT biyyattiirratti lola baneen mirgoonni namoomaa sarbaman, namoonni qe’eesaaniirraa buqqa’aniifi bu’uuraaleen misoomaa hedduun itti barbada’an waan mul’ataniif biyyoonni alaa kanneen ka’umsa godhachuun gidduu seenuuf oggaa sababa godhatan mul’atu. Ta’us gidduseentummaa kana faayidaafi miidhaasaa qorachuun hangam birmadummaa biyyaa sarbaniiru inni jedhus sirnaan gulaalamuu qaba jedhu.
Hojiileen waraanaan dura hojjetamuu qaban hojjetamuu dhabuusaanitiin gidduseentummaan alaa barbaachisaa hintaane akka mudatu godhaniiru kan jedhan hayyuun kun, sababa kanaan tattaaffii biyyattiin rakkoo ishee mudate furachuuf taasistu gufachiisuuf dhama’aa jiraachuus eeraniiru.
Akka biyyoota lixaa tokko tokkootti oggaa jidduseenummaan umamu dhiimma dhuunfaasaanitiif jecha ykn kaayyoo ofii milkeeffchuuf yoo ta’eefi nageenya waaraa kan hinfidne yoo ta’e biyyattiirratti dhiibbaa dabalataa fiduu hinqaban.
Akka ibsa hayyuu kanaatti yoo ta’e, gidduseentummaan taasifamu qaamolee waldhaban lamaan kan giddugaleeffate, waldhabdee kan hambisu, du’aafi buqqaatii kan hir’isu yoo ta’e fudhachuu dandeenya. Ta’us yeroo ammaatti gidduseenummaan mul’ataa jiru kan biyyattii rakkoo hamaaf saailu waan ta’eef barbaachisummaansaa kan akka laayyootti ilaalamu miti.
Fiqaaduu Dheeressaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 15/2014