Yeroo tokko magaalaa biyya Hindii Boombey jedhamtu keessatti namni tokko utuu konkolaataan deemuu gaarummaa mucaan xiqqoo tokko irraa argeen ilaalchi isaa daran akka geddarame dubbata. Mucaan xiqqaan magaalaa Boombey keessa jiraatu kun karaa irra kan jiraatuufi saantima namni kenneefiin daabboo bitatee nyaachuuf utuu jedhuu sareen daabboo mucaa harkatti agarte tokko fiigaa dhuftee eegee raasuu eegalte.
Mucaan kunis daabboo bitaterraa walakkaa cabsee saree kana jala kaa’e. Sarettiinis fuunfattee utuu hinnyaatin dhiiftee sokkite. Sababa sareen kun dhiiftee sokkiteef hubachuuf yaale. Tarii yoo deebitee nyaateef jedhees ni eege. Sarettiin garuu hindeebine. Achumaan sokkite.
Mucaan daandiirraa saantima namni kennuuf walitti qabee daabboo bitate kun sarettiin dhiiftee sokkuu ishee erga adda baafatee booda daabbocha lafaa fuudhee nyaate. Mucaan kun saree kanaaf irraa hafee utuu hinta’in sareen kun waan nyaattu barbaacha kan deemtu, daabboo harkatti argite akka inni kunnuuf kan barbaadde itti fakkaate malee ofii isaaf iyyuu beela’aa, tarii karaa magaalaa Hindi kana irraa saantima namni kennuufiin nama jiraatu ture. Jaalalaafi arjummaadhaan waan qabu irraa hireef. Irraa hafee utuu hinta’in hir’uu isaarraa kenneef.
Tarii har’a meeqan keenyatu walii keenyatti gaarummaa akkasii agarsiisaa? Meeqan keenyatu namoota gargaarsa keenya barbaadaniif harki keenya diriiraa? Meeqan keenyatu xiqqoo nu harka jirturraa hirree obboloota keenyaafi obboleettota keenyaa tumsuuf qophaa’oodhaa? Bitaafi mirga keenyaa utuu namootni beela’anii, jireenyi bitaa itti galee utuu jiruu meeqan keenyaatu ofittummaan machaa’ee jiraa? Namootni hanga jiraachuu dadhabanitti yeroo ga’an meeqan keenyatti dhagaa’amaa?
Daldaltootni biyya keenyaa, dhaabbilee mootummaas ta’e miti mootummaa keessa sadarkaa addaa addaarra jiran isa kana gadi fageenyaan itti yaaduun murteessaadha. Duudha qabnu danuusaa bara itti dhiifne fakkaata. Ofittummaan yeroo itti nu dhaale keessa jirra jechuun ni dandaa’ama. Isa kanaaf ammoo waan dubbannu garasitti hojiitti hiikuu qabna.
Hojii gaarii nuti namootatti agarsiisnu namootarratti dhiibbaa gaarii mataa isaa danda’e fida. Namni gaarii hojjetuufi yaadu nama waliin jiraatu yookaan hawaasa keessa jiraatu keessatti haa xiqqatus haa baay’atus dhiibbaa geessisu qaba. Gaarummaa barsiisa. Muka gaariirraa ija gaariitu eegama. Nama gaarii hojjeturraa waan baratan danuutu jira. Bara fedhi ofittummaa namoota hedduu keessatti dagaage kana keessatti fedha hamaa kana aarsaa gochuu yoo dandaa’an dhaloota irrattis ta’e namootarratti jijjiirama gaarii fiduu danda’u.
Tarii loliisa uummatni Ameeriikaa walii isaanii lolan (American Civil War) ni yaadanna ta’a. Loliisni kun loliisa isaan diinota isaanii lolan hundumaarra hamaa ture. Loliisa walii isaanii lolan kanaan namootni kuma 700 ol dhumaniiru. Loliisa kana keessatti gama tokkoon loltoota tokkummaa Ameerikaa gama biraan ammo loltoota konfidereeshinii turan.
Muddee 14, bara 1862 loltootni Konfidereeshinii Ameriikaa guyya tokkotti loltoota kuma saddeet (8,000) ol ajjeesan. Loltoota rukutaman kana keessaa hedduun du’aafi jireenya gidduutti hafuun halkan guutu aadaa, iyyaa bulan. Loltoonni rukutan kan konfidereshiniis iyyaafi wawwaannaa isaanii dhaggeeffachaa bulan. Kanneen fooyyee qaban, kan qaamni isaanii irraa cite daa’imanii gargaarsa argachuuf yaalii godhu turan. Kaan immoo utuu iyyanii achumaan hafu. Kana kan dheggeeffate loltuun warra konfidereshinii garaan isaa hedduu gadde. Diina isaa yoo ta’an illee callisee dhiphina isaanii dhaggeeffachuu jibbe.
Halkan guutuu dhiphachaa bulee ganamaan ka’ee ajajaa isaa eyyamsiifatee keenyan gidduu isaanii jiru irra darbee diinota dhiphataa jiraniif bishaan kennuuf akka barbaadu ibseef. Ajajaan isaa garuu nidide, akka dhaqee gargaaru hinfeene. Sababiin isaa yeroo inni gama diinaatti ce’u warri fayyaan dhahanii ajjeesu jedhee sodaate. Inni garuu gaaffii waan itti fufeef dhumarratti ni eyyameef.
Loltuun kun Kirkilaandi jedhama. Yeroo Kirkilaandi itti ce’uu dhukaasa guddaa itti gadi dhiisan. Inni garuu kana hundumaa miliquun warra du’aafi jireenya gidduu jiraniif bishaan kenneef, uffata isaas ofirraa baasee irra buusuun gargaare. Deddeebi’ee bishaan guuree diinota isaa obaase. Inni kun yeroodhaaf loliisa walii isaanii gidduutti ture dhaabuu danda’eera. Gaarummaa namoota isa miidhuuf yaalanitti agarsiise.
Hojii gaarii inni hojjete aarsaa hamaa kan isa kanfalchiisu ta’us utuu of hinqusatin gaarummaa itti fufe. Dhala namaa oolchuuf yaalii barbaachisaa taasise. Warra du’uuf jedhan nigargaare. Kan dheebotan ni obaase. Kan qullaa qorra keessa ciisan diinota kooti hinjenne ni uffise. Gaarummaa inni hojjete namootarrrattis ta’e haala jirurratti dhiibbaa mataa isaa danda’e geessise.
Egaa gaarummaan afaan qofaan miti. Isarra ni darba. Kan hojiin mul’atuudha. Nama biraa gargaaruun nuufis akka dhuunfaatti faayidaa qaba. Namootaaf gaarii gochuun keessa keenyatti nagaafi hiikkaa jireenyaa hubanna. Kan nama dhibu yoo jiraate, gaarii gochuun fayyaa qaamaafi sammuu akka namaaf kennuu qorattootni ni mirkaneessu. Namni yeroo waan nama biraa gargaaru hojjetu caalaatti gammachuutu itti dhagaa’ama. Dhiphinarraa walaba ta’a. Boqonnaatu itti dhagaa’ama.
Gaarii hojjechuun dhiphina hir’isa. Fakkeenyaaf qorannoon bara 2013 taasifame tokko isa kana mirkaneessa. Hojii gaarii hojjechuufi dhiibbaa dhiigaa kan jedhurratti qorannoo taasifame isa kana raggaasisa. Namoota umuriinsaanii ganna shantamaa ol ta’an hojii gaarii kan akka hojii tola ooltummaa garaa garaa keessatti hirmaatan namoota umurii walqixaa hojii kana fakkaatu keessatti hin hirmaannee wajjin yeroo walcina qabanii ilaalaman yoo xiqqate dhibbeentaa 40 ol kan ta’an dhiibbaa dhiigaarra akka walaba ta’an addeessa.
Namootni arjaan yookaan namootni nama gargaaruuf of hinqoqqobne akkuma namoota gaarii hojjetan kanaati. Hanguma isaan namootaaf gargaarsa kennan gammachuun isaanii dabala. Akka qorannoon bara 2010 tokko agarsiisutti, namootni nama kan biraa gargaaruuf of qoqqobbatan yookaan ofittoo ta’an qaama isaanii keessatti kan argamu baay’inni keemiikala kortiisol (cortisol) akka dabalu dubbatu. Inni kun dabaluu jechuun ammoo sababa dhiibbaa dhiigaaf saaxilamuu, dhukkuba onnee, dhukkuba lafee (osteoporosis), dhukkuba shukkaaraa gosa 2 (diabetes type 2), ulfaatinni qaama namaa gar malee dabaluufi kkf., akka nama saaxilu addeessa.
Baay’ee kan nama ajaa’ibsiisu yoo jiraate garuu sababa gaarii hojjenneef yoo namni gaarii nuuf hindeebisu ta’ellee nageenyi nuti keessa keenyatti argannu daran nama dhiba. Fayyina keenyarratti dhiibbaa qaba. Namootni tarii garii gochuun namoota qofarraa eegan isa kana beekuun bara 2014 gaarii gochuurratti xiyyeeffachuun barbaachisaadha.
Qorannoon Yuunivarsiitii Buffalo jedhamu biyya Ameerikaa keessatti argamu hojii gaarii hojjechuufi dafanii du’uu ( Doing good and risk of early death) jedhurratti geggeesseen namootni nama kan biraa gargaaruuf qophaa’oo ta’an, hiriyootasaanii, maatiisaanii gargaaruuf of kennoo ta’an jireenyasaanii keessatti wantootnisaan dhiphisan hedduun akka hinjirreefi inni kun ammoo akka namoota kan biraa du’a yeroo malee yookaan dafanii du’uuf akka hinsaxilamne qorannoon ni gabaasa.
Darbees namni tokko nama kan biraaf waan gaarii yeroo hojjetu keemikaalotni akka ‘endorphins’ jedhaman sababa sammuun keenya facaasuuf jireenya keenya keessatti gaarummaatu nutti dhagaa’ama. Keemikaalli kun akka namni tokko jireenyasaa keessatti bohaaru taasisa. Akka gammachuun itti dhagaa’amu taasisa. Galatatu itti dhagaa’ama.
Akkasumas Yuunivarsiitiin Winconsin- Madison jedhamu akka qoratetti, namootni hojii gaarii hojjetan yeroo hedduu jiruusaanii keessatti gammadoo akka ta’an, warra kaan caalaa hojiisaanii keessa akka turan yookaan hojii gadi dhiisuuf akka yaalii hingoone, namootni kun hojiirratti waggaa soddoma boodallee yeroo ilaalaman akka gammachuu qaban addeessa. Kanaaf namootni nama gargaaruuf qophaa’o ta’an warra kaan caalaa gammachuu akka qaban qorannoowwan garaa garaa ni mirkaneessu.
Gaarii hojjechuun akkuma armaan olitti agarre nageenya sammuuf barbaachisaa akka ta’es qorannoowwan garaa garaa nimirikaneessu. Qorannoo afurtamaa ol taasifameen joornaaliin ‘BMT Public Health’ jedhu akka addeessutti, gaarii gochuun fayyina sammuu namaaf bayeessa akka ta’e ibsa. Darbees qorattootni akka Pirofeeser Sonja Lyubomirsky gammachuu ilaalchisee qorannoo ganna 20 oliif taasisaniin namootni torbeetti ala tokko hojii tola ooltummaa yookaan hojii gaarii hojjetan namoota kan biraa caalaa gammachuu akka qabaatan ibsa.
Kana qofa utuu hinta’in qorannoon Yuunivarsiitii Fayyaa (Western Reserve University School of Medicine) jedhamu qorannoon isaa kanneen armaan olii wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Qorannoonsaanii akka addeessutti, namni tokko nama kan biraatti gaarummaa agarsiisuun darbees hojii gaarii hojjechuun gammachuu argachuurra darbee jireenyisaaf faayidaa akka qabu, fayyaasaarratti dhiibbaa gaarii akka qabu dubbata.
Namni tokko takkaa nama gargaaruu yoo eegalu yookaan hojii gaarii yeroo hojjetu itti fufiinsa akka qabu, bakka tokko ga’ee kan dhaabatu akka hintaane qorattootni ni ibsu. Gaarummaan kun of baay’isaa deema. Jireenya namaa keessatti bakka argachaa deema. Jireenya namaa dhaalaa deema. Egaa gaarummaan erga faayidaa kanaaf kana fakkaatan danuu qabaate, hamminni immoo balaa danuuf nusaaxilee maaliif gaarii gochuurratti hinxiyyeeffannuu? Barri 2014 eegallee hanga xumurrutti bara itti gaarii hojjennu nuuf haa ta’u.
Bariisaa Fulbaana 1 / 2014