Maanguddoo Araaraafi Nageenyaa kan ta’an Obbo Fayyisaa Magarsaafi Haadha Siinqee Tuulamaa Aadde Atsaduu Tolaa Magaalaa Adaamaa jiraatu. Bara haaraa (2014)fi mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamu ilaachisuun gaaf deebii torban darbe Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin ummataafi mootummaa biyyattiif hawwii gaariifi dhaamsa dabarsaniiru.
Maanguddoo Fayyisaa Magarsaa akka jedhanitti, barri haaraan ykn 2014 ummata Oromoofi Itoophiyaa maraaf bara araaraa, nagaa, jaalalaan waliin jiraannuufi gara guddinaatti nu geessu akka ta’un hawwa. Ummatni nageenya, misoomaafi guddina biyyattii mirkaneessuufi itti fufsiisuudhaaf mootummaa waliin hojjechuu akka qabus dhaamaniiru.
Ummatni keenya bara darberraa waa baratee bara haaraatti ce’uu qaba kan jedhan maanguddoon kun, rakkoo nu’iifi biyyattii mudatee jirus tokkummaadhaan dhabamsiisuun barichi bara nagaafi gammachuu akka nuuf ta’uuf saboonniifi sablammootni biyyattii tokkummaan mootummaa waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Mootummaan Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamuuf jedhurraa ummatni waan guddaa eega kan jedhan Obbo Fayyisaan, kaan dura biyyattiirraa fayyadamaa kan ture garee muraasa. Mootummaan hundaa’uuf jedhu kun mirgaafi fayyadamummaa saboota, sablammootaafi ummattootaa walqixa akka kabajchiisu barbaanna. Mootummaan hundaa’uuf jedhu misoomaafi guddina biyyattii kan mirkaneessu, gaaffiilee ummataa dhaggeeffatee akka deebisu, nageenya uummataafi biyyattii bakka hundatti ummata waliin ta’uun akka mirkaneessu barbaanna.
Ummatni dhimma nageenyaa, misoomaafi guddinaarratti mootummaa waliin hojjechuu akka qabu kan gorsan maanguddoon kun, rakkooleen biyyattii walxaxaafi waggoota hedduu lakkoofsisan furuuf ummatniifi mootummaan harka walqabatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru. Mootummaan hundaa’uuf jedhus sabaafi sablammoota biyyattii hunda ija tokkoon ilaalee kan bulchu akka ta’u hawwaniiru.
Barri 2014 bara ummatni biyyattii hojjetee itti badhaadhu, mootummaan hundaa’uuf jedhu kun nama biyya misoosu, guddisuufi ummata tajaajilu sirriitti qoratee muuduu akka qabu eeranii, mootummaan hundeeffamuuf jedhu malaamaltummaa, hannaafi rakkoon bulchiinsa gaarii furuudhaan ummatni tajaajila si’ataafi haqa qabeessa akka argatu taasisuuf hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Mootummaan hundaa’uuf jedhu abbootii aangoo kanaan dura ummatarraan rakkoo ga’aa turan sakatta’ee baasee namoota ummata haqummaan bulchaniifi tajaajilan gara aangootti fiduu akka qabus yaadachiisaniiru.
Warri ummata Oromoo cunqursaa turan ammayyuu ilkee nurratti buqqifachuudhaaf oliifi gad fiigaa jiru kan jedhan maanguddoon kun, ummatni keenya kana hubatee waanti halaalatti argaa jiru akka isa bira hingeenyeef harka walqabatee dhimma nageenyaa, misoomaafi guddinaarratti mootummaa waliin hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.
Barri 2014 bara ummatni biyyattii hundi tokkummaan, jaalalaafi nagaan waliin jiraatu akka ta’un hawwa kan jedhan Obbo Fayyisaan, akkasumas bara kan dhalate itti nuuf guddatu, kan guddate itti nuuf bulu, beekaafi hayyuun nu keessa buluufi bara nagaa, gammachuufi milkaa’inaa akka nuuf ta’un hawwa jechuun bara haaraafi mootummaa Fulbaana 20 bara 2014 hundaa’uuf jedhu ilaalchisuun hawwii gaariifi dhaamsa dabarsaniiru.
Haadha Siinqee Tuulamaa Aadde Atsaduu Tolaa gamasaaniitiin akka jedhanitti, dukkana gannaa keessaa gara booqa birraatti (ifaatti) baaneerra. Barri 2014 ummata Oromoofi Itoophiyaa maraaf bara nagaa, jaalalaa, tokkummaa, gammachuu, milkaa’inaa, misoomaa, guddinaafi badhaadhinaa akka ta’un hawwa.
Mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamuuf jedhu kana bokkaa, aduu, qorra, dukkana utuu hinjedhin bahee kan filate uummata. Mootummaan uummataan filatameefi Fulbaana 24 bara 2014 hundaa’uuf jedhus ummata isa filate haqaan tajaajiluuf of qopheessuu qaba. Ummatni waan hundumaa mootummaarraa eeggachuu utuu hintaane mootummaa waliin qindoominaan hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.
Mootummaa kana kan filate ummata. Kanaafuu ummatni mootummaa filate deggeruu, gorfachuufi qindoominaan waliin hojjechuu qaba. Ummatni mootummaa waliin ta’uun nageenya biyyaa eegsisuufi mirkaneessuu akka qabuufi qaamolee rakkoo nageenyaa uumaa jiran yeroo gabaabaa keessatti dhabamsiifnee biyyattiin fuullashee gara misoomaafi guddinaatti akka naanneffattu taasisuu qabna. Naannoo Tigiraay dabalatee barattoonni keenyas dafanii gara barumsaatti akka deebi’an taasisuu qabna.
Barattoota naannoo Tigiraay sababa rakkoo nageenyaatiin barumsa isaanii addaan kutaniifis deggersa barbaachisu taasisuufii qabna kan jedhan Haati Siinqee kun, barattoonni naannichaa gara waraanaa utuu hintaane barnootatti akka deebi’an taasisuun barbaachisaadha jedhu.
Waraanni garee ABUTn geggeeffamaa jiru injifannoo gootota Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaan yeroo gabaabaa keessatti goolobamee biyyattii keessatti nageenyi waaraafi amansiisaan akka bu’uuf ummatniifi mootummaan qindoominaan hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014