“Ani daa’ima sadiin qaba, dhiira lamaafi durba tokko. Bara 2011, (Sadaasa) gaafa 8, halkan keessaa sa’aatii 7:00 keessa, Shaneen dhufanii mana kootii na baasuudhaan, deemsa sa’aatii lamaa na deemsisani. Natti jijjiiramaa na dararanii, qaama koo na miidhanii. Akkan du’ee baduuf yaalii guddaa godhan. Booda du’eera jedhanii na dhiisanii sokkan. Maasii bunaa tokko keessa na buusanii deeman. Achii ka’ee akka saree harka kootiin deemsa sa’aati lamaa daa’imee gale.”
- Habtaamuu Immiruu, Jiraataa Gandaa A/Sooddoo (Wallagga), kan Shaneen qaama miite
“Shaneen gochaa hamaa na hojjachiisaa ture. Dubartii tokko budaadha jedhanii qabanii fidanii jennaan, waraanee ajjeeseera. Ajajaan keenya ajajaa Shanee gara biraarraa ajaja fudhatee, innimmoo addanaa nuun nu ajaja. Gaafa ergaa nu ergan Caatiifi Sigaaraa kan geessu ana. Ani abbaa galaan ture. Buddeennis yoo namni fide kan kennuuf ana.
Dubartii tokkon buchisiisee fidee, dubartii kana hundi keenya itti naqnee reebne. Maqaanshee Loomitaa jedhamti. Dubartii kana galgala irra namni Addunyaa jedhamuu jinfuu eeboo itti cabse. Isheenis achumatti duute. Duutee dirreerrati hafte. Kabajallee hinqabdu, utuu hin awwaalamin hafte.
Dubartii biraa ammas budaadha jedhanii fidan. Utuu isheen gabaa galtu qaban. Miseensi Shanee Yoosef Baaroo jedhamu dubartii tana morma kute. Animmoo mormashee keessan waraane. Kana wallaalummaadhan raawwadheera. Lubbuu namaas balleesseera.
Utuu humni Shanee kun dhufee akkas nu hingoone ta’ee silaa ani nama baratee bor iddoo guddaa ga’uu danda’uudha. Hawaasa durattis nama kabajamee jiraachuu danda’udha. Amma humna Shaneetu kana nu hojjachiise,”
- Dargaggoo Wallaggatti Miseensa Shanee tureefi, mootummaatti harka kennate
“Kanin Shanee duukaa ture ji’a sadiif torban tokkoofi. Kanin itti gale ammoo, jalqaba ijoollee warra na wajjin turantu ‘Makkalakiyaa karaa dabarsite’ jedhanii na qaban. Isa booda nama Milkii jedhamutti na geessan. Warri na qaban tokko gurbaa tokko dirqiin na waraansisan. Ergaammoo ergamaafin ture. Caatiifi sigaaraa biteeraaf. Kan kana nu gochisiisaa turemmoo nama Siririqaa jedhamu fa’i. “Kanin Shanee duukaa ture ji’a sadiif torban tokkoofi. Kanin itti gale ammoo, jalqaba ijoollee warra na wajjin turantu ‘Makkalakiyaa karaa dabarsite’ jedhanii na qaban. Isa booda nama Milkii jedhamutti na geessan. Warri na qaban tokko gurbaa tokko dirqiin na waraansisan. Ergaammoo ergamaafin ture. Caatiifi sigaaraa biteeraaf. Kan kana nu gochisiisaa turemmoo nama Siririqaa jedhamu fa’i.
Jalqaba waan kana utuu garaatti hin yaadin jarri sun dhufanii maatii koorraa na butanii ji’a sadiifi torban tokko guutuun duukaa deeme. Akka kanattin maatiikoorraa citee utuun jara kana duukaa deemuu harka seeraatiin qabame.”
- Lataa Wallaggaa, miseensa Shanee duraani, kan hojii isaatti gaabbee mootummaatti harka kennate
Gartuu ABO Shanee jedhamu kanaan hojjachaa ture. Jalqaba bakka Jaarsoo jedhamuttin leenji’e. Mandiirrattis itti fayyadama meeshaa baradheera. Aanaalee baay’ee keessan hojjadhe. Biilaa, Siicoo, Coqorsa, Gumboo, Dhagaa Dhaabbii, Abbaa Seenaa, karaa Innaangoo, Kaambii, Gujii, Ganjii, Hoomaa, naannawa aanaa Aayiraafi kkf. Namoota lubbuunsaanii na harkatti darbe keessaa namni 13, inni kaan qonaan bulaadha. Nama lama budaadha jedhanii natti fidanii, (haala suukkanneessaan) ajjeeseera.
Gaafan ofitti deebi’ee waanan raawwadhe xiinxalee ilaalu waatu natti dhaga’ame. ‘Anis Oromoodha, innin ajjeesus Oromoodha, maaliifan kana godhe?’ jedheetan sammuu kootti taa’ee yaade. Guyyuma sanaa kaasee, ‘Ani hinbarbaadu hojii kana. Yoon na ajjeestan na ajjeesaa, kana achi hinbarbaadu’ jedheen ba’e. Wanta Shaneen hojjatu kana ani akka kootti hinbarbaadu. Walumagala wanti isaan hojjachaa jiran kun nama hinbaasu. Kana waanin ofii kootiif argen jedha.”
- Dargaggoo Wallaggatti Miseensa Shanee tureefi, mootummaatti harka kennate
“ Abbaa manaa koo iddoo inni waltajji geggeessutti dhaqanii irra ba’anii bakka inni geggeessaa jirutti qabanii tumaniin, uummata gidduutti. Isa booda qaamni (Shanee) kun, hidhatee jiraa, fuudhee deeme. Guyyaa ja’a wayii ni eegnee, garu hin gallee. Maatiin dhaqanii du’aa isaa lagatti argani.”
- Aadde Araarsee Guddinaa, jiraattuu Aanaa Gullisoo, kan abban manaa Shaneen butamee fi qe’ee ishee irraa godaante
“Waraanni Shanee ’Kottu si fuunee deemna naan jedhan. Animmoo ‘ijoollee koo akkamin godhaa?, ijoollee naman itti kennu hin qabu, amaati hin qabu, haati koo na bira hin jirani, akkan itti isin duukaa deemu hin qabun’ jedhe. ‘Ati ijoollee biyyi hin qabne qabdaayii? dhala baayyeetu du’aa jiraa, kan kee maal caalte?’ naan jedhan. ‘Naman itti laadhu hin qabu, yoo du’a ta’e ammo ani deeman hin jiru, ijoolleen koo ilaaltee garaa haa kutattu asumatti na ajjeessaan’ jedheen. ‘Abbaa manaa kee silkii itti bilbiltee nuu hin waamtu taanaan, siif ijoolee kee ajjeefna’ jedhanii na sodaachisan. Abbaan manaa koo hin jira ta’ee, hin du’e ta’ee lafa inni jiru hin beeku. Horii fi jabboota yaasee bakkeeti naqeetan ijoollee kana duwwaa fudheen, yaa qabeenya yaa maalis hin jennee, yoo na ajjeesanis achitti dhufanii na haa ajjeesan jedheen ijoolle kana qabadhee gama warra keenyaattin ce’e”
Aadde Addunyee Immiruu, Jiraattuu Ganda Lalisaa Dibbee (Wallagga), kan Abbaa manaashee Shaneen ajjeese.Maddi: BDhKBMNO