“Bara haaraa kanatti miira tokkummaatiin deddeebi’amuu qaba” – Abbootii amantii

Finfinnee: Abbootiin amantaa Ayyaana bara Haaraa wanta gaarii gochuun akka dabarsan hordooftota isaanif dhaaman. Abbootiin amantii kunniin hordoftootasaaniifi ummata Itoophiyaa maraan ergaa baga nagaan geessanii dabarsaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas bara 2014 har’a simanne sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Itoophiyaanota biyya keessaafi ala jiran, humnoota nageenyaa daangaa biyyaa eeguuf golee biyyattii hundatti argaman, dhibamanii mana yaalaa jiran akkasumas mana sirrreessaatti argaman hundaan baga nagaan bara haaraa geessaan jedhaniiru.

Namni hundi barri haaraan kennaa Waaqayyoo ta’uu hubatee ilaalchaafi hojmaata haaraan ittifayyadamuu qaba jedhanii, ta’uu baannaan bara haaraa jechuu qofti hawwii darbuu akka hindandeenye ibsaniiru.

Pirezidaantiin Manna Marii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa duree Mufti Haaji Umar Idirisis akka jedhanitti, barri haaraan 2014 bara gocha badaa dhiisuun, waan gaarii fudhachuun tokkummaafi nageenya mirkaneessuun misoomni ittigeggeeffamu ta’uu qaba jedhan.

Barri darbe bara dhaabbileen amantii gubachaa turan, lubbuun namaa garmalee badaa ture, qabeenyi barbaadaa’eefi hawaasni danuun qe’eesaarraa buqqa’uun gochoonni hammeenyaa itti dalagamaa ture ta’uu yaadachiisanii, bara haaraa kanatti gochoota badoo kamuurraayyuu deebi’uun miira walkabajuu, nagaafi tokkummaatiin deddeebi’amuu qaba jechuun gorsa abbummaa dhaamaniiru.

Phaaphaasiin Bataskaana Kaatolikii Itoophiyaa Kaardinaal Birhaaneyesuus Suraafeel ergaa dabarsaniin akka dubbatanitti, hordoftoonni amantichaa wayita ayyaanicha kabajatanitti wanta gaarii raawwachuun ta’uu qaba.

“Barsiisonni amantii rakkoofi dararama dabarsan, nuus rakkoolee nu marsanii jiraniifi yeroo yeroon jijjiiramaa deeman abdii nukutachiisan fakkaataniis uumaa keenya qabannee ittiiniis haaromnee bara haaraa simanne kanatti ofii keenyaafi dhaloota haaraaf wanta gaarii dabarsuun haa imallu” jedhan. Lammiilee qe’eefi qabeenyasaaniirraa buqqa’an gargaaruunis dirqama kiristaanummaasaanii akka bahatan waamicha dhiheessaniiru.

Pirezidaantiin Waldaa Warra Wangeelaa Makaana Iyyasuus Luba Doktar Yoonaas Yiggazuu gamasaaniin, hunda dura, Waaqayyo ayyaanasaafi araarasaatiin nagaatti hunduma keessan eegee, bara 2013 irraa gara bara 2014tti baga nagaadhaan isin ceesise jechuudhaan ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Barri haaraan kun, kan nagaa, kan jaalalaa, kan araaraa hunduma keenyaaf akka ta’u nan hawwa. Barichi lammiilee hundaaf kan gammachuu, nageenyaafi badhaadhinaa akka ta’us hawaniiru.

Pirezidaantii Gamtaa Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaa Paastar Tsaadiquu Abdoos lammiileen walgaraaruun gocha gaarii akka raawwataniif waamicha dabarsaniiru.

Weerara koviid-19 akkasumas rakkoo nageenyaa biyya keenyatti mul’ate kaasuun bara moofaa dabarsine keessatti rakkoo ijoo turuu yaadachiisanii, barri haaraa har’a simanne kun kan nageenyaa akka ta’um hawwa jedhan.

Gammachuu Kadiriifi Fiqaaduu Dheeressaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana bara 2014

Recommended For You