Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee kabaja ayyaana bara haaraa 2014 sababeeffachuun mataduree, “Finfinnee Calaqqistuu injifannoo Itoophiyaa’’ jedhuun guyyoota Qaam’ee shanan taateewwan garaa garaatiin akka kabajaman murteesseera.
Yaadoliin ibsa injifannootiif akka bu’uuraatti ka’anis:
* Itoophiyaan filannoodhaan injifachuushee
* Milkaa’ina guutiinsa bishaan hidha Abbayyaa
*Imala jijjiiramaa Itoophiyaanonni osoo dhiibbaafi qormaatilee hedduu jala jiranuu hinjilbiiffatun gaggeessan.
*Badhaadhina Itoophiyaa akka milkeessinu amannee ka’uu keenya.
* Ergama abjuu baandaawwaniifi farra Itoophiyummaa gartuulee shororkeessitootaatiif osoo hinjilbiiffanne kabajaa biyya keenyaa eegsisnee kan imalle ta’uu.
Finfinneen manaafi giddugala agarsiistuu tokkummaa biyyoolessummaa Itoophiyaanota hundaa ta’uusheetiin, calaqqistuu injifannoo Itoophiyaa taatee mul’isti, ni mul’atti, injifannoo, injifannoorratti lallabdi.
Bara 2014s mikaa’ina kana cimsinee kan ittifufnuufi injifannoon eenyummaa magaalaa keenyaafi ibsituu isa hangafaa akka ta’u bu’aa gochaan dabaalameefi qabatamaa ta’een bara itti agarsiisnu akka ta’u itti labsinuudha.
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013