Keessummaan keenya torban kanaa hayyuu Geggeessummaa ykn ‘Leadership’, barsiisaafi barreessaa Doktar Zarihuun Gabreeti.
Doktar Zarihuun kanaan dura kitaabota Afaan Oromoo lama mataduree, ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’fi ‘Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate’ akkasumas kitaabota Ingiliffaas kitaabota lama matadureensaanii ‘Abortion and Evangelical Christians’fi’ Risk Behaviors and ‘HIV/AIDS’ Among Ethiopian University Students’ jedhaman barreessanii dubbistoota biraan ga’aniiru.
Doktar Zarihuun waggaa lamaa oliif fuula Gaazexaa Bariisaa ‘Qoraasuma’ jedhamurratti torban torbaniin barreeffamoota sammuu namaa qaran, qoraasaniifi jijjiiran barreessaa jiru. Gaazexaan Bariiisaas gaafdeebii bal’aa hayyuu kana wajjin taasise akka armaan gadiitti qindeessee dhiyeesseeraa dubbisa gaarii!
Bariisaa: Bakka dhalootaafi haala barnoota keessanii gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?
Doktar Zarihuun: Godina Wallaggaa Lixaa, magaalaa Gimbii, Ganda 01 dhaladhee guddadhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaafi lammaffaa bakkuma dhaloota koottin baradhe. Ittifufuun kolleejjii barsiisota Naqamteerraa damee barnoota Afaan Ingiliziitiin ‘Major’, Afaan Oromoo ammoo ‘Minor’ koo ture. Kana malees barnoota Ti’ooloojiin digrii tokkoffaa fudhadheera. Isa booda barsiisaa Afaan Oromoofi Afaan Ingilizii ta’ee hojjedheera.
Digrii koo lammaffaa ‘HIV/AIDS’ and Counseling’ irrattan hojjedhe. Digrii koo sadaffaa ammoo dhaabbata barnoota olaanaa ‘Bakke Graduate University’ jedhamuufi Ameerikaa, Magaalaa Dalaasitti argamutti ‘Transformational Leadership’ oggaan baradhu xiyyeeffannaan koo ‘Entrepreneurrial Organizational Transformation’ kan jedhu ture.
Barnoota koo kanas qabxii olaanaa ‘GPA 3.9’n eebbifame. Barsiisummaatti aansuun gita biyyoolessaatti ‘Qindeessaa Tokkummaa Barattoota Oromoo Yunivarsiitii’ ta’ee hojjedheera. Yeroo ammaa immoo waajjira Olaanaa Makaana Yasuusii Itoophiyaa keessan hojjechaa jira.
Bariisaa: Waraqaan qorannoo digrii sadaffaa keessanii maalirratti xiyyeeffata?
Doktar Zarihuun: Waraqaan qorannoo koo digrii sadaffaa “Youth Entepreneurship Development: Strategy to Reduce the Unemployment” ykn dargaggoonni hojii ofiisaanii akka uummatan gochuun rakkoo hojidhabdummaa yeroo ammaa mul’atu hir’isuurratti xiyyeeffata.
Yeroo baay’ee akka biyyaa keenyaattis ta’e ardii Afrikaatti sababa rakkoo hojidhabdummaatiin gara biyyoota adda addaatti godaananii miidhaawwan gara garaatiif kan saaxilamaa jiran irra jireessaan dargaggoota.
Rakkoon hojdhabdummaa kun jeequmsa bakkawwan adda addaatti mudatuufillee sababa ta’aa waan jiruuf egeree biyyaarrattis miidhaa qabaata. Waraqaan qorannoo koos dargaggoota hojidhabeeyyii biyya keenya keessa jiran kanneen attamitti gara hojii uummachuutti fidnee rakkoo hojidhabdummaa keessaa baasuu dandeenya dhimma jedhurratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Barumsi keessan digrii sadaffaa geggeessummaadhaan walqabata. Geggeessummaa jechuun maal jechuudha?
Doktar Zarihuun: Geggeessummaan dubbiin, dhaggeeffachuun, hojiin ofis ta’e warra kaan tarkaanfiif kaasuun mul’ata jiru bakkaan ga’uudha. Geggeessummaa jechuun namootarratti dhiibbaa gaarii uumuudhaan akka duukaasaa bu’an gochuu jechuudha; akka karoorri jiru hojiitti hiikamuun manii bira ga’an taasisuudha.
Geggeessummaa jechuun qara eeboo ta’uudha. Karaa hinjirre baasuun akka namootni daandii kanarra deeman taasisuudha. Geggeessummaan mul’ata burqisiisuudha, mul’ata kanas namootaaf hiruu, naannawa mul’ata kanaatti namoota ijaaruufi raawwachiisuu danda’uudha.
Bariisaa: Namni tokko geggeessaa gaarii ta’uuf ykn jedhamuuf ulaagaa akkamii guutuu qaba?
Doktar Zarihuun: Namni tokko geggeessaa gaarii ta’uuf jalqaba nama mul’ata qabu ta’uu qaba. Nama mul’ata haaraa burqisiisu, tarsiimoo hojii raawwiisaatti hidhuun bifa miidhagaa ta’een duuka buutotasaatti agarsiisuun akka kansaanii godhatan nama taasisuu danda’uudha. Geggeessaa gaariin nama dhiibbaa gaarii geessisuu danda’u, akka hawaasaa qofatti utuu hinta’in nama dhuunfaafillee xiyyeeffannaa kennu, fakkeenya gaarii ta’uun kan geggeessuufi bakka mul’ata dhaabbatichaan ga’uuf nama tattaafatuudha.
Geggeessaa gaariin nama haala amma jiru keessaa baasee gara fuulduraatti bakka itti geessu beeku ta’uutu irra jiraata. Geggeessaan tokko eessaa ka’ee gara fuulduraatti eessa ga’uu akka qabu hinbeeku taanaan abbuma fedhetu iddoo jaalatetti isa geessa.
Geggeessaa gaariin nama amala tajaajiltummaa qabu ta’uu qaba. Geggeessaa gaariin nama aangoo utuu hintaane hojiirratti xiyyeeffate ta’uu qaba. Geggeessaa sirriin nama yeroo hunda of jijjiiraafi fooyyessaa deemu ta’uu qaba.
Namni dhaloota ammaas ta’e gara fuulduraa geggeessu tokko nama beekumsa qabu, barateefi teknolojiitti fayyadamuu danda’u ta’uu qaba. Haala yeroo ammaa addunyaan irra jirtus kan beeku ta’uu qaba. Namni waan addunyaan keessa jirtu hinbeeku ykn beekumsaan namoota geggeessu caalee hinargamu taanaan geggeessaa sirrii ta’uu hindanda’u.
Kanaafuu geggeessaa sirriin nama beekumsa qabu, hojii gamtaatti amanu, namaa wajjin hojjechuu danda’u ta’uu qaba. Geggeessaa sirriin nama ofiisaa aarsaa gochuuf of qopheesse ta’uu qaba. Aarsaa ta’uun yeroo ofiisaa, maatiisaafi dhumarratti jireenyasaa aarsaa gochuu gaafata. Kanaafuu geggeessaa sirriin nama aarsaa ta’uuf of qopheesseedha.
Namni ga’umsa hinqabneefi miiraan waa murteessu geggeessaa sirriifi gaarii ta’uu hindanda’u. Geggeessaan miiraan hojjetu tarkaanfii hundee hinqabne waan fudhatuuf namoota waliin hojjetuuf balaadha. Geggeessaa sirriin garuu nama ogummaafi hubannaarratti hundaa’uun waa murteessuudha.
Bariisaa: Geggeessaan tokko akkamitti of fooyyessaa deemuu danda’a?
Doktar Zarihuun: Geggeessaan tokko nama barreessuufi dubbisuu ta’uu qaba. Nama waa dubbisutu barreeffamootaafi kitaabota adda addaa dubbisee of fooyyessaa deemuu danda’a. Waa dubbisuun sammuu ofii sooruudha. Namni waa dubbisu beekumsaafi jireenyasaa fooyyeffachaa deema. Kanaafuu geggeessaan tokko dubbisuufi carraa argatetti fayyadamuudhaan baratee of fooyyessaa deemuu qaba. Geggeessummaa keessatti barumsi daran barbaachisaadha.
Haalonni biyya keenyaas ta’e addunyaa yeroo yeroon jijjiiramaa waan deemaniif geggeessaan tokko barumsaan, muuxannoodhaan, haala jiruufi darberraa, namootarraa, jabinaafi dogoggorasaarraa barachuun of fooyyessaa deemuu qaba. Geggeessaa sirriin muuxannoofi namoota waliin hojjeturraayyuu waan baay’ee barachaa deema. Isaan kunneen walitti eda’amanii dandeettii geggeessaa tokkoo guddisaa deemu.
Bariisaa: Geggeessaa gaariin tokko amaloota akkamii qabaachuu qaba?
Doktar Zarihuun: Namooni hundi amaloota adda addaa qabu. Miseensonni maatii tokkoollee amala gara garaa qabu. Namootni geggeessaan tokko geggeessus amaloota adda addaa qabu.
Kanaafuu geggeessaan tokko nama obsa guddaa qabu ta’uu qaba. Geggeessaan tokko waan arguufi dhaga’urratti hundaa’uun nama miiraan murteessu ta’uun irra hinjiraatu. Hojjetaasaa keessaa tokko jarjaraa, suuta kan jedhu, hojii kan hinjaalanne, yeroon hojiirratti kan argamuufi kan hinargamne jiraachuu mala.
Hojjetaan hojii itti kenname yeroofi qulqullinaan kan hojjetu akkuma jiru kan yeroofi qulqullinaan hinhojjennes jira. Hojjetaan amala adda ta’e qabus jiraachuu danda’a. Geggeessaa sirriin nama amaloota hojjettootasaa kunneen walitti qabee obsaafi bilchinaan geggeessuu danda’uudha. Geggeessaa gaariifi sirrii ta’uuf obsi, bilchinaafi laphee bal’aa qabu tau’uun daran barbaachisaadha.
Geggeessaa gaariin nama amala namootaa danda’ee isa dadhabaa jabeessaa, isa qofaa fiigu gara hojii gamtaa ykn gareetti akka dhufu taasisuudha. Geggeessummaan sadarkaalee adda addaa qabaatus geggeessummaan geggeessummaadhuma. Geggeessummaan kamuu garuu saayinsii mataasaa qaba. Geggeessummaan namoota amala, aadaa, amantii, afaaniifi beekumsawwan adda addaa qaban geggeessuu waan gaafatuuf namni geggeessaa ta’u nama beekumsa, bilchinaafi obsa qabuufi saggoo bal’aa qabu ta’uu qaba.
Bariisaa: Waa’ee kitaabota kanaan dura barreessitanii nuu ibsaa mee?
Doktar Zarihuun: Kanaan dura kitaabota Afaan Oromoo lama matadureensaanii ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’fi ‘Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate’ jedha barreesseera. Akkasumas kitaabota matadureensaanii ‘Abortion and Evangelical Christian’fi ‘Risk Behaviors and HIV/AIDS Among Ethiopian University Students’ jedhaman lama Afaan Ingiliziitiin barreessee dubbistoota biraan ga’eera.
Kitaabonni Afaan Oromootiin barreeffaman lamaan biyya keessatti kan maxxanfaman yoo ta’u, kitaabonni Afaan Ingiliziitiin barreeffaman lamaan ammoo alatti maxxanfamanii Amaazoonirratti gabaarra oolaniiru.
Kitaabonni Afaan Oromootiin barreeffaman lamaan koppiiwwan baay’eedhaan gurguramaniiru. Kitaabni Afaan Oromoo mataduree ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’ jedhuun barreeffame si’a shanii ol irradeebiin maxxanfamee gurguramee dhumeera. Kitaabni mataduree ‘Geggeessummaa Jijjiiramaaf Dhalate’ jedhamus akkasuma irra deebiin maxxanfamee gabaarra ooleera.
Bariisaa: Qabiyyeen kitaaba ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’ jedhuu maaliidha?
Doktar Zarihuun: Qabiyyeen kitaaba ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’ jedhamuun barreeffame waan dhalootni ammaa keessa jiru, rakkoo guddaan akka biyyaattis ta’e addunyaatti ummata keenya miidhaa jiran maalfaadha kan jedhurratti xiyyeeffata.
Miidhaa gama teknolojii intarneetiifi Fees Buukiitiin ummatarra gahaa jirurratti kan xiyyeeffatuudha. Qabiyyeen kitaabichaa Fees Buukiin haala kamiin miira barattootaa miidhuu, yeroosaanii qisaasessuu, jireenya hafuuraasaanii miidhuu danda’urratti xiyyeeffata.
Teknolojii intarneetiifi Fees Buukii kun ilmaan namootaaf bu’aa guddaa kan buuse ta’uunis dagatamuu hinqabu. Takinolojiin kun sirna gabaa ammayyeessuudhaan namootni omishasaanii haala salphaa ta’een gabaa addunyaarratti akka beeksifataniifi namoota walirraa fagoo jiran akka mandara tokkotti akka walarganiifi waliin mari’ataniifi haasa’an taasiseera. Akkasumas namootni fagoo taa’anii barumsa akka baratan, odeeffannoo barbaachisu akka argatuufi dabarsu taasiseera.
Namni tokko teknolojii kanatti seeraan hinfayyadamu taanaan miirri, sammuufi fayyaansaa miidhamuu danda’a. Namni tokko intarneetiirra yoo oolu hojii hojjechuu qabu dhiisa. Barataan tokko intarneetii ykn Fees Buukiirra gaafa oolu qayyabachuu dhiisa, qofa galeessa isa taasisa.
Odeeffannoo inni intarneetii ykn Fees Buukii irraa argatu odeeffannoo dhugaa isa fayyadu qofa osoo hintaane kan jireenyasaa miidhuu danda’us ni argata. Kanaafuu qabiyyeen kitaaba ‘Wangoolii Dhaloota Mancaasan’ jedhuu teknolojiin intarneetiifi Fees Buukii seeraan yoo ittifayyadamne faayidaa guddaa akkuma qabu seeraan ala yoo ittifayyadamne ammoo miidhaa inni akka biyyaafi addunyaatti qaqqabsiisaa jiru gad fageenyaan kan ibsuufi miidhaa gama kanaan dhalootarra gahaa jiru hambisuuf gaheen maatii, yunivarsitootaa, mootummaafi waldaa kiristaanaa maal akka ta’e kan ibsuudha.
Bariisaa: Qabiyyeen kitaabni mataduree ‘Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate’ jedhuun barreeffame maalirratti xiyyeeffata?
Doktar Zarihuun: Kitaabni mataduree ‘Geggeessaa Jijjiiramaaf Dhalate’ jedhu ammoo geggeessaan waajjira ykn biyya tokko geggeessu akkamitti jijjiirama fiduu danda’a kan jedhurratti xiyyeeffata.
Yeroon kitaaba kana barreessetti geggeessummaa akka biyya keenyaafi Afrikaatti jiru ilaaluu yaaleera. Loliisa biyyoota Afrikaa keessa jiruuf bu’uurri jalqabaa rakkoo geggeessummaati. Dhumiisa namoota baay’eetiif rakkoo guddaa kan uumu geggeessitoota gara gadii utuu hintaane warra gararraa jiraniidha.
Afrikaatti rakkoon geggeessummaa furamaa deemnaan Afrikaan guddachaafi fooyya’aa deemti. Kun akka biyya keenyaattis irraa baranna waan ta’eef barbaachisaadha. Biyyoota guddatan kan jijjiiran geggeessitoota mul’ata qabaniidha. Kitaabni kun sadarkaa geggeessummaa biyyoota guddataniirra ga’uuf wantoota barbaachisan tokko lama jedhee lafa kaa’a.
Bariisaa: Rakkoon geggeessummaa biyya keenyaa maali? Haala kamiinis furuun danda’ama?
Doktar Zarihuun: Durii kaasee rakkoon geggeessummaa biyya keenya keessa ni jira. Ammas taanaan rakkoon geggeessummaa biyya keenya keessa ni jira. Geggeessitoonni mul’ata qabaniifi halkanii guyyaa tattaafatanii hojjetaniifi ummata tajaajilan akkuma jiran kanneen faallaa kanaa ta’anis walumaan jiru. Geggeessitoonni haqummaa, amanamummaafi dhugaadhaan hojjetan akkuma jiran kanneen saaman, hataniifi dhugaadhaan hinhojjenne jiru.
Geggeessitoota kunneen guuboo tokko keessa keenyee deemuun sirrii miti. Geggeessitoonni gaggaariin geggeessitoota rakkoo uuman liqimsaa deemuu qabu. Geggeessitootni sirriin warra ofittoo caalaa deemuu qabu. Yoo akkas ta’e jijjiirama kana caaluti biyyatti mul’ata jedheen amana.
Bariisaa: Gaazexaa Bariisaa fuula ‘Qoraasuma’ jedhurratti torban torbaniin barreessaa jirtu. Qabiyyeen barreeffama keessaniis maalirratti xiyyeeffata?
Doktar Zarihuun: Gaazexaa Bariisaa fuula ‘Qoraasuma’ jedhurratti barreessuuf carraa argachuu kootiif gammachuu guddaatu natti dhaga’ama. Durirraa kaasee kaayyoofi mul’atni koo inni guddaan dhalootarratti dhiibbaa gaarii geessisuu danda’uudha.
Namni kamuu iddoo bor ga’uuf yaade ga’uuf har’a of qopheessuu qaba. Bu’uurri jireenya keenya borii har’a. Dhalootni har’a jiru bor iddoo gaarii akka ga’uuf har’uma sammuusaa qaruun, waan gaarii barsiisuufi daandii agarsiisuun barbaachisaadha. Ani Gaazexaa Bariisaa fuula ‘Qoraasuma’ irratti barreeffamoota sammuu dhalootaa qaran barreessuudhaan karaa itti agarsiisuuf carraa argadheera.
Bariisaa: Barataas barsiisaas waan turtaniif rakkooleen barnootaan walqabatanii Itoophiyaa keessatti mul’atan maalfa’i?
Doktar Zarihuun: Ani kariikulamii barnootaa isa duraatiinan baradhe. Kariikulamii barnootaa isa duraafi isa ammaa gidduu adda addummaa guddaatu jira. Kariikulamiin duraa barataa baay’ee hojjechiisa jedheen amana. Akkasumas barataan ofiisaatii waa baay’ee akka barreessu kan taasisu ture. Barataan itti yaadee, odeeffannoo bakkawwan adda addaatii walittiqabatee ofiisaatii waan barreessuuf beekumsasaa fooyya’aafi guddachaa deema.
Kariikulamiin barnootaa hojiirra jiru kun barataa hinhojjechiisu jechuu koo miti. Barataan yeroo ammaa utuu odeeffannoo bakkawwan gara garaatii walitti qabatee hinbarreessin barreeffama ykn qorannoo nama biraa intarneetiirraa buusee yaada xiqqoo itti dabalee kansaa fakkeessee bara itti dhiyeessu keessa jirra.
Kariikulamiin hojiirra jiru kun yeroo jalqabamu barattoonni qabxii 101n yunivarsitii galanii barachaa turan. Barattoota qabxii kanaan yunivarsitii galan keessaa baay’eensaanii utuu hinari’amin eebbifamanii baay’eensaanii barsiisaa mana barumsaa sadarkaa lammaffaa, kolleejotaafi yunivarsitiitti ramadaman. Akki itti barattoonni sun itti baratanii ba’aniifi erga eebbifamaniis ramadaman waan rakkoo qabu natti fakkaata.
Bariisaa cimaatu barataa cimaa horata. Barattoonni barumsa ykn beekumsa gahaa utuu hinargatin baratanii xumuranii mindeeffaman hojii itti kenname ga’umsaan bahatu ykn hojjetu jedhee hin yaadu. Rakkoon yeroo baratan isaanirra gahaa ture barumsa xumuramanii yeroo mindeeffaman hojiirrattis dhiibbaa uumuu qaba.
Adeemsi baruufi barsiisuu mana barumsaa barataan ofiisaatii qorannoo akka geggeessuuf kan jajjabeessu utuu hintaane kutaadhaa gara kutaatti akka darbuuf kan gargaaru natti fakkaata. Barsiisonnis tokko tokkos hammam gadifageenyaan barsiisanii dhaloota qaraa jiru isa jedhurrattis shakkiin qaba.
Bariisaa: Naamusniifi hariiroon barataafi barsiisaa gidduu jiru ammoo maal fakkaata?
Doktar Zarihuun: Hariiroon barataafi barsiisaa gidduu jiru seerasaa kan eeggate ta’uu qaba. Barsiisaan barsiisaadhaa, barataan barataadha. Akka aadaattis namni hangafaafi quxusuu qaba. Haa ta’u malee hariiroon barataafi barsiisaa gidduu jiru bakka tokko tokkotti seerasaa kan eeggate miti.
Barsiisaan barataasaa wajjin xuuxu, qama’uufi dhugu darbee darbee jira. Barsiisaan akkasii barataan amala badaa qabu akka ittifufu taasisa. Barsiisaan amala badaa ykn araada adda addaa qabu barataasaa wajjin hariiroo uumee wantoota araada nama qabsiisan akka bituufiif kan ergatu yoo ta’e barataa amala gaarii qabuyyuu balleessuu danda’a.
Barsiisaan kutaa seenee barsiisee ba’uu qofa osoo hintaane amalaafi naamusa gaarii horatanii akka guddatan taasisuu qaba. Barattoonni barsiisaa isaan barsiisu fakkeenya godhatu. Kana jechuun barsiisaan amala gaarii qabu barattoota naamuusaafi amala gaarii qaban horachaa deema, barsiisaan amala badaa qabus barattoota amala badaa qaban horachaa deema jechuudha. Kanaafuu barsiisonni barattootaaf fakkeenya gaarii ta’uu qabu.
Barattoonni araadota adda addaarraa fagaatanii akka guddataniif mootummaan manneen daldala jimaafi dhugaatii alkoolii naannawa manneen barnootaafi yunivarsitootarraa akka fagaatan taasisuu qaba. Ministeerri Barnootaas kaariikulamii barnootaa hojiirra jiru irra deebi’ee ilaaluu qaba jedheen yaada.
Rakkooleen gama barsiisaatiifi barattootaatiin mul’atanis sakatta’amanii furmaata argachuu qabu. Barsiisonnis ittigaafatamummaa guddaa ummatniifi Waaqni itti kenne ga’umsaan bahachuu qabu. Maatiinis ijoolleesaanii sirriitti to’achuufi hordofuu qabu. Barattoonnis kaayyoosaanii beekanii sirriitti barachuu, qo’achuufi amala gaarii horatanii guddachuu qabu.
Yeroon ammaa bara teknolojii waan ta’eef qonnaan bulaanuu teknolojiitti fayyadamee qota, facaasa, arama, haama ykn midhaansaa sassaaba. Akka biyyaattis yoo ilaalle teknolojiin gama barnootaa, fayyaa, qo’annoofi qorannootiin jiran babal’achaa jiru.
Wantoonni bu’uura guddina biyyaa ta’an hundi beekumsa barbaadu. Biyyattii gama hundaan guddisuufi jijjiiruuf dhaloota beekumsaan ijaarame baay’inaafi qulqullinaan horachuun dirqama ta’a. Rakkoolee sadarkaa biyyaa, Afrikaattis ta’e addunyaatti jiran furaa deemuun kan danda’amu sammuu nama barateetiini. Barnootni bu’uura waan hundumaa waan ta’eef xiyyeeffannaa olaanaadhaan irratti hojjechuun barbaachisaadha.
Bariisaa: Rakkooleen bara 2013 keessa nu mudatan bara 2014tti akka nu duukaa hinceeneef maal gochuu qabna?
Doktar Zarihuun: Rakkoolee bara 2013 biyya keenya mudatan keessaa tokko qaala’ina jireenyaati. Rakkoon kun keessumaa namoota galii gadaanaa argatan dararseera jedheen amana. Qala’inni jireenyaa Amarkaa dabalatee biyyoota guddatan keessattiyyuu waan uumamuuf humnaa ol akka hintaaneef to’achaa deemuun barbaachisaadha.
Qaala’inni jireenyaa kun hanqina sharafa alaa, omishaalee dhoksuufi rakkoo nageenyaatiin walqabatee mudachuu mala. Biyyi keenya bara 2013 keessa gama nageenyaatiin xiqqoo boqonnaa hinarganne jedheen yaada.
Rakkoon bulchiinsa gaariin walqabatee omishaaleen sirnaan fayyadamtoota bira ga’uu dhabuunis sadarkaa gadiitti ni mul’ata. Isaan kunneen walitti eda’amanii rakkoon qaala’ina jireenyaa biyyattiitti akka mudataniif sababa ta’aniiru. Kanaafuu bulchiinsi sadarkaa gadiirra jiran ilaalamuu qabu jedheen yaada.
Rakkoo qaala’ina jireenyaa kana furuuf omishtootaafi daldaltoota dorgomtoota ta’an kallattii hundumaanuu akka dabalan taasisuun barbaachisaadha. Daldaltoonni biyyattii keessa jiranis bu’aa ofiisaanii qofa utuu hintaane ummata keessa jiraataniif yaaduu qabu.
Bara 2014tti haala hamaa biyyattiin amma keessa jirtu keessaa ba’uudhaaf hundumtuu harka walqabatee gara jireenya fooyya’aatti ce’uuf karoorfachuu qaba. Jireenya, ilaalchaafi adeemsa barana ture utuu fuudhanii darbuu baatanii gaariidha.
Hundumtuu waggaa haaraatti hundumtuu ilaalcha, jireenyaafi adeemsaafi sammuu haaraadhaan simachuu qabu. Bara haaraa jireenyuma amma kaleessa jirrruun yoo itti fufne guyyaa lakkaa’uurraan kan hafe waggaa haaraadha jechuu hindandeenyu.
Kanaafuu hundumtuu waggaa haaraatti karoora jireenya ofiisaaniifi biyyasaanii fooyyessu utuu baafatanii ykn qabaatanii gaariidha jedheen amana. Karoora akka dhuufaa, waajjiraafi biyyaatti qabannu yeroodhaan addaan qoodnee hojiitti hiikuu baannaan kisaaraadha.
Karoora baafatan bakkaan ga’uuf jabinaafi kutannoon hojjechuu barbaada. Namni hundinuu miiraan yaaduurraa gara sammuun yaaduutti deebi’uu qaba. Namni sammuudhaan yaadu jabinaafi dogoggorasaa hubata.
Bariisaa: Bara haaraa ilaalchisuudhaan ergaa, dhaamsa ykn hawwii gaarii isin ummata Itoophiyaaf qabdan yoo jiraate?
Doktar Zarihuun: Namni hundi waggaa haaraatti miira keessaa bahee sammuudhaan akka yaadu, dhaloota waliisaatiif yaadu akka ta’u, dhaloota guddinaafi jijjiiramaaf ifaaju akka ta’un hawwa.
Namootni akka dhuunfaattis jireenyaafi haala amma keessa jiran keessaa ba’anii bor jireenya fooyya’aa akka jiraatanin hawwaaf. Akka dhuunfaa, maatiifi biyyaatti xiyyeeffannaan keenya inni guddaan jijjiiramaafi guddina akka ta’un hawwa. Hundi keenya haala amma jiru keessaa baanee gara qilleensa nagaatti akka baanun hawwa.
Bariisaa: Mootummaa Fulbaana 24 bara 2014 hundeeffamurraa maaltu eegama?
Doktar Zarihun: Mootummaa Fuulbaana keessa hundeeffamuurraa wantoota danuutu eegama. Inni guddaan hariiroo biyyoottan garaa garaa wajjin jiru cimsuun barbaachisaadha.
Inni kun dippiloomaasii cimsuu, dippiloomaatota jajjaboo horachuufi karoorsuurratti hojjechuu, qaala’iinsa jireenyaa yeroo ammaa tasgabbeessuurra darbuun gara fuula duraatti bu’uurarraa akka hiikamu taasisuu, maalammaltummaa yeroo ammaa garmalee mul’atu daangessuu, nageenyi amansiisaan akka jiraatu gochuu, seeraafi heera jiran gadi fageenyaan sakatta’uufi furmaata barbaachisaa itti kennuu, humna basaasa (intelligence agency) cimsuu, humna raayyaa ittisa biyyaa ammayyeessuufi isa ammaa kana caalaatti ijaaruu, geggeessitoota, loltoota, humna poolisii keessa maaltu akka jiru sakatta’uufi furmaata barbaachisaa itti kennuu, haala barnootaas gadi fageenyaan sakatta’uu walumaagalatti hojii guddaatu eeggata jedheen amana.
Natsaannat Taaddasaatii
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 29/2013