Finfinnee: Artistoonni Oromoo miiltoowwansaanii kaan wajjin ta’uun deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf (RIB) qaban ibsuuf wiirtuulee leenjii loltummaa adda addaatti argamuun hojii onnachiisuu hojjechaa turuun niyaadatama. Wiixata darbe ammoo Giddugala Aadaa Oromootti argamuun dhiiga arjoomaniiru.
Artisti Diimaa Abarraa ibsa Gaazexaa Bariisaatiif kenneen akka jedhetti, artiistiin gochasaatiin hawaasaaf fakkeenya ta’uun, ogummaasaatiin bohaarsaafi bashannansiisaa hubannoo uumu aa ture, ammammoo quuqama biyyaaf qabu dhiigasaa arjoomuun ibsaa jira.
Waldaan Artistoota Oromoo deeggarsa RIBf taasisuu keessatti adda durummaan hirmaachaa jiraachuu eeree, innis akka miseensa tokkootti karoora waldichi qabate milkeessuuf qophii ta’uu ibseera.
Weellisaa Biraanuu Margaa (Warra Sooddoo) gamasaatiin, aartiin waan humna qawweetiin cabsuu hindandeenye akka cabsu qabsoo Oromoon kanaan dura ogummichaan utubamee taasisaa ture akka fakkeenyaatti eeree, ammas ogeessi aartii ogummaasaatiin RIB cinaa dhaabachuun ala wareegama barbaachisu kamuu kanfaluuf qophii ta’uu ibseera.
“Biyya tokkittii qabnu kanarratti diinni walnyaachaa waan jiruuf, nutimmoo biyyi yoo hinjiraannee, ummatni yoo hinjiraanne kan nudhaggeeffatus ta’e hojjennuf waan hinjirreef ummata ogummaa artiifi ogeessasaa leellisu wajjin RIBf deeggarsa malu taasisuun ni taasisna” jedheera.
Keessumaa Oromiyaan nageenyasaa guutummaan mirkaneesuuf qaamota hawaasaa garagaraa wajjin mari’achuun ejjennoo ifa ta’e qabaachuu qaba jedhanii, wayita rakkoon mudatu fiffiguurra tattaaffii ittifufiinsa qabu dursanii taasiisuun gaarii ta’uus Artisti Biraanuun eereera.
Nageenya biyyattii mirkaneessuuf qaamoleen hawaasaa hundi keessoosaa nagaa taasisuun qe’eesaa, gandasaa eeguu qaba jedhee, Oromoon abbaa biyyaa waan ta’eef dursummaan tokkumaasaa eeggachaa dhiibbaa alaa qolachuu akka qabu ibseera.
Artisti Tasammaa Galataa gamasaatiin, akka Waldaa Artistoota Oromootti yeroo lammaffaaf RIBf dhiigni kan arjoomame ta’ee kaasee, dhiigni isa arjoomuuf salphaa ta’us, isa fudhatuuf garuu kan lubbuusaa baraaru waan ta’eef arjoominichi cimee ittifufuu qaba jedheera.
Gama artistoota Oromootiin hojiilee garagaraa kakaasaaf oolan hojjetamaa turuufi jiraachuu eeree, nagaan hundaafuu barbaachisaa waan ta’eef keessumaa yeroo ammaa namoonni martuu sochii taasisu kamuu keessatti haala nagaa biyyattii miidhuu hindandeenye giddugaleefachuu akka qabu gorseera.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013