Adaamaa: Biiroon Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Oromiyaa leenjii bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa fooyyessuufi rakkoo ijaarsa seeraan alaafi weerara lafaa furuurratti xiyyeeffate hoggantoota damichaa sadarkaalee adda addaarratti argaman kuma tokkoofi 500f Adaamaatti kennaa jira.
Leenjii Hagayya 20 hanga 28 bara 2013tti kennamu kanarratti waraqaan qorannoon bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti qarshii miiliyoona 250n oliin waggoota 10f taasifamaa ture dhiyaatee hirmaattotaan irratti mari’atamaa jira. Qorannichi bara 2014 hojiirra akka ooluufi rakkoolee ittifayyadamaafi bulchiinsa lafa naannichaatiin walqabatan furuuf kan gargaaru ta’uunis himameera.
Hogganaan Biiroo Bulchiinsaafi Ittifayyadama Lafa Oromiyaa Obbo Taarraqanyi Bulultaa haasaa baniinsa leenjichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, lafti qabeenya ummataafi mootummaa isa guddaadha.
Qabeenyi kun ajandaa siyaas-dinagdee ijoo waan ta’eef seeraan ala bulchuufi ittifayyadamuu dhabuun rakkoolee adda addaa uumuu mala. Kanaafuu rakkoolee lafaan walqabatan furuun murteessaadha.
Magaalotatti pilaanii magaalaa sirnaan hojiirra oolchuu dhabuudhaan ijaarsi seeraan alaa babal’achaafi lafti waan hinmalleef, baadiyyaattis lafti margaa, qonnaa, dheedichaafi bosonaa akkaataa barbaadamuun hojiirra oolaa hinjiru jedhan. Biirichisoon sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessee hojiitti seenuu eeranii, Leenjiin kennamaa jiru hanqinoota jiran mara furuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Hoggantoonniifi ogeessonni sektara lafaa faayidaa maaliitiif akka oolu adda baasanii beekanii sirnaan bulchuu akka qaban yaadachiisanii, kanaan achi tarkaanfiin barbaachisu ni fudhatama jedhan. Hojiin bulchiinsaafi ittifayyadama lafaa ammayyeessuu akka milkaa’uuf ummata hirmaachisuun murteessaa ta’uus hoggantichi eeraniiru.
Bara 2013tti hoggantoonniifi namoonni bulchiinsaafi ittifayyadama lafaarratti rakkoolee adda addaa 631 hidhaadhaan adabamuusaaniis ibsanii, lafti heektaarri kuma 100 ol seeraan ala qabame gaddhiifamuufi manneen seeraan ala ijaaraman hedduunis diigamuu himan.
Pirezidaantii Ittaantuun Oromiyaa Oromiyaa Aadde Caaaltuu Saanii akka jedhanitti, lafa seeraan bulchuufi ittifayyadamuun barbaachisaa waan ta’eef hoggantoonniifi ogeeyyonni sektarichaa seeraan bulchuu qabu.
Godina Gujii Lixaa, Aanaa Abaayaa, Magaalaa Guwaanguwaarraa kan dhufan Obbo Ideemaa Geggeessaa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, waggoota sadii as rakkooleen ittifayyadama lafaa hir’achaa dhufaniiru. Leenjichi hubannoo hoggantoonni seeraafi labsii lafaarratti qaban gabbisuudhaan rakkoolee mudatan furuuf gargaara.
Natsaannat Taaddasaatiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013