Magaalonni Rijinii Giddugaleessa Lixaa tajaajila interneetii ‘4G LTE Advanced’ fayyadamoo ta’an

Ambo: Magaalaa Amboo dabalatee magaaloonni Walisoo, Burraayyuu, Hoolotaafi Sabbataatti guyyaa dheengaddarraa eegalee tajaajila interneetii ‘4G LTE Advanced’ fayyadamoo ta’an.

Gaggeessituun Hojii Itiyoo Telekoom Shamarree Fireehiwoot Taammiruu, guyyichatti sagantaa eegalchiisa tajaajilichaa Ambootti taaasifamerratti haasawa taasisaniin akka jedhanitti, tajaajilichi maamiltoota kuma 334 ta’aniif tajaajila si’ataafi amansiisaa ta’e kan kennuudha. Hawaasni magaalaa Amboo dabalatee magaalota eeraman keessa jiraatu hojii hawaas dinagdee garagaraa bifa salphaa ta’eefi si’aayina qabuun akka raawwatatus kan gargaarudha.

Bara bajataa xumurametti magaaloota biyyattii 68 ta’an keessatti tajaajila walfakkaataa akkasii diriirsuun kan danda’ame ta’uu eeranii, kunis ji’oota shan qofa keessatti kan raawwatame ta’uu ibsaniiru.

Tajaajilli interneetii si’ataa magaalattii keessatti eegalamuunsaa hawaasa daldalaa magaalichaa, barsiisotaafi barattoota, hojjataa mootummaafi mitmootummaa walumaagalatti jiraataa magaalattiifi naannawaasheetti argamaniif kennaa guddaa ta’uu immoo kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Saahluu Dirribsaa ni ibsu.

Yeroo ofii qusachuufis ta’ee hojiilee misoomaa garagaraa bifa si’aayina qabuun raawwachuudhaafis tajaajilli interneetii ‘4G LTE Advanced’ magaalattii keessatti eegale kun faayidaa olaanaa kan qabu ta’uus dubbataniiru.

Bara haaraa eegalametti magaalota 106 ta’an tajaajila ‘4G LTE Advanced’ akka argataniif karoorfameera.

Itiyoo Telekoom tajaajila ‘telee birri’ erga eegalee kamisa darbe guyyota 106 qofa ta’us, yeroo ammaa maamiltoota miliyoona 8.9 ta’aan horachuu danda’eera.

 Bayyanaa Ibraahimiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You