Finfinnee: Oromiyaa, moggaasa ‘’Gaachana Sirnaa’’ jedhamuun qaamoleen hawaasaa adda addaatii leenjiin bu’uuraa loltummaa kennamaa jiraachuun ibsame.
Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa Oromiyaatti, Gorsaan dhimma nageenyaa Koloneel Ababbaa Garasuu ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin akka jedhanitti, leenjiin bu’uura loltummaa nama loltuu ta’uu barbaaduuf yeroo gabaabaa ykn dheeraan sochii qaamaa, meeshaa waraanaa hiikuufi dhukaasuu, faayidaa haalli teessuuma lafaa waraana keessatti qabuufi amaloota meeshaa waraanaa garagaraa barachuu hammata.
Namni leenjicha fudhatu kan fedhii qabuufi “Sirni ummatni ofiisaatiin ijaarrate, hirmaannaafi abbummaadhuma kootiin eegamuu qaba” jedhee amanuuf kan kennamu waan ta’eef moggaasni “Gaachana sirnaa” kennamuufii ibsaniiru.
Nageenyi hirmaannaa ummataa guutuu malee milkaa’uu akka hindandeenyes eeranii, kaayyoon leenjichaa humna nageenyaa dabalataa hawaasa keessaa ijaaruu, hawaasni nageenya qe’eesaa akka eeggatuuf, aggaammii gama kamuu qaamolee nageenyaa wajjin ta’ee qolachuu kan dandeessisuufi sirna ofumasaatiif dhaabeef gaachana akka ta’uuf yaadamee ta’uu gorsichi beeksisaniiru.
Leenjiin akkanaa sadarkaa naannootti kan jalqabaa ta’us, hawaasa waliin mari’achuun waan jalqabameef hunduu fedhii olaanaan keessatti hirmaachaa jiraachuu dubbataniiru.
Leenjichi jajjabina qaamaatiif, ogummaa dabalataa waa’ee loltummaarratti namni tokko akka gonfatu taasisuun ala keessumaa kanaan dura Oromiyaatti gaaffii leenjii bu’uura loltummaa fudhachuuf barbaadamaa tureef deebii ta’a jedhaniiru, Koloneel Abbabaan.
Ammaan dura akkuma beekamu qaamoleen nageenyaa gahee nageenya eeguu hojjechaa akka jiran himanii, humni hawaasaa kun hojii qaamolee nageenyaa deeggara malee bakka qaamolee nageenyaa akka hinbuneefi qaamni hawaasaa kamuu leenjiicha fudhachuun egeree biyyatiifuu waan gaarii ta’uu beeksiisaniiru. Olola leenjicha ilaalchisuun miidiyaa hawaasaarra deemaa jirus ummanni fudhachuu akka hinqabnes garsaniiru.
Hogganaan Waajjira Dhimma Nageenya Magaalaa Sabbataa Obbo Taarraqanyi Tasfaayee gamasaaniin, nageenya naannawaa eeguun kan humnoota nageenyaa qofa akka hintaaneefi gandoota magaalichaa kurnan keessatti leenjichi kennamaa jiraachuu dubbataniiru.
Tokko tokkoo gandootaarraa namoonni 500 leenjicha akka fudhataniif kootaan kennamee kanumaan hojiirra oolchaa jiraachuus himaniiru.
Sinqinash Alamuutiin
Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013