“Juuntaa yoo mootummaan dhiiseeyyuu ummanni Itoophiyaa hindhiisu” -Koloneel Sabsibee Kumarraa

Addunyaan kun bubburreedha. Tokkoof jannata, tokkoof abidda lafarraa taatee nama jiraachisti. Inni tokko qananiidhaan dhalatee qananiidhumaan irraa darba; kaanimmoo qananii jechaan malee ijaan utuu hinargiin du’a. Muraasnimmoo gidiraa meeqa dabarsee milkaa’a.

Itoophiyaatti keessumaa baroota darbanitti namni baay’ee eenyummaasaatiin qofa dararama hamaa dabarseera. Keessumaa Oromoon namoota baay’ee ittiin dhabeera. Sababa Oromummaatiin baay’eetu du’e, baay’eetu qaamaan miidhame, baay’etu hiyyoome, baay’eetummoo eessa buuteensaa dhabame.

Silaa bara shororkeessaa ABUT olaantummaadhaan biyya bulchaa turemmoo dararaan ture seenaan haa yaadatu.

Isa fagoo yoo dhiisne Irreechaa kuma 2010 irratti ilmaan Oromoo huccuu aadaafi faaya aadaan miidhaganii ayyaana waggaasaanii kabajatan irratti ajjeechaan jumlaa raawwatame madaa yoomiyyuu qooru miti.

Keessummaan Bariisaa har’aas, nama sababa Oromummaatiin hidhaafi reebichi hamaan irra ga’e yoo ta’an, har’a jiraatanii kan salphina juuntichaa ilaalaa jiraniidha. Koloneel Sabsibee Kumarraa jedhamu. Dararaa isaanirra ga’aa ture, takka bo’aa, takkammoo yaadaan fagaachaa nuun qoodaniiru. Nutis akka armaan gadiitti isin dubbisiisna.

Bariisaa: Mee bal’inaan walhaa barruutii eessatti dhalattanii guddattan, barattan?

Koloneel Sabsibee: Koloneel Sabsibee Kumarraa Dheeressaan jedhama. Kanin dhladhee guddhadhe Magaalaa Naqamteetti. Barnootakoo sadarkaa tokkoffaa kutaa tokkoffaa hanga ja’affaa Mana Barnootaa Kidaana Mihirat Kaatolikiittin baradhe. Kutaa 7fi 8fa ammoo Mana Barnootaa Maskaram Hulat (Biiftuu Naqamtee har’aa)tti, sadarkaa lammaffaa ammoo Kompiriheensiivii Naqamteettin baradhe.

Umurii dargaggummaakootti jibba sirna Dargiirraa qabuurraan kan ka’e qabsootti makamee bara 1983 gara Adda Dimokraasummaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI)ttin dabalame. Bara sanarraa eegalees sadarkaa aanaarraa kaasee hanga godinaatti bulchummaafi dabballummaatti hojjedheera.

Dhaabbileen siyaasaa afran (OPDO, ABUT, SDSAfi SDUK) buufata leenjii waraanaa qofa qofaatti qabu turan. Bara 1986 dhaabbileen kunneen qofa qofatti waraana leenjisuurra bakka tokkotti wayya jedhamee qondaaltummaa olaanaaf leenjii seenne.

Yommuu leenjiitti jirru gaaffiiwwan garagaraa gaafanna turre. Fakkeenyaaf Ertiraan yeroo gabaabaa keessatti akka weeraramuu dandeessu gaafa nu leenjisan nutimmoo “Waraanni filannoo hinta’u, maaliif karaa nagaa hinxumuramu” jenneefaa gaafanna. Garuu deebii sirriin nuu hinkennamu.

Bariisaa: Gaaffii leenjicharratti kaasaa turtanirraa kan ka’e gidiraa cimaan isinirra ga’uu odeeffanneerra. Mee waa’eesaa nuun qoodaa.

Koloneel Sabsibee: Achi keessatti ani akka dhunfaatti gaaffii Oromoon waggoota dheeraaf gaafataa tureen gaafadhe. Ani miseensa Raayyaa Ittisa Biyyaa (RIB) ta’e Itoophiyaa tajaajiluuf haaldureewwan sirrachuu qaban lama nuu guutamuu qabu jedheen gaafadhe.

Kunneenis, inni duraa mirgaafi faayidaan Oromoo mirkanaa’aa hinjiru. Aangoon siyaasaa Oromoon qabu laafaafi gadaanaa waan ta’eef maxxantummaafi hirkattummaarraa bilisa ta’ee siyaasaan of danda’uutu irra jira kan jedhudha.

Inni lammataammoo qoodinsi qabeenya haqaqabeessi akka jiraatuudha. Qoodinsi qabeenyaa garee muraasarratti kan bu’uureffate waan tureef kun sirrachuu baannaan raayyaatti hinmakamu kan jedhu ture gaaffiinkoo.

Nan yaadadha. Bara 1986, ji’a Eblaa keessa barnootakootiin sadarkaa tokkoffaa argadheen ministira muummee yeroo sanaa Mallas Zeenaawiitiin badhaafameen ture. Ji’a tokko booda “Gaaffiin ati yeroo leenjii gaafatte, gaaffii ABOti malee kan Oromoo miti” jechuun kutaa waraanaa Finfinnee jedhamuufi ani Yaa’abal’ootti hogganuu eegalerraa qabanii na hidhan. Finfinneettis na fidan. Finfinneedhaa Jimma, bakka waraana 614fa jedhamu na geessan. Mooraa Leenjii RIB Xollaayitti argamutti harkaafi miilakoo fuuncaa sareen ittiin hidhamtuun na hidhan.

Bariisaa: Mee haala mana hidhaa keessa ture akkamiin yaadattu?

Koloneel Sabsibee: Gaaffiif kan na baasan galgala galgala. Guyyaa eenyuyyuu na hinargu; mana tokko keessattin hidhamee oola. Manni murtii, qaamni seeraa, abbaan alangaa, waajjirri poolisii nahin beeku. Gaafan maaliin balleesse jedhee gaafadhu “Gaaffii ati gaafatte gaaffii ABOti, kana baatteemmoo ADWUI waliin deemuu waan hindandeenyeef dhimmi kee addatti ilaalamaa jira” naan jedhu.

Egaa dargaggummaan yeroo tokko tokko gaariidhas badaadhas. Gaafa isaan akkana naan jedhan, gaaffii mirgaa gaafachuun yakka erga ta’ee isinumtuu TPLFn bakka buutanii wantoota barbaachisoodha jettan gaafachuunuu yakka. Nuti gaafa manaa baane DhDUO keessatti qabsoofnee faayidaafi fedhii ummata Oromoo guutuufi. Hamma sun hinguutamnettimmoo gaaffiin kun yoomiyyuu hindhaabatun jedhaan. Bu’aan keenya garuu yeroo sanaas reebicha ture.

Bariisaa: Dararama akkamiiti kan isinirra ga’aa ture? Koloneel Sabsibee: (Ija keessa imimmaan calalaa) Baay’ee sukkanneessaa ture, Harkaafi miilakoo duuddubatti deebisanii walitti na hidhu. Qoonqoodhaan na miidhu. Nyaata yoo barbaadan guyyaa sadii afuritti naa kennu.

Boolla guddaa kuusaa kosii moorichaa goondaafi bineensota garagaraa qabu keessa na kaa’u. Haalota rakkisoofi ulfaatoo keessattin bara 1986 hanga 1991tti hidhame. Akkumakoo namoonni sababa Oromummaatiin hidhamanis mooricha keessa ni jiru.

Bariisaa: Yommuu sana namni dhufee isin gaafatuufi haala irra jirtan isinii hordofu hinturree?

Koloneel Sabsibee: Maatiinkoo lafan jiruyyuu hinbeekan. Qondaaltonni OPDO yeroo sana turanis nama keenyatu nu jalaa hidhame, gaaffii eenyummaa gaafataniif dhiibbaatu irra ga’aa jira, ijoolleen kun waan Oromoo ta’aniif dhiignisaanii tasa baduu hinqabu jedhe namni nu barbaade hinjiru. Gaafa harkaafi miila walitti nu hidhanii akka barbaadan nu godhanis namni nuu birmate hinjiru.

Yeroo tokko nan yaadadha bara 1986 ji’a Waxabajjii keessa “Ati biyya kanaaf hinbarbaachiftu, namni ilaalcha akkanaa qabu gonkumaa jiraachuu hinqabu. Kanaaf murtii du’aatu sirratti fudhatama. Kanaa achi waa’ee ABO waan beektu hunda baasi” jedhanii, halkan bokkaa keessa harkakoo tokkoofi miila tokko walitti na hidhanii akka jaldeessaatti na deemsisaa waamanii na gaafatan.

Anis ilma Oromoo ta’uukoo qofa akkan beekuufi biyya kana keessattimmoo namni kamuu ilaalchasaa akka barbaadetti ibsachuu akka danda’u akkasumas, utuman miseensa ABO ta’eellee akkanatti dararamuun akka narra hinjiraanen ibseef. Yoo ilaalchikoo sirrii hintaanellee akkan sirreeffadhu natti himama malee akkanatti reebamuun narra hinjiru. Kanaaf murtii du’aa jettan narratti murteessaan jedheen. Sababnisaas yeroo sana anaaf duuti jannata. Beeloftee hin nyaattu taanaan, cabdeefi dhiigdee hin yaalamtu taanaan maalsaatu jireenya jedhama?

Bariisaa: Namoota isin dararaa turan ni yaadattuu?

Koloneel Sabsibee: Eeyyee nan yaadadha. Hundisaanii miseensota TPLF turan. Amma eessa akka jiran beekuu baadhus muraasa maqaasaanii nan yaadadha. Salamoon, Koloneel Taklaayifaa jedhamu.

Haaluma sana keessa taa’een ilaalchasaanii kanaan namootuma akkakoo hidhaman yoo hogganan malee yunvarsiitii ykn kolleejjii hogganuu akka hindandeenye itti himaan ture. Addunyaa kanarratti sammuu bilisa ta’een qabsoon yoo gaggeeffame, olaantummaan ummataafi seeraa mirkanaa’ee paartileen garagaraa waliin ta’aanii biyya jijjiiru malee TPLF qofaasaa akka hinjijjirre ejjennookoo dhuunfaa ibsaafiin ture.

Bariisaa: Reebicha isinirratti raawwatameen miidhaa akkamiitu isinirra qaqqaberee?

Koloneel Sabsibee: Ilkaan koo fuulduraa ja’a narraa buqqisaniiru; amma namtolcheen itti godhadhe malee. Qubni miilaakoo narra hinjiru. Harkikoo bitaa cabaadha. Utuu na reebanii qaamni saalaakoos akka buruquu ta’ee ture.

Waaqayyoo na gargaaree sanyii akkan hinhoranne na hindaangessine malee. Buqqeen mataakoos utuu na reebanii cabee garmalee madaa’ee raamma’ee ture. Qoricha teetiraasaayikiliinii barsiifataan madaa ittiin qorfadhullee naa kennuu hindandeenye. Irriba rafuu hindanda’u. Yoon rafe waan dhufanii baasanii na reeban natti fakkaata.

Waggoota shanan mana hidhaatti dabarse keessaa waggaa lamaafi ji’a tokko ifa aduu hinagarre. Harkiifi miillikoo akkuma hidhametti kutaa tokko keessatti ibsaa filoorasantii saddeet asii gadi narratti ibsaa achi keessan ture. Gaafa gaaffiif na barbaadan halkan gadi na baasu. Waggaa lamaafi ji’a tokkoon kana dhaqnakoo hidhiqanne; rifeensakoo hinmiiccanne. Sababum kanaan mataan koo madaadha. Qoonqoon rakkisaadha. Haala kanaan walumaagala waggoota shaniif hidhameen ba’e.

Bariisaa: Erga mana hidhaatii baatanii jireenya keessan duraatti deebitanmoo, hojii biraa eegaltan?

Koloneel Sabsibee: Dararaa baay’ee keessa darbee Fulbaana bara 1991 yommuun hiikamummoo qajeelfamawwan 11 ta’an natti kennan. Siyaasa biyyattii kamuu keessatti hirmaachuu akkan hindandeenye, hojii mootummaas ta’u mitmootummaa ykn dhaabbata dhuunfaa kamuutti mindeeffamee hojjechuu akkan hindandeenye, jiraachuukoo ji’a ji’aan dhaqee Ministeera Ittisa Biyyaatti akkan gabaasuufi kanneen biroo hammata qajeelfamichi.

Bariisaa: Akka hiikamtaniin garam deemtan? Erga mindeeffamtanii akka hinhojjenneef dhorkaan isinirra taa’eemmoo, maaliin of jiraachisuu eegaltaniiree?

Koloneel Sabsibee: Yeroon hidhame sana ilma tokko qaban ture, Dinaa’ol jedhama. Inni dhalate ji’a sadiittin hidhame. Sana booda bakkan jiru maatiinkoo hinbeekan. Gaafan mana hidhaa seenu ulfaatinnikoo kiiloo 80, gaafan ba’u 41.

Gaafan ba’ee maatii koo bira Naqamtee deemu haatikoofi obbolaan koollee na wallaalan. Namoota biroo hidhaadhaa ba’an wajjin taanee gaafa achi geenyu maatiin fagootti ilaalanii “innoo hindhufnee” jedhu. Gaafan kana argu, dhaga’u nan boo’e.

Inni biraammoo xiinsammuudhaan baay’een miidhame. Namni wayyaa loltuu uffatee deemu hundi waan na qabuu dhufe natti fakkaateen bir’adha. Yoo namni fagoodhaa dhimmasaa na ilaalellee nan sodaadha. Haala kanaan jiraachuun natti cimnaan takkaa gara Baaleetti baqadheen ture.

Of jiraachisuuf jecha hojii humnaallee hojjedheera. Finfinnee naannawa Addisuu Gabayaa, gaafa Hoteelli Tsiyoon jedhamu ijaarame dhagaa cabseera. Isa dadhabnaan itti dhiiseemmoo gara Walisoofi Sabbataa deemee jimaallee gurgureera. Isas dadhabeen kotiroobaandii nagaduu eegale. Innis na baasuu hindandeenye. Yeroo kansaanii konteenaraan darba, keenyammoo waanuma xiqqootu qabama.

Asirratti waanin otoon hinkaasiin darbuu hindandeenye tokko akkaataan itti Naqamteedhaa ba’eedha. Namoonni “mana akka hinbulle si qabuuf si barbaadaa jiru” naan jennaan ijoollee daandiirraa waliin buleen kiisiikootti qarshii shan qofa qabadheen konkolaachisaa konkolaataa fannoo diimaa oofu tokko kadhadhee utuun eenyuuttu hinhimiin Finfinnee dhufe. Yoon maatiikootti hime, dhaqanii isaan gaafatanii dhufanii na qabu jedhee waanin yaaduufin dhokse.

Namoonni waliin qabsaa’aa turres dhoksaadhaan na gargaaraa turaniiru. Ifaan yoo na gargaaran carraan ana mudate waan isaanirra qaqqabuuf jecha dhoksanii na gargaaraa turan. Maatiifi obbolaankoos na gargaaru. Ani ilmi Kumarraa Dheeressaa gaafan maxinoo nyaachuu hawwu sareensaanii keekii nyaatti turte.

Egaa ayyaana Waaqayyootiin inuman jiraadhe, ofis hinajjeesne. Garuu gidiraan ammas bifa jijjiirratte natti dhufte. Utuman waanin arge hojjedhe of jiraachisaa jiru bara 1997, gaafa ummanni Finfinnee mootummaarratti ka’e sana ammas deebi’anii na hidhan. Waa godhee osoo hintaane qabatuma isa duraatiin jechuudha. Akkuma Oromoon, “Sareen ‘maalittii’… madaa qabdu sirriitti hinduttu” jedhee mammaaku san adeemsiifi gochinsaanii sirrii waan hinturreef wanti kosh jedhu hundi isaan mufachiisa.

Hanga gaafa kufaniittis akka ummanni baay’ee itti mufate waan baraniif hordoffii narratti taasisan xiqqoo akka laaffisu godhan; garuu harka lafa jalaatiin inuma na hordofaa turan.

Gaafa waa hundi naa gamu pirezdaantii duraanii Oromiyaa, Obbo Lammaa Magarsaatti akka dhuunfaatti deemee iyyadheera. Biyya kanatti akka namaatti jiraachuu ykn du’uun barbaadan jedheen. Akka namaatti jiraachuuf immoo ani nama jedhamee beekamuun qaba.

Karaan keenya tokko miti. Of ajjeesee ijoolleenkoo bakkeetti haa hafanmoo jara kana narraa dhaabdu jedheen gaafadhe. Isaanin “ni mari’anna” deebii jedhu naa kennan.

Utuman kanaan jiruu bara 2008fi 2009 fincalli ummataa kallattiilee hundaan itti hammaannaan ammas deebisanii na hidhan. Ammas waanuma durii sana kaasu malee yakka narratti argan hinqaban. Sababuma Oromummaatiif qofa gidiraa hamma kana narraan ga’anii beenyaallee naa kennaa jedheellee hingaafanne.

Wayyaaneen akka buddeen hin nyaanne qofa na hingoone. Waggaa 10 dura ani afaan kootiin dubbachuu nan yaadda’aan ture. ABOdha naan jedhu jedheen ofirra ilaalaa deema.

Bariisaa: Miidhaa akka dhuunfaatti isinirra qaqqabe malee isa biyyarra gahe akkamiin ilaaltumee?

Koloneel Sabsibee: Utuu Waaqni hoggansa jijjiiramaa amma jiru biyyattiif hinfidne ta’ee dhugaa dubbachuuf biyyattiin akka isa Macaafa Qulqulluurraa ‘Akeeldaamaa’ ykn dachee dhiigaa taatee hafti turte. Fincilli ture cimaadha. Qarreefi qeerroon, ummanni gamaa gamasii duulee itti ka’e. Waanuma Waaqni biyyattii jaalatuuf jijjiirama fideef. Amannus amanuu baannus utuu jijjiiramni hindhufne ta’ee Itoophiyaan yoona Sooriyaa ykn Liibiyaa taateetti.

Waanti nama dhibu gaafa naannolee kaanitti dhiigni namaa dhangala’u, manni gubatuufi lubbuun namaa darbu Tigraayitti lolli tokkollee hinturre, biyya Jannataa jedhamti ture. Ummatatti garuu itti toleetu jechuun rakkisaadha.

Jijjiiramni dhufe isaaniitti hadhaa’ee liqimfamuufi didnaan ofiisaaniitiin, yerumasaaniitti duula biyyarratti banan. Asirratti utuu Paartii Badhaadhinaa ykn paartiilee siyaasaa biroo lolanii waa tokko natti hindhaga’amu.

RIB jechuun kabaja biyyaati, paartii kamiifuu aantummaa hinqabu, lafa haadhasaafi abbaasaa eeguuf osoo hintaane biyyakoon eega jedhee manaa ba’e. Gaafa eessayyuu jiraatus lammiikooti, gaachanakooti jedhee wajjin jiraata malee bor diina natti ta’a jedhee hin yaadu. Garuu harka gursheen ciniiname. Kun Itoophiyaaf salphina guddaadha.

Har’a garuu nama amanee gaachanakooti jedhee waliin jiraachaa ture keessatti salphinni isa mudate. Ibiddi kaleessa qabate hanga har’aallee hindhaamneem. Biyyi keenya hiyyeettiidha, waan baay’ee barbaanna. Karaa, hospitaala, mana barumsaafi misoomawwan kanneen biroo barbaanna.

Utuu rakkoo keessa jirruu deebisanii rakkoo biroo nurratti uuman. Ani isa isaan dhuunfaatti na miidhan caalaa isa isaan biyya miidhantu daran na quuqa. Ta’us kana mitii loltuu Xaaliyaanii meeshaa ammayyaatiin nurratti duuleef hinjilbeenfanne. Lammiin biyyattii gootaam.

Ani har’a Waaqayyoof haa galatuu, buddeen nyaachaan jira. Dhaabbata mataakootii hundeeffadhee ittiin jiraachaan jira. Haati gootaa garuu utuu ilmooshee hinawwaallatiin lubbuun namaa akkuma qoosaatti badheetti hafa. Ilmaan Oromoo baay’ee gammoojjii Tigraay keessatti reeffasaanii allaattiin nyaatte.

Utuu isaantu aangoorra jira ta’ee garuu ani bakka kana taa’ee buddeena hin nyaadhu. Ilmi namaa hojjennaan, kutannoodhaan itti deemnaan jijjiiramni nuti hawwinu inuma dhufa. Garuu ywaliigaluu nu gaafata. Akkuma Oromoon “Waliigalan alaa galan” jedhu, isaanimmoo akka nuti walii hingalleef kaleessa waan baay’ee hojjechaa turan. Oromoon Amaara, Amaarri Tigree, Tigreen Walaayittaa… akka hinamanneef adda faffacaasaniiru.

Wanti nama gaddisiisu biraan, seektara kamuu yoo deemte, Daandiin Qilleensaarraa kaasee hanga Gumruk daangaarra jirutti sadarkaa hogganummaatii kaasee hanga godaatti kan jiran miseensota TPLF. Beekaatu dhabamee biyya kana keessaa? Nama biyyaaf yaaduufi quuqamutu hinjiruu? Ani asirratti mormiinkoo TPLF taa’uusaanii miti. Waan isaan duubaan hojjetan, dhaloota isa kaan balleessanii, kansaanii qofti olaantummaan akka jiraatu gochuusaaniitu na aarsa.

Bariisaa: Tarii gareen kun amma kan akkasitti biyya goolaa jiruuf waan kanneen dhabeefiiree?

Koloneel Sabsibee: Maarree! Kun maaf nutti hafaatu akkas isaan gochaa jira. Inni akka duriimmoo lammata deebi’ee hindhufu. Ofumaa ummata Tigraay dhalaafi lammii malee hambisu malee yoomiyuu hinmilkaa’uuf. Ani har’a mana hidhaa keessaa ba’ee buddeen nyaachaafi haasa’aan jira. Akkasaanii boollaafi gammoojjii Takkazee keessatti hinduune. Hinhanne, hinbunne. Ummatakoo keessa dhaabadheen bookkisa.

Waa’een ummata Tigraay garuu har’ayyuu na gaddisiisa. Ummanni harka 70 ol seeftineetiidhaan jiraataa bar. Mana barnootaa gaarii, bishaan dhugaatii qulqulluu, jireenya fooyya’aafi misoomawwan biroo hinqabu. Jarri muraasni garuu ummatatu miidhame jedhanii waan baay’ee gochaa jiru.

Mootummaan kun garuu obsa qabeessa. Nuti teenyee maaliif waraana dhaaba, maaliif akkas hingodhu, kana hinqabu, sana hinqabu jennee yaada kennina. Mootummaan garuu hawaasa achi jiru ilaale. Ummatichi waggaa 40 oliif ilaalcha TPLF qofaan guutamee jiraate. Isaaniif dhaabbanni sirriin TPLF qofa. Utuu mootummaan damma, TPLF ammoo summii laateefi dammicharra, summicha filata.

Kana sirreessuun ammoo yeroo fudhata. Wantiin jala sararee dubbachuu barbaadu biyyi keenya akka hindiigamneedha. Utuu Geetaachoo Raddaa, Koloneel Barrihuu, Waddii Ashabbir, Tsahaayyee Maanjuus, Waddii Taklaayiifi kanneen biroollee na dhaga’anii natti tola.

Akka kaleessaa sanatti gonkumaa hinmilkaa’an. Mootummaa miti kan milkii sana isaan dhawwate. Ummatatu itti dammaqe. Naga’a, natti baay’ate kan jedhe ummata. Kanaaf hamma danda’ametti ummannis ta’u mootummaan darbees paartiileen morkottootaas tasgabbii olaanaadhaan waltaanee biyya kana ceesisu qabna. Rakkoo gola keenyaatti booda deebina; amma mootummaa cina dhaabannee yeroo rakkoo kana dabarsuu qabna. Yoo akkas ta’e jijjiirama amma argine caalaa dhuunfaa dhuunfa keenyaan ni argina.

Wantoonni darban kunneen gaafa haasa’aman salphaa fakkaatu. Guyyaa tokko yoo lubbuun jiraatan Geetaachoofaa affeeruun barbaada. Akkam akka isaan nu gochaa turaniifi akkamiin obsinee akka har’a geenye utuu hubatanii har’a gammoojjii sana keessa hintaa’an.

Namni maaliif miidhame jechuu hindandeenyu. Miidhama keessaa garuu dandamatanii ba’uuf obsi waan guddaadha. Garaa bal’achuun barbaachisaadha. Amma ani biiroo barbaade deemee ani abaluudha jedhee dhimmakoo raawwachiifadhee ba’uu nan danda’a. Waggaa sagal kudhan dura garuu bakka kophee haxaa’an taa’uullee nan sodaadhaayyu.

Bariisaa: Ammawoo maaliirra jirtu, maal hojjettu?

Koloneel Sabsibee: Dhaabbannikoo dhabbata Martisiif jedhama. Erga hundaa’ee reefu waggaa tokko. Hojii huccuurratti eeyyama baafannee hojjetaa jirra. Dhaabbilee garagaraa kanneen akka hospitaalaa, yunvarsiitii, mana barumsaa, kaampaanii, milishaa Oromiyaafi kkf yunifoormii hodhee dhiheessa. Ministeera Ittisa Biyyaa wajjin waliigaltee uumuun hojjetaa jirra.

Kana malees dhaabbanni maxxansaa isa dura hundaa’e amma dhaabbata Martisiif jala seenuuf jedha. Innis hojiilee maxxansaa garagaraa hojjeta. Tishartiiwwwan, kubbaayyaa, kooffiyyaa, peennaafi kkfrratti maxxansa ni hojjeta; baanariifi kkf hunda ni maxxansa. Waanti si dhibu gara jalqabaa gaafa nuti hojjennu akeekkachiisawwan garagaraa nu biraa hinhafne. Gaafa barbaadan immoo waliin hojjenna nuun jedhu.

Kana birattimmoo hammuma argannurraa hojii tola ooltummaas ni hojjenna. Namoota harka qal’eeyyii barsiisnu qabna. Daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne ni gargaarra. Ijoollee maatiinsaanii na waliin hidhamanii achitti du’anii akkasumas, amma rakkinarra jiranis dhaabbiidhaan saddeet barsiisaan jira.

Bara 2014tti ammoo namoota sammuu cimaa qabaniifi sadarkaa tokkooffaarraa kaasee hanga yunvarsiitii xumuranitti waggaatti nama 10 barsiisuuf yaadaan jira. Sababnisaa ani nan darba, namni baratu yoo jiraateedha biyyimmoo kan ittifuftu. Utuun danda’ee kana caalaa gochuun barbaada. Biyya kana keessatti hojiifi barumsi murteessaadha.

Amma mootummaa lafa gaafachaa jirra. Gaafa inni nu milkaa’ummoo kana caalaa hojjechuun barbaada. Ani maatiin abaluu akka natti gammaduuf osoo hintaane kanin ijoollee barsiisu, akka biyyi kun ittifuftuufi.

Fuulduratti damee keenya babal’ifannee ijaarsa keessas seenuu barbaanna. Ijoolleen kaleessa mana hidhaatii ba’anii damee kanaan baratan ni jiru. Isaan gurmeessinee hojjeechuuf yaadna. Mootummaarraa maallaqa hinbarbaannu; lafa qofa akka nuu kennu gaafanna. Biyyi keenya nagaa taanaan waa hunda nuti ifaajnee fidanna. Biyyi nagaa taanaan wanti nama rakkisu hinjiru. Ba’anii galuuf, hojjetanii buufachuuf, ilmaan barsiifachuuf nageenyi murteessaadha.

Bariisaa: Haalli maatii keessaniiwoo akkami?

Koloneel Sabsibee: Egaa waanta Wayyaaneen na hingoone hinqabdu. Bultiin koo jalqabaa sababumasaaniitiin diigame. Ergan hidhaadhaa ba’ee mana dhaabbadhee ijoollee afur godhadheera, isa duraa waliin shanin qaba jechuudha. Miliyoona of harkaa dhabus nagaadhaan ba’e hojjetadhee waanin galuuf amma ani sooreessa. Har’a ani maxinoo ho’aan manakootti nyaadha. Akkasaanii kabajakoorraa gadi bu’ee ummatakoo salphisee karaa hintaanerra deemaa hinjiru.

Ana Waaqayyoo baay’ee na jaalata. Kana hunda keessa dabarsee kana na agarsiise. Ana qofa miti Waaqayyoo ummata Itoophiyaa baay’ee waan jaalatuuf qarreefi qeerroo irratti kaasee isaan buqqise malee silaa biyyattiin yoona baddeetti.

Bariisaa: Shororkeessaa ABUT, amma bakka jiruu Oromoon hinfayyadamne jedhee akka qarreefi qeerroon Oromoo isa deggaru gaafata. Kun maal jechuudha?

Koloneel Sabsibee: “Gaala ganama bade, galgala hinbarbaadan”. Dubbiin kan bade har’a mitiim. Kaleessa gaafa nuti gaaffii Oromoo gaafannu ABO jedhamnee reebamnee, hidhamnee, gadadoon sun hundi nurra ga’e. Qarreefi qeerroonis hojiisaanii mormee gaafa irratti qabsaa’ummoo dhiignisaa akka dhiiga sareetti badheetti dhangala’e hafe.

Har’a ga’anii Oromoon hinfayyadamne jechuun maal jechuudharee? Sammuun kaleessa Oromoo dararaa ture gammoojjii Takkazee keessatti qulqullaa’ee dhufee Oromoof yaaduu jalqabemoo? Ummanni Oromoo dandeettii nama wajjin jiraachuu adda ta’e qaba malee gowwaa miti.

Kaleessa kan dhume ilmaansaa, kan gubate manaafi qabeenyasaa, kan barbaadaa’e daandiisaati. Fakkii Oromoon ummata keessatti qabu badee akka bineensaatti akka ilaalamu kan godhe juuntaadham. Ummanni kun akka ulfinnisaa gadi bu’u hawwii guddaa qaba ture. Har’a garuu kaabaa kibbaa ummanni itti duullaan Oromoo kottuu na bira dhaabadhu jechaa jiru.

Ani akka nama dhuunfaatti oggaa kaleessa sirnasaaniitiin gidiraan narra ga’u ilma Oromoo mitii? Gaafa ilkaan narraa harcaasan gaaffiin gaafadhe kan Oromoo mitii? Yoo “hattuun yommuu hattu gamtoomtee hatti, yommuu qooddattu walhirti” jedhan ta’e malee, nama arguu mitii inni hinagarrellee juuntaan saba Oromoof ni yaada jedhee ni amana hinjedhu ani.

Haatii goota meeqa ilmashee dhabdee, boossee mar’immaanshee guduunfatte kan teessu manni haa lakkaa’u. Waggaa 27 guutuu karri namaa Wayyaaneetiin hincabiin hinjiru. Har’a waan sana hunda dagatanii ummata Oromoofi paartiilee siyaasaa Oromoo na deggaraa jechuun sirrii miti.

Biyya diiguuf munyuuquun tarii isaan hambaa warra Ameerikaatiin waan socho’aniif waan humna qaban itti fakkaate malee hindanda’amu. Waan qabaniifi gadhiisan waan wallaalaniif akkas ta’u. Silaa waan saamaniin lafa barbaadan deemanii magaalaa tokko hundeessuu danda’u.

Garuu cubbuufi dhiiga ilmaan Itoophiyaa waan irra jiruuf jonjo’anii gara itti badan wallaalan. Jaalatanii osoo hintaane dhiigaafi dafqa ummatichaatu isaan joonjeesse. Mootummaan gara nageenyaatti isaan fiduuf jaarsolii biyyaa, abbootii Gadaa, haadholii Siinqeefi abbootii amantii ergeera. Garuu isaaniif liqimfamuu hindandeenye; dhumnisaanii waan ga’eef Waaqniyyuu garaa isaan jabeesse.

Ani nan yaadadha Doktar Abiyyi akkuma aangootti dhufaniin ummata Magaalaa Maqaleetiif bishaan qulqulluu galchisiisanii, Doktar Dabratsiyooniin gatiitti keessa rurrukuchaa “biyya kana ni jijjiirra” jedhanii gaafa waadaa seenaniif miidiyaadhaan argeera. Adeemsi isaan ittiin deeman garuu dulloomaa waan ta’eef isaan baasuu dide. Kanaaf ijoolleen Oromiyaa lafa biyyasaanii isa gabbataa, har’a irra facaasanii ji’a sadii keessatti irraa sassaabbachuu danda’an irratti hojjetanii of jijjiiruu malee waamichasaaniif gurra kennuu hinbarbaachisu.

Nuti hamma yoomiitti gargaarsa qamadii biyya alaatiin jiraanna? Qurxummiisaanii nuu kennuurra akkaataatti qurxummii qabannu nu barsiisanii? Yeroo hunda garbasaanii taanee akka jiraannu maaliif barbaadu?

Mootummoonni biyya alaa har’a mirga namummaaf dhaabanna jedhan gaafa lammiin Oromoo Somaaleerraa buqqa’e, gaafa Gurra Fardaatti dhume, gaafa kutaalee biyyattii garagaraatti lammiileen Itoophiyaa ajjeefamaafi gubamaa turan ilmaan namaa miti? Yeroos maaliif quuqama dhabanii didan? Ummanni kan hubachuu qabu, nuti gaafa hidha Abbayyaa ijaarree xumurre hiyyummaa keessaa ni baana. Hirkatummaasaanii keessaas ni baana. Kunimmoo waan siyaasasaanii jalaa fashaleessuuf waa hunda callisanii ilaalu. Ummanni garuu kana hubate biyyasaa oolchuuf waan danda’e hunda gochuu qaba; juuntaa yoo mootummaan dhiiseyyuu ummanni hindhiisu.

Bariisaa: Dargaggoonni akkasumas ummanni biyya kana eeganii ittifufsiisuuf maal gochuu qabu jettu?

Koloneel Sabsibee: Dargaggeessi keenya fedhu gurmaa’ee fedhu dhuunfaasaatiin hojjechuu danda’a. Biyyattiin tasgabboofnaan waan gaariitu fuuldurasaa jira. Jijjiirama mootummaa qofti fidee namaa hinkennu.

Hunduu carraaqee fidata. Wantoota miidiyaa hawaasummaarra deeman filatanii malee hunda ofitti fudhachuun gaarii miti. Waliin taanee guddachuu malee diigamuu hinbarbaannu. Saba kaanis akkuma durii ofitti hammannee guddachuu malee miidhuus hinfeenu.

Sammuufi humna hojjechuu danda’u qabna. Isatti fayyadamuun nurra jiraata. Hanqina bulchiinsa gaarii bakkaa bakkatti mul’atuun mootummaa madaaluun hinbarbaachisu, waliin ta’anii sirreessuu qabna. Hanqinoota jiran har’uma kaanee jijjiruu baannus waliin taanee furuu qabna.

Bariisaa: Paartiilee morkattootaarraawoo maaltu eegama?

Koloneel Sabsibee: Ilaafi ilaameedhaan dubbannee waliigaluu dandeenya. Karaadhuma gabaabaatiin walmorminee kaan daggala seenuurra ifaafi ifatti teenyee, ani karoorrikoo, kaayyoofi maniin koo kana; kan ati qabattemmoo bakka kana kanatti rakkina qaba jedhanii walii ibsanii biyya guddisuun ni danda’ama. Kankoo haa caaluun biyya boodatti hambisa malee hinfayyadu. Kanaaf paartiileen morkattootaa paartiin biyya bulchu dogoggora qabaannaan dhaabanii itti agarsiisuu qabu.

Hawaasnis paartii biyya bulchaa jiru kaleessa waan filatee bakka buufateef gaafa dogoggora argu takkaa waanin filadheef homaa gochuu hindanda’u jedhee callisee ilaaluu hinqabu. Hanqinaafi dogoggora jiru bakkuma argetti agarsiisuu qaba. Yoo akkas ta’e mootummaan ni dida jedhee hin yaadu. Dallananii baqachuufi ba’anii hamachuun faayidaa hinqabu.

Bariisaa: Keessumaa yeroo rakkisaa amma jiru kana akkamiin ce’uun danda’ama jettu?

Koloneel Sabsibee: Biyyattiin amma rakkoo walxaxaa keessa jirti. Rakkoo kanammoo kan fide Wayyaaneedha. Misir sababa hidha guddichaatiif nutti gamaa jirti. Ameerikaafi biyyoonni Awurooppaa tokko tokkos Misir deggaru. Ummanni Itoophiyaa ummata waldanda’uufi safuu beeku waan ta’eef malee qaala’inni jireenyaa amma mul’achaa jiruyyuu kan nama walnyaachisu ture. Rakkoon kana keessaa ba’uufis furmaanni dhumaa gamtoomuudha. Diina keessaafi alaa dhufu deebisuuf, jireenya fooyya’aa jiraachuuf tokkoomuufi walhubachuu qaba. Harcaatonniifi ergamtoonni juuntaa biyya keessa jiranis duguugamuu qabu.

Bariisaa: Dhumarratti waanti dhaamuu barbaaddan yoo jiraate?

Koloneel Sabsibee: Ummanni Itoophiyaa ammayyuu wanti beekuu qabu juuntaan yoomiyyuu gaaffii nama kamuu deebisuu akka hindandeenyeedha. Yoo bishaan hawwite dhagaa sitti kenna. Sababnisaa fedhiifi faayidaasaanii qofa giddugaleeffatanii waan deemaniif. Biyyittiin nagaa akka taatuuf mootummaa cina hiriiruu qaba. Ani miidhama narra ga’erraa kan ka’e xiqqoo yoo natti ulfaate malee utuu mootummaan duuli naan jedhe boodatti hindeebi’u. Juuntaan waggaa 17 qabsaa’ee, waggoota 27 saamee waan biyyaaf hojjete tokkollee hinqabu. Ani Maqalee deemee argeera. Hoteelli intarnaashinaal jedhame keessa bishaan ujummoo hinjiru. Isaan ofiisaaniitii jiraannaan kaaniif dhimma hinqaban.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You