“Dhimmi Itoophiyaa Itoophiyaanota qofaan ilaalamuu qaba” -Miseensota Mana Marii Tikaa

 Finfinnee: Manni Marii Tikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dhimma Itoophiyaa ilaalchisuun walga’ii dheengadda taa’erratti miseensonni mari’achuun ejjennoo murteessaa, “Dhimmi Itoophiyaa Itoophiyaanota qofaan ilaalamuu qaba” jedhu dabarsaniiru.

Walga’icharratti haala wayitii Itoophiyaarratti ibsa bal’aa kan kennan ergamaa addaa Itoophiyaa Ambaasaaddar Taayyee Atsqasillaasee, rakkoon Itoophiyaa keessa jiru guyyaa tokkotti kan umame otoo hintaane, waggoota 27 oliif shororkeessaa ABUT biyyattii dameelee hundaan wayita  to’aterraa eegalee ta’uu eeran.

Gareen kun Itoophiyaanota tokko gochuurra qomoofi amantiidhaan qoqqoodee bitaa turuu ibsuun, sababa amala abbaa irrummaasaatiinis naannolee biyyattii hundatti mormii irratti ka’een bara 2010 aangoorraa ari’amuus yaadachiisaniiru.

Garicha aangoorraa buusuuf wareegamni biyyattiirratti taasifame hadhaa’aa turuus ambaasaddarichi eeranii, har’a aangoo qofaarraa otoo hintaane onnee Itoophiyaanotaa keessaa haqamee baduusaas ibsaniiru.

Gareen aangoorraa ari’ae kun ammas lammiilee keenya, Tigraay jiraatan dahoo godhatee gochoota badii garagaraa raawwachaa jiraachuufi gidiraa waggoota hedduuf uumaa ture kan isa ga’uu dide shororkeessaan kun, raayyaa ittisa biyyaa ajaja kaabaarratti haleellaa raawwateera jedhan.

Haa ta’u malee mootummaan duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannichatti gaggeessaa ture qonnaan bultoota Tigraayiif jecha dhukaasa qeenxee dhaabuun naannichaa ba’us, kana akka carraa gaariitti fayyadamuun naannolee Amaaraafi Affaar weeraruun lubbuu lammiileefi beeladootaa galaafatee qabeenyawwan adda addaas barbaadeessaa jiraachuu Ambaasaaddar Taayyeen mana marichaatiif ibsaniiru.

Oduudhuma walqabatuun, ejjennoowwan Mana Marii Tikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qabaman hanga tokko dhugaa Itoophiyaa kan mul’isan ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii eeraniiru.

Ambaasaaddar Diinaan akka himanitti, manni marichaa ajandaa dhimma Itoophiyaa ilaaluun ejjennoowwan jiran hanga tokko hubateera.

Ejjennoowwan adda addaa hinmul’anne jechuun hindanda’amu jedhanii, biyyoonni ejjennoo Itoophiyaa calaqqisiisanis Ruusiyaa, Chaayinaa, Hindiifi Keeniyaafaa ta’uufi walumaagalatti biyya tokkoon ala hundisaanii hanga tokko haala gaarii agarsiisuu eeraniiu.

Ejjennoo Ameerikaan mana marichaarratti mul’iste shororkeessaa ABUT balaaleffachuu haalli itti eegalte jiraachuus ambaasaaddarichi himanii, yaadawwan waliigalaan ka’an gaarii ta’uu ibsaniiru.

Ejjennoowwan dhimmi Itoophiyaa Itoophiyaanotaan kan ilaalamuufi Afrikaanonni deeggarsa akka taasisan akkasumas michuuwwan biyyattii otoo keessa hingalin alumaa akka deggaruu qabu jedhu hunda biratti fudhatama argateera jedhan.

Riippoortara gaazexichaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 22/2013

Recommended For You